Xiyyeffannoon Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa inni guddaan qonna ammayyessuu ta'uu obbo Shimallis Abdiisaa dubbatan

  • 16 Jul 2021
  • Posted by Anonymous (not verified)
  • 0 Comments
Xiyyeffannoon Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa inni guddaan qonna ammayyessuu ta'uu obbo Shimallis Abdiisaa dubbatan
Sagantaan dabarsa paampii bishaan jallisii qonnaan bultoota godinaalee hundarraa bakka bu'anii Magaalaa Mojootti gaggeeffameera.
Injifannoo gama siyaasaatiin arganne roga qonnaatiin dabaluuf tokkummaan haa hojjennuus kan jedhan Pirezedaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa, milkoo isaafis akka durii waggatti yeroo tokko qotuun osoo hin tahiin waggatti yeroo sadiifi isaa ol oomishuu danda'uudhaan ta'uu dubbataniiru.
Waggottan laman darban hojii gama kanaan hojjetameenis al ergiin oomishaalee naannichaa dachaa oliin dabaluu eeraniiru.
Waan mootummaan naannichaa kaayyefatee hojjetaa jiru kana milkeessuufis qonnaan bultoonniifi horsiisee bultoonni naannicha iddoo jiranitti daran cimanii hojjechuu akka qaban dhaamaniiru. Haaluma kanaan, paampiin bishaanii kunniin milkaa'ina hojii qonnaa naannichatti karoorfamee hojjetamaa jiruuf tumsa yoo ta'u, keesumaa akeekka oomisha qamadii bara dhufu dachaan dabalamuuf kaawame kan dhugoomsu ta'uus ibsaniiru.
Akka Naannoo Oromiyaatti paampiiwwan bishaan jallisii 7,790 qonnaan bultootaaf dabarfamee kennamuuf karoorfame keessaa hanga ammatti 3,679 harka qotee bulaa kan galan yoo ta'u, guyyaa har'dhaas paampiiwwan bishaan jallisii 6,111 bakka Pirezedaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa argamanitti wal harkaa fuudhiinsi taasifameera.
Kallattii Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Oromiyaa qabatee hojjetu keessa inni gudduufi dursaa oomisha nyaataa dabaluun badhaadhina mirkaneessuu ta'uu kan eeran Hogganaan Biiroo Qonna Oromiyaa obbo Dhaabaa Dabalee, kana milkeessuufis
Biiroon Qonna Oromiyaa jiruu qonnaan bultootaa fi horsiisee bultoota jijjiruuf qonna ammayyeessuuf hojjetaa jiraa jedhan.
Sadarkaa Itti Aanaa pirezedaantiitti qindeessan Kilaastera Baadiyyaa, Girmaa Amantee (PhD), sagantaan kun Mootummaan Naannoo Oromiyaa, qabataman jiruu fi jireenya qonnaafi horsiisee bultootaa bu'urarra jijjiiruudhaaf hojjetaa jiru ta'uu namatti agarsiisaa jedhan. Kana yoo milkeesine qofa gara badhaadhinatti ceenas jedhan Girmaan.
Qonnaan bultootni naannichaas bishaan ganna kana rooban argatan kuusuun milkaa'ina kana tumsuu akka qaban ergaa dabarsan.
BMNO: Adoolessa, 2013