Hojiilen Magaalota Oromiyaatti hojjetaman dhimmoota xiyyeeffannoo Afur gidduugaleeffatu

  • 07 Jun 2022
  • Posted by oromiapre_ulpro
  • 0 Comments

Jilli Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa, I/A Afa-yaa'ii Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa Addee Loomii Badhoofi Miseensota Bakka bu'oota uummataa of keessatti haammate, Magaalaa Galaanitti Waldaa Aksiyoona Piriintiingii, Paablishiingiifi Paakeejiingii Meelbaa, Paarkii Induustirii Horaa Koorporeet Giruuppiifi Paarkii Induustirii Afri-iskaayifi Afrikaan ooyilii dawwateera. Mootummaan Naannoo Oromiyaa Magaalatti kayyoolee gurguddoo Afur: Wabii nyaataa mirkaneessuu, Ogummaa uumuufi dagaagsuu, Interpiruneroota uumuun aadaa hojii keenya foyyessuufi kenna tajaajilaa foyyeessuurratti fuulleffatee hojjetaa jiraachuu kan eeran Pirezidaanti Shimallis, dhaabbileen dawwataman kunniin galma badhaadhinaa mootummaan naannoo keenyaa bira gahuuf hojjetaa jiruuf agarsiiftuu ta'uu dubbataniiru. Qonna Magaalaa, Iduustirii Godoo, Babal'ina Industiraalizeeshinii, Beeksisaafi Itti Fayyadama Humna Investimentii, Fooyya'iinsa Bulchiinsa Piroojeektotaa, Galii Mana Qopheessaa dabaluu, Qusannoofi Investimentii jabeessuu, Qulqullinaafi Magariisummaa magaalaa foyyessuu, Seer-maleessummaa daldalaa maksuun riiformii daldalaafi geejjibaa lafa qabsiisuun xiyyeeffannoo ijoo mootummaa naannoo keenyaa ta'uus eeraniiru.