Booqaa Birraa — Araarafi Nagaa Oromoo Deebisuun Haaqeeballu! Jedhan Prezidaant Shimallis

  • 04 Sep 2024
  • Posted by WPMNO
  • 0 Comments

Booqaa Birraa — Araarafi Nagaa Oromoo Deebisuun Haaqeeballu! Jala bultiin kabaja ayyaana ulfoo Ummata Oromoo, Irreecha bara 2017 kun, yeroo waan dabarsine deebisnee itti xiinxalluufi haaromsaa itti adeemsisnu ta’uu qaba. Ayyaana ulfoo kabajuuf deemnu kanatti, ummata keenyaaf nagaan isaa haadeebi'u; tokkummaan isaa haa ititu; egereen isaa walhubannoofi abdiin, akkasumas imala badhaadhinaatiin haatarkaanfatu. Ummanni Oromoo saba qabeenya dilbii, seenaa qaroominaa, duudhaa dimokraatawaa fakkeenyummaa sirna Gadaatiin beekamuufi madda nagaa waaraa ture. Haata’uuti cabiinsa adeemsa seenaa keessa isa qunnameen, horteewwaan eenyummaa isaa kunneen irraa mulqamee ture. Kanaaniis, osoo qabuu akka dhabaatti, abbaa ogummaa ta'ee akka dhankaakatti, danda'aa ta'ee akka naafatti, arjaa gootawwanii ta’ee akka doqnaatti, biyya miixatee ijaare keessatti akka ormaatti, biyya aarsaa qaaliin tikse keessatti akka humna diigumsaafii gantuutti ilaalameera; irrattis duulameera. Dhidhima kana keessaa bahuun laayyoo hinturre; qabsoo sabaa sadarkaa har'a irra jiruun gahuuf adeemsa hadhooftuu ilmaan kumaa kitilli itti gabbare ta’uu eenyumtuu dhawataaf dagachuu hinqabu. Qabsoo imala nuffisiisaa ummanni keenya lufee asgahe kana hubachuun, kaayyoo qabsichaafi gulantaa amma irra gahe sirnaan taliguun, akkasumas akeeka egeree isaa ifatti beekuun dhimma murteessodha. Qabsoon ummata Oromoo fedhii addaa olaantummaaf foolatu, mirga addaa qophaatti goonfatu, ummattoota obbolaa moggeessu ykn biyya miidhu hinqabu. Haata’uutii, duula hamaa keessa darbuuf kan dirqame, mirga abbaa biyyummaa mulqame, bilisummaa, misoomaafi obbolummaa dhugaa sababa gaafateefidha. Gama biraatiin, qabsoon sabaa adeemsa dheera kana booda amma gulantaa haaraatti cehuun kaayyoowwan akka sabaatti kaawwatee socho’aa ture deebisuu jalqabeera. Qabsoon sabaa rincicummaa keessa kan gale ummatichi chichoominaafi jagnummaa dhabee osoo hintaane, hoggansa tarkaanfataa qabsoo tarsiimessee qajeelchu addatti dhaburraa kan ka’e ture. Kun qabsoon keenya kurnee hedduuf galma malee akka gandhaalu taasiseera. Haata’uutii, qabsoon kun rincica gulantaa, cabiinsa gama hoggansaatiin baroota dheeraaf akka sabaatti qofa osoo hintaane akka biyyaatti mudatee ture, hoggansa tarsiima’aa baasuun tarkaanfachiisuu eegaleera. Borumtii hoggansi qabsoon Oromoo fardaaf lafoon barbaadaa ture argame, kaayyoo akka sabaatti qabsaa’amaafi ture taraaruu irraa darbee, hudhaawwaan akka biyyaatti turan furuutti tarkaanfateera. Qabsoon ummata keenyaa, kaayyoo qaama eenyummaa isaa haqanqaaluun, aadaafi duudhaa isaa ciqilee, mirga of ta’uu isaa sarbaa turerraa bilisoomuu milkeesee jira. Kaayyoon qabsoo mirga abbaa biyyummaafi siyaasaa isaa mirkaneessuuf, hoggansa dinagdee isaa abboomuuf, saamicha qabeenya isaarratti taasifamaa ture hambisuuf qabatee ture milkaa’era. Yeroo ammaatti, gulantaan qabsoo sabaa, dandeettii mirga