Sabni LAFA, Namni Lafee Hinqabne Tokkuma Lachuu Hin Dhaabbatanu!
Oromoon yoo mammaaku, “dubbiin LAFAA dubbii lafeeti!” jedha. Akkuma namni tokko lafee malee dhaabbatee hin deemne, sabni tokkos lafa malee itti fufti isaa yaaddessaadha. Lafti mirga abbaa biyyummaa waliin kallattumaan walqabata. Babaldhinni sirna ‘abbaa lafaa’ mirga kana sarbuun, akka sabaatti rakkoo siyaas-dinagdeefi hawaasummaa hammaataaf nu saaxiluun isaa yaadannoo kurneewwaan muraasa darbaniiti.
Mirga kana akkaataa heerrifi seerri beeken deebisnee goonfachuuf, qabsoo hadhaawaa yeroo dheeraa nurraa fudhateera. Haata’uutii, qabeenyi gatii qaalii itti bahe kun rakkoo irraa bilisa hintaane. Babaldhachaa dhufuu fayidaafi fedhii lafaatiin walqabatee rakkoolee buleeyyiifi haaraa hedduun umamaniiru; kuufamaniiru.
Mootummaan Jijjiiramaa keenya xiyyeeffannoo kenneen, rakkoolee itti fayyadama, bulchiinsaafi misooma lafaa (magaalaafi baadiyyaa) qorannoon adda baaseera. Bu’uuruma kanaan, fkn, “Labsii Itti Fayyadama Lafa Baadiyyaa Naannoo Oromiyaa lakk. 248/2015" Caffee naanniichaatiin raggaasisee, gurmaa’insa isa madaalu tolcheefii jira.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa, rakkooleefi carraa amma jiran soquun, toorawwan tarsiima’aa sirna bulchiinsa lafaa ammayyeessuu danda’an afur adda baasee hojiirra oolchaa jira. Haaluma kanaan, almoota isaaniifi bu’aalee raawwii hanga ammaatti argamaa jiran haa ilaallu:
Toora Tarsiima'aa Itti Fayyadama Lafa Oromiyaa!
Tokkoffaa: Itti Fayyadama Lafaa፡
Misoomni lafa irratti gaggeffamu kamuu akkaataa Karoora Itti Fayyadama Lafaa (Land Use Plan) tiin hoogganamuu qaba. Kunis, dilbii misooma hawaas-dinagdee magaalotaafi godinaalee bira jiru akkasumas hawwattummaa, dorgomummaafi mijattummaa magaalaa dabaluuf ni dandeessisa. Kana malees, al-seerummaa lafaa cabiinsa pilaaniitin walqabatan hordofuufi xiqqeessuuf ni gargaara. Raawwiin hanga ammaa, itti fayyadama karoora lafaa (KIL) fooyyeesseera, Lafti misooma fayidaa olaanaa argamsiisuuf ooluus dabalaa jira.
Lammaffaa: Misooma Lafaa:
Lafti leecalloo murta’aa umamaati. Bu’aan irraa argamu garuu, haala qabatamaa itti fayyadama keenyatiin kan murtaa’a. Bu’uuruma kanaan, dhiyeessii lafaa tajaajila misooma barbaachisaa mirkaneessuun, gaheefi gumaacha misoomni lafaa gahee guddina indastiriin, qonniifi, tajaajillii hundumtaa omisha waliigalaa kessatti qabu dabaluudha. Qabatamaadhaanis, gama tokkoon itti fufiinsa dhiyeessii lafaa, gama biraatiin gahee sektaroota kanneenii dabalaa jira.
Sadaffaa: Tajaajila Bulchiinsa Qabiyyee:
Biyyoota guddachaa jiran heddu keessatti, akkaataan hojiirra oolmaa seerota lafaa yeroo hedduu iftoomina hinqabu. Haalli kun sarbiinsa mirgaa waan hordofsiisuuf, amantaa mirga itti fayyadama lafaa ni haphisa. Falli rakkoo kanaa, tajaajila galmeessii lafaa ammayyeessuufi cimsuudha. Kanaaniis, mirgoonni lafaan walqabatan amanamaafi wab-qabeessa taasisuun, invastimantii yeroo dheeraa ni onnechiisa; akkasumas (qooddatoota biroo waliin) oomishtummaa lafaa dabaluun misooma ni saffisiisa. Raawwiin hanga ammaa jiru mirga itti fayyadama lafaa waboomsaa; akkasumas bulchiinsa gaarii mirkaneessaa jira.
