Piroojektoota Naannoo Oromiyaatti ijaaramaa jiran yeroofi qulqullina qabameen xumuruuf kutannoon hojjetamaa jiraachuu Itti Aanaan Pirezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii himan.
Hojiin qamadii irratti raawwannu wabii nyaata biyya keenyaa mirkaneessuurra darbe dhimma birmadummaa biyyaatiin wal qabatudha.
Jilli hoggantoota olaanoo mootummaa, itti aanaa pireezidaantii Paartii Badhaadhinaa Adam Faraah, itti aanaa pireezidaantii paartii, Ministira Muummee itti aanaafi ministira dhimma alaa Dammaqaa Mokonninifi pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa keessatti argamu Paarkii Biyyoolessaa Cabaraa Curcuraa daawwatee
Galmoota gurguddoo gama hawaas-dinagdeetiin qabaman milkeessuu keessatti qoodni sektara turiziimii olaanaadha. Dilbiin kun yeroo dheeraaf xiyyeeffannoo gahaa osoo hin argatin ture.
Magaalli wiirtuu qaroomina ammayyaati. Magaalli giddugala murteessoo siyaas-dinagdeefi hawaasummaati. Wiirtuu barnoota, saayinsii, teeknoolojii, daldala, gabaa, aartii, ogbarruuf birooti. Siimboon caasaa olaanaa (superstructure) biyya tokkoo kan guutamu afaan, aadaa, duudhaa, calaqqee eenyummaa, ilaalchafi falaasama ummata magaalaa dhuunfateeni.
Midiyaa Hawaasa
Waa`ee Waajjira Bulchiinsa Diyaaspooraa Daarektaroota Oduu Nuu Qunnamaa
Copyright @2021 by Oromia President Office| www.oromia.gov.et