Waltajjiin gamaggama raawwii hojii BMNO bara 2013fi kallattiin raawwii hojii bara 2014 Adaamaa gidduu gala galma abbaa gadaatti ta'amaa ture xumurame

  • 29 Jul 2021
  • Posted by Anonymous (not verified)
  • 0 Comments
Hooggantootaafi hojjettoota tajaajila gurguraniifi hannatti bobba'an qulqulleessuun, sirna jabaa uummataaf mijatu ni ijaarra, Prz.Shimmallis
Waltajjiin gamaggama raawwii hojii BMNO bara 2013fi kallattiin raawwii hojii bara 2014 Adaamaa gidduu gala galma abbaa gadaatti ta'amaa ture xumurame.
Xumura gamaggama hojii kanaanis godinaalee, madaalliifi sadarkeessi manneen hojii Mootummaa  sekteroota naannoo,godinaaleefi magaalotaa gaggeefameen kanneen  raawwii olaana galmeessaniif badhaasni yeroo jalqabaaf Waajjira pireezidantiin qophaa’e, moggaasa "Presidential Award of Oromia Regional State" qabu kennameera.
 
Akkaataa kanaan cuunfaa madaallii hojii walii galaa bara 2013’n godinaalee Oromiyaa Keessaa Godinni Jimmaa 1ffaa yoo bahu, Godinni Arsii, Harargee Bahaa fi Buunnoo Beddellee warreen sadarkaa 2ffaa hanga 4ffaa qabatanidha.
Magaalota Oromiyaa keessaa Magaalaan Adaamaa 1ffaa yoo bahu, Bishooftuu, Duukamii fi Galaan 2ffaa hanga 4ffaa bahuun badhaafamaniiru.
Manneen hojii sadarkaa naannoo Oromiyaa keessaa Biiroon Misooma Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa Sadarkaa 1ffaa yoo qabatu , Abbaa Taayitaa Galiiwannfi Biiroon Barnoota Oromiyaa duraa duubaan sadarkaa 2ffaa fi 3ffaa qabataniiru.
Qaamolee kanneeniif konkolaataa,geebaafi waraqaan ragaa kennamaniiru.
Gama biraan Seektaroonni  sadan akka naannotti jiran Sektari Misooma baadiyaa tokkoffaa yoo tahu Hawaasummaa fi Magaalli 
wal-duraa duuban 2ffaa fi 3ffa ta'an.Dhumarratti haasaa kan taasisan Pirezidaantiin  Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa,hojii qabatamaa hunduu hojjeteen jijjiiramniifi injifannoon naannoo keenya keessatti mul'atuu eegaleera jedhan.
Badhaasni kunis miira dorgommii wal jidduutti uumuun injifannoo caalmaaf akka nu kakaasuuf madaallii gaggeeffame ta'uu hubachuun qaamni kamuu miira dorgommiin hojjechuu akka qabu taasisuuf kan raawwate ta'uu dubbataniiru.