eenyummaa, dinagdeefi siyaasaa goonfatame gochaan lafa qabsiisuuf taasifamu dabaluu irratti kan fuulleffatu ta’ee, "dhaloota (saayinsiifi teknoolojiin) dorgomaa ta’e baasuu, ummata dinagdeen humnoome umuufi, sirna ummataawaa cimaa ta’e ijaaruun" kan ibsamuudha. Hoggansi tarsiima’aa dhala gadameessa qabsoo Oromoo ta’e kun, gulantaa qabsoo kana hubatee kan socho’aa jiru ta’uu, tarkaanfilee qabatamaa muraasa kaasuun argisiisuu nidanda’ama. Inisheetivii ashaara magariisatiin, naannoofi biyya qaaniin qullaa dhaabbachuu laafise duudhaa ganamaatti araarsaa, beekamtii idil-addunyaa itti horaafi waarroo kabajaa itti uwwisaa jira. Biyyaa seenaa kadhattummaa qamadiin dugugguruun cabe, waggaa muraasa keessatti galaana qamadii dambaliisu taasisaa jira. Biyya raareen siyaasa walgaarreffannaafi waldhabamsiisuun liqimse, maraamartoo akkasii cabsuun kabaja Looreetii Nagaa Addunyaa baachisaa jira. Gama biraatiin kaayyoo qabsoo itti aanu hubachuun, ija garaagarummaa keenya ittiin ibsinuufi ittiin hiikuu qabnu kan akeekuudha. Yeroo kaayyowwan qabsoo kaleessaa daandii milkaa’inaa qabatanii fuulleffannaa egeree sabaa sararuu eegalan kanatti, garaagarummaan humnoota siyaasaa keenya gidduutti umamuu qabu, imaammataafi tarsiimoo akkamii hordofuu qabna? Ariitii, baay’inaafi qulqullina hagam gahuun yoo hogganaman bakka barbaadame gahama? kanneen jedhan irratti ta’uu qabu. Wanti gaddisiisaan garuu, humni aramaa gulantaa qabsoon Oromoo irra gahe hinhubanneefi afaan qawweetti dhimma bahuun hiree argame qisaasaa akkasumas egeree sabaa balaaf saaxilaa jiru yeroo kanatti nukeessatti biqiluu isaati. Humni naamusaafi kaayyoo sabaa hin qabne kun, mirgoota murteessoo ummanni Oromoo qabsoo kumaa kitila gaafateen goonfatee jalaa sarbuu irratti argama. Safuu, duudhaafi eenyummaa hawaasaatti balaa, pirojektoota ummataatti danqa, sochii misoomatti takallaa ta’ee jira. Humni jeequmsaa kun Oromootti dhimmisaa jira. Bara silaa ummanni Oromoo barnoota dhimma isaa ijoo taasisuu qabutti, mana barnootaa bu’aa qabsoo isaa ta’eefi ijoolleen isaa itti qaramtu gubuun, daa’imman manni barumsaa jalaa gubatee gaaddisatti barachuuf yaatutti dhukaasanii ajjeessuun kaayyoo Oromoo kam iticha? Ijoollee durbaa adamsuun, daa'immaanitti yaaddoo hamaa ta'uun, manguddoofi hawween salphisuun, hawaasa saamuun aantummaa akkamiiti? Yeroo ummanni Oromoo dhibeewwan kamiinuu mankaraaruu hinqabnetti, ambulaansii lubbuu oolchuuf barariitu deessuu ciniinsuun itti hammaate waliin gubuun marartoo akkamiiti? Ummata tajaajila fayyaa kamuu irraa muruun, dhukkubni salphoo cufti itti hammaatee lubbuun akka galaafatamu saaxiluun kaayyoo kam milkeessa? Qote bulaa hiraarsuun, daldalaa gufachiisuun, haalaa yaraa dandeettii hojjechuu ummataa kuffisu umuun, galii dhabsiisuun, akkasumas dinagdee rakkoon nageenyaafi tasgabbii booreessuufi dandeettii egeree isaa guddachaa deemu ijaaruuf qabu jalaa gufachiisuun akkamiin kaayyoo ganamaa saba keenyaa ta’aa? Sabbata haadha hiyyeessaa hiikaa hawween Oromoo dhiiga boossisuun akkamiin qabsoo Oromoo