info@oromia.gov.et                                       

Aangoo fi Gahee Hojii Waajjira Pirezidaanttii

Akkaataa Labsii Qaamol­ee Raawwachiiftuu Mootum­maa Naannoo Oromiyaa Lakkoofsa 242/2014 tiin Waajjirri Pirezidaantii aangoo fi gahee hojii armaan gadii  ni qabaata. Aangoofi hojiin Waajjirichaaf Heera Mootummaa keewwata 59 jalatti kenname akkuma eegamet­ti ta’ee, Waajjirichi aangoofi hojii armaan gadii ni qabaata:

  1. Pirezidaantiifi Manni Maree Bulchi­insaa Mootummaa Naannichaa aangoofi hojii isaanii raawwachuu akka danda’an haala ni mijeessa;
  2. Imaammata, tar­siimoo fi sagantaalee manneen hojii irraa burqan ni qindeessa; ni xiinxala; yaada murtii Mana Maree Bulchiinsa Mootummaa Naannichaatiif ni dhiyeessa;
  3. Hojiirra oolmaa imaammatootaa, tarsiimoowwanii fi sagantaalee misooma moo­tummaa naannichaa ilaalchisee hordoffii fi deeggarsa ni taasisa;
  4. Yaadawwan murtii adda addaa Pirezidaantii yookiin Mana Maree Bulchiinsaa Mootummaa Naannichaatiif dhi­yaatan ni qorata; ni xinxala; yaada murtii ni dhiyeessa; yeroo murtaa’an ni raawwata; ni raawwachiisa; raaw­wii isaanii ni hordofa; deeggarsa barbaachisaa ni kenna;
  5. Sirna dhimmoonni bulchiinsaa, iyyannoo fi komiin ummataa ittiin keessummeeffamu ni diriirsa; hojiirra oolmaa isaa ni hordofa; tooftaa adda addaatiin uummanni akka beeku ni taasisa; Haalli raawwii isaa Dambii bahuun kan murtaa’u ta’a.
  6. Iyyannoo fi gaaffiiwwan abbaa dhimmaa irraa dhiyaatan simachuun ni keessummeessa; deebii ni kenna; kanneen sadarkaa isaatti furmaata argachuu hin dandeenye Pirezidaantiif yookiin Mana Maree Bulchiinsaa Mootummaa Naannichaatiif yookiin qaama dhimmi ilaaluuf dhiyeessuun murtii akka argatan ni taasisa;
  7. Gosoota, baay’inaa fi sababoota komii uummataa yeroo yeroon qorachuun yaada furmaataa waliin qaama murtii kennuuf ni dhiyeessa.
  8. Tajaajila pirotokooliifi dokimen­teeshinii Pirezidaantiifi Mana Maree Bulchiinsaa Mootummaa Naannichaatiif ni kenna;
  9. Hojiiwwan hirmaannaa, hordoffii­fi deeggarsa dhimma diyaaspooraa ni raawwata;
  10.  Hojii biroo Mana Maree Bulchi­insaa Mootummaa Naannichaafi Pirezidaantiidhaan kennamuuf ni raawwata.

Akkaataa Labsii Qaamol­ee Raawwachiiftuu Mootum­maa Naannoo Oromiyaa Lakkoofsa 242/2014 tiin Waajjirri Pirezidaantii aangoo fi gahee hojii armaan gadii  ni qabaata. Aangoofi hojiin Waajjirichaaf Heera Mootummaa keewwata 59 jalatti kenname akkuma eegamet­ti ta’ee, Waajjirichi aangoofi hojii armaan gadii ni qabaata: