Carrawwaan dinagdee naannoo keenyatti fayyadamuun yeroon ofiifi biyya keenya jijjiirru amma" Pirezidaant Shimallis
Waldaan Interpiraayizoota Shaggar Yaa'ii Waggaasaa Iddoo Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Kabajamoo Obbo Shimallis Abdiisaa, Miseensonni Kaabinee MNO fi Keessummoonni kabajaa biroo Argamanitti gaggeesseera.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa Waggoottan afurii as 'Warraaksa Dinagdee ' jechuun dhaabbilee dinagdee naannichaa sochoosan hundeessee hojjetaa jiraachuu kan eeran Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa, Carrawwaan dinagdee naannoo keenyatti fayyadamuun yeroon ofiifi biyya keenya jijjiirru amma ta'uu dhaamaniiru.
Rakkoo hojii dhabdummaa yeroo yeroon dabalaa deemuufi harkifannaa guddina dinagdee naannoo keenyatti mul'atu keessaa kan baanu yoo hunduu waltumse ta'uullee kan eeran Pirezidaant Shimallis,hayyoonniifi dhaabbileen misoomaa garuu dirqama dachaa akka qaban hubachuun gahee isaanii akka bahuu qaban dhaamaniiru.
Waldaan Interpiraayizoota Shaggar namuu qabeenya beekumsarratti hundaa'e akka horatuuf kaayyeffatee Interpiraayizoota gameeyyiin kan hundaa'e ta'uu kan eeran Pirezidaantiin Waldaa Interpiraayizoota Shaggar Obbo Bulbulaa Tullee, waldichi erga hundaa'ee leenjiiwwaan garaagaraa kennuun haala liqaas mijeessee jiruufi jireenyi namoota hedduu akka fooyya'u taasisuu dubbataniiru.
Waldichi Pirezidaantii MNO Kabajamoo Obbo Shimallis Abadisaa dabalatee namoota jireenya isaanii keessatti bu'aa ba'ii garaagaraa keessa ce'uun dhalootaaf fakkeenya ta'an, dhaabbilee milkaa'ina waldichaaf gumaata olaanaa taasisaniifi Mootummaa Naannoo Oromiyaaf beekamtii kenneera.