jabeessaa? Garaagarummaa adeemsaa, karaa nagaa ilaalamuu danda’u, akkaataa miira wal-amantaa ajjeesuufi tokkummaa sabaa diigun tarkaanfachiisanii, qe’ee isaa lafa sodaa, mancaatii, gadadoo, beelaa, buqqaatii, du’aafi tuulaa reeffaa taasisuun madaallii maalitiin qabsoo sabaa ta’aa? Gareen kun kanarra darbee, ummata keenya irraa hidhannoo saamee, gurmaa’insa isaa bittinseefi sodaa itti naqee goola finxaaleyyiitiif mijeessaa tureera; jiras. Gocha gantummaa kana caalaatti kan hammeessu ammoo, gama tokkoon gaafa finxaaleyyiin ummata inni hidhannoo irraa mulqetti haleellaa bantu, bira dhaabbachuurra, lubbuu ofii oolchuuf irraa dheessuu isaa yoota’u, gama biraatiin humna nageenyaa ummata inni diinaf saaxile kanaaf birmachuuf socho’u waraanuu isaati. Kaayyoon qabsoo kamuu, akkamitti nagaan oltee bultee qe’ee Oromootii gadi ta’uu dhabee? Gochoonni kunneen, gulantaa qabsoon sabaa irra jiruun kan wal-hinsimne qofa osoo hintaane, faallaa kaayyoo qabsichaati. Humni kun, humna gantuu beekees ta’ee wallaalummaan ergama diinota qabsoo ummata keenyaa, kaleessaa hanga har’aatti hadheeffatanii takalan fudhate kan jennu kanaafi. Mootummaan FDRI’fi naannoo keenyaa, badiiwwaan kana hunda boodallee, garaagarummaa garichi badii kanaaf akka sababaatti dhiyeessu hunda kutannoo karaa nagaa furuuf qaban ibsa ijjennoo baasuu qofaan osoo hintaane, marii nagaa marsaa adda addaa mijeessuun mirkaneessanii jiru. Mootummaan Naannoo Oromiyaa, murannoo boqonnaa badiifi salphinaa kana cufuuf qabu, hidhattoota kumaatamaan lakkaa’aman, waamicha nagaa mootummaafi dhimmamtootaa fudhachuun karaa nagaa galaniif simannaa kabaja olaanaa qabu taasisuun mirkaneessaa jira. Dabalataaniis, tooftaa quuqa tokko malee hawaasatti ittiin makaman, jiruufi jireenya isaanii deebisanii ittiin gadi dhaaban, akkasumas siyaasa isaanii karaa nagaa ittiin tarkaanfachiisuu danda’an guutumatti qopheessuun, kutannoo daandii nagaatiif qabu agarsiisaa jira. Haata’u malee, murni kabaja hojii isaatiin hin horanneefi bilisaan kennameef baachuun itti ulfaatefi hamma gahu of-hinbeekne kun, carraa kennameef ofirraa dhiibee badii ummata irratti taasisu itti fufuun nagaa ummataa danqaa jira. Mootummaan Naannoo Oromiyaa, humna carraa nagaa kennameef hunda dhiibee dararaa ummata irraan gahu itti fufaa jiru irratti, tarkaanfi olaantummaa seeraa kabachiisuu cimsee kan itti fufu ta’us, ammas garaagarummaan jiru karaa nagaa qofa hiikkachuu akka qabuufi hiikkachuus kan danda’u ta’uu ni amanna. Kanaaf, nagaa waaraa ummata keenyaf malu, aantummaafi mararfannaa hawaasa keenyaf qabnuu jecha, gareen hidhatee bosonatti hafe kun daandii nagaa fudhatee karaa nagaa akka qabsaa’ufi galu, har’as irra deebiin maqaa ummata Oromoo, maqaa kiyyaafi, maqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin waamicha nagaa dhiyeessaf. Tokkoffaa, garaagarummaan kun karaa nagaa qofa hiikkachuu qaba kan jennu sababa malee miti. Qabsoon misooma ummataa danqu, dorgommii qaqqabummaafi to’annoo qabeenya hortee misoomaa murtaa’aaf taasifamu hammeessuun, waldhabdee jiru