Afraffaa: Kaadastara seeraa:
Toorri tarsiima’aan kun galmoota adda addaa qaba. Inni duraa sektarichi wiirtuu ragaa lafaa amansiisaa, wayitawaafi nageenyi isaa eegame akka diriirsu taasisuun, qisaasamaafi al-seerummaa lafaan walqabatu xiqqeessuufi misooma barbaadamu qofaaf akka oolu taasisuudha.
Inni itti aanu sirna gabaa mirga qabiyyee lafaafi qabenya dhaabbataa bu’aa qabeessa, waytaawafi madaalawaa taasisuudha. Bakka galmeessi ragaa lafaa amansiisaa hinjirretti: dabarsi lafaa qaalii, harkifataafi bu’aa maleessa ta’a; abbaa mirgaa sirrii adda baasuun waan rakkisuuf, ogeessa seeraa qaxaruun baasii hinmalleef kan saaxilu ta’a. Bu’uuruma kanaan, galmeessa lafaa hojiirra oolchuun dabarsa lafaa amansiisaa, ariifataafi bu’a qabeessa taasisuuf hojjetamaa jira.
Sadaffaa, galii lafa irraa argamu dabaluudha. Galmeessa lafaa sirneessuun, bu’uura gibiraa fooyyaa’e uumuu danda’a. Bu’aan kun gama isaatiin fayidaalee akka uwwisa gibiraa baldhisuun galii dabaluu, dhoksitoota gibiraa salphaatti adda baasuu, akkasumas kafaltoota gibiraafi lammilee gidduutti haqa uumuuf kan gargaaruudha.
Afraffaan, keessummeessa falmii lafaa hirdhisuudha. Bakka sirni galmeessa lafaa amansiisaan hinjirretti, walitti bu’iinsiifi falmiin lafaan walqabatu ni heddumata. Adeemsi kun, mirgi lammiilee harka-qaleeyyiin, dureeyyiidhaan akka sarbamu taasisa. Asirraa ka’uun, sirna galmeessa lafaa diriirsuun walitti bu’iinsaafi falmii lafaan walqabatu karaa hiika qabuun hirdhisuuf hojjetamaa jira. Bu’aa kanaaniis, hariiroo hawaasummaa ni fooyya’a; keessummeessi manneen murtii ni hirdhata; baasii nama dhuunfaa ni hambisa; akkasumas walitti bu’iinsa dantaa nama dhuunfaafi ummataa ni hirdhisa.
Inni dhumaa, qaqqabamummaa liqii guddisuudha. Galmeessi mirgoota lafaa mirgoota biroo seerummaa goonfachiisa. Dhugummaan mirgootaas ragaalee barreeffamaan laatamaniin kan mirkanaa’u ta’a. Kanaaf, abbootiin qabiyyee lafaa, qabeenya isaanii qabsiisanii liqii argachuuf akka amanamaan isaan dandeessisa. Dabalataaniis, tajaajjilli liqii galmeessa ragaa lafaa irratti waan bu’uureffamuuf, galmeessi ragaa lafaa kun sodaa liqeessitootaa hir’isuun qaqqabamummaa liqii dabalaa jira.
Walumaagalatti, hojiin gama itti fayyadama, bulchiinsaafi misooma lafaa irratti raawwatamu kamuu galmoota gurguddoo sadan mootummaan keenya kaa’e waliin kallattiin walqabatu. Bu’aan lafarraa argamu ammoo haala itti fayyadama keenyaan murtaa’a. Hundaa’ol, dantaa lafaa dhaloota lama waliin kan qooddannu ta’uu hubachuu qabna: dhaloota nudhaalchiseefi dhaloota nurraa dhaalu.
Raawwii hanga amaatiin, bu’aalee jajjabeessaan argamanis, hoj-manee guddaan isa dhufuudha. sirna bulchiinsa lafaa fooyyessuun hojii tibba tokkoofi yeroo dhumaaf raawwatamuu miti. Qaroominaafi jijjiirama ilma namaa waliin kan itti fufu ta’uu isaatiin obsaafi ofkenna, hirmaannaa hawaasa baldhaafi qooda fudhattoota hunda, misooma humna namaafi dhiyeessii teeknoolojii itti fufiinsa qabu gaafata. Waan kana ta’eef, hoggansi sadarkaan jiruufi caasaan mootummaa hundi, karoorafi toorawwan tarsiima’aa gama kanaan qabnu hubatee kutannoon akka hojjetu dhaamsa koo dabarsuun barbaada.