yoobaldhise malee, kan furu waan hintaanefi. Garaagarummaa jiru guutummatti furuu baannullee, yooxiqqaate, gara garaagarummaa imaammataafi tarsiimoo misooma ummataatti ceesisuu yoodandeenye, dilbiifi dandeettii Oromiyaa ifatti hubachuun abdiin socho'uuf carraa kan argannu ta’a. Waldhabdee sochii ummataafi misooma isaa danqaa jiru karaa nagaa, minjaalatti fiduu yoodandeenye, ummanni Oromoo qabeenya umamaa baldhaafi hambaalee aadaa badhaadhoo qabu tasgabbaa’ee misoomsuuf, bu’aa misooma isaarraa fayyadamuuf, akkasumas gara tokkummaafi badhaadhinaatti tarkaanfachuuf carraa kan argatu ta’a. Lammaffaa, garaagarummaan kun karaa nagaa hiikkachuu danda’a kan jennus sababa malee miti. Oromoon ummata aadaa, duudhaafi eenyummaa isaaf dhiibbaa jalatti amanameefi kunuunsee asiin gaheedha. Qajeeltoowwan akka nagaa, tokkummaafi haqaa sirna Gadaa keessatti hammataman, seenaa keessatti waldhabdee hiikuu, araara buusuufi nagaa waaressu irratti qajeelchaa turaniiru; har’as imala keenyaaf murteessaa ta’anii itti fufuu kan qabaniifi danda’aniidha. Dhimma itti bahuuf heeyyamoo taanaan, rakkoon nageenyaa har’a naannoo keenya mudate duudhaalee kanneenii olii miti. Hundaa’ol, qajeeltoowwan duudhaa ulfoo ummatichaa irraa maddan kanneen osoo hinkabajin ummatichaafan qabsaa’a jechuun of-goyyoomsuu irraa bahuun dursa argatuu qaba. Furmaata beekumsa jiraa ummata keenyaa irraa maddu harkatti baannee, fujunjuluun wal-ajjeesuun salphina guddaa ta’uu yoohubanne, marii nagaaf taa’uun dhimma hinmilkoofne miti. Walumaagalatti, gulantaa qabsoon sabaa har’a irra jiruufi akeeka egeree isaa hubachuun, garaagarummaa jiru karaa nagaa hiikuuf fudhachuuf haal-dureedha. Garaagarummaa siyaasaa karaa nagaa furuun guddina waloofi egeree saba keenyaf karaa filannoo wayyu hinqabne. Rakkoo jiru hidhannoon osoo hintaane marii irratti xiyyeeffachuun, kaayyoo waloofi qormaatilee jiranirra aanuuf gurmuun hojjechuun filannoo keenya isa dhumaati. Mootummaan Naannoo Oromiyaa, birraa bari’aa jirutti araara milkeessufi nagaa buusuun ummanni isaa yaaddoo keessaa akka bahu, daa’imman isaa gara mana barnootaa akka deebi’an, dargaggeeyyiin ogummaa isaanii akka kalaqan, hawweenifi maanguddoon akka haara galfatan, qote bulaan sodaa malee akka omishatu, daandiiwwan dhaabbilee tajaajilaa akka banaman, qilleensifi dacheen Oromiyaa sagalee dhukaasaa, baqannaafi ajjeechaa irraa akka boqottu, karaan nagaa kilo meetira 1000 kan fagaatu yoota’e, kilo meetira 999.99 deemee milkeessuuf ijjannoo hinreeqqifne kan qabu ta’uu irra deebiin kanan mirkaneessu ta’a. Ammas nuffa tokko malee, jala bultii kabaja ayyaana Irreechaa bara 2017 kanatti, hawwii nagaa, tokkummaafi badhaadhina ummata keenyaaf qabu ibsuun barbaada. Araara tokkummaafi nageenya ummata keenyaa deebisee ittichu, abdii waliinii egeree keenya caalmaatti ibsu dhugoomsuun waliigallee, waliin taanee akka fuulduratti tarkaanfannu, maqaa nageenyafi misooma ummata Oromoo, akkasumas maqaa kiyyaafii maqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin waamicha isiniif dhiyeessa.