Torbeen Turizimii Oromiyaa waggaa waggaadhan gaggeeffama jiru qaama jala bultii Ayyaana Irreechaa ta’uutti ce’aa jira. Asumaan ummata keenya maraan baga Ayyaana Irreechaa bara 2018 nagaan geessan! Nagaan geenye jechuun barbaada.

  • 07 Oct 2025
  • Posted by oromiapre_ulpro
  • 0 Comments

 

Torbeen Turizimii Oromiyaa waggaa waggaadhan gaggeeffama jiru qaama jala bultii Ayyaana Irreechaa ta’uutti ce’aa jira. Asumaan ummata keenya maraan baga Ayyaana Irreechaa bara 2018 nagaan geessan! Nagaan geenye jechuun barbaada.  

Jiijjiiramaan as riifoormii sektaraa gaggeessine hordofuun, turizimiin “sektara ol-adeemaa” ta’uun hubatamee toora xiyyeeffannoo mootummaa keenyaa ta’eera.

Mootummaan Jijjiiramaa Naannoo Oromiyaa, dilbii misoomaa sektarichi qabu baasuuf sektara aadaafi turizimii sana dura ture cinaatti, Komishinii Turizimii Oromiyaa hundeessuun jalqabe ture. Komishiniin Turizimii Oromiyaa toorawwan qabiyyee (thematic areas) sektarichaa keessaa, hubannoo turizimii umuu, qabeenya turizimii nam-tolcheefi umamaa naannichaa beeksisuu (promotion)’fi hidhamiinsa gabaa umuu irratti hojii milkaa’aa raawwataa tureera.

Hojiilee hubannoo turizimii umuufi seenessa jallaa turizimiirratti ture jijjiiruuf raawwatame akka salphaatti ilaaluun hindanda’amu. Hubannoon hawwata turistii irra caala hambaa kiliyaa nam-tolchee qofaan kan walqabate turuun isaa yaa’iinsa turistii, kallatti tokkoon qofa kan taasise ture.

Hojii bu’uuraa gama kanaan raawwatameen, akkuma hambaalee kiliyaa nam-tolchee, hambaaleen kiliyaa aadaa (intangible cultural heritage) akkasumas, qabeenyi umamaa naannoo keenyaa, hawwata qaalii turizimii ta’uu hojiin hubannoo umuufi beeksisuu baldhinaan raawwatameera. Kanaanis, naannoon keenya kaartaa turizimii (tourism map) irratti iddoo isaaf malu argachuurratti argama. Qabeenyi kunniin akka kunuunfamaniifis kaka’umsa umaa jira.

Akkasumas, maqaa gaarii naannoofi ummata keenyaa eeguufi walitti dhufeenya naannoolee ollaafi biyyoota biroo waliin qabnu cimsuu irratti humna ta’aa jira. Carraa kanaan hirmaattota naannoolee obbolaafi biyyoota garagaraa irraa asitti argamtaniin, akkasumas dhaabbilee midiyaa qabeenya kana beeksisaa turtaniin galatoomaa jechuun barbaada.

Jalqabbiileen armaan olitti tarreeffaman

 imala malee galma akka hintaane hubatamuu qaba. Mootummaan Naannoo Oromiyaa, lafarratti yaa’insa turistii jijjiiruu, carraa hojii umuufi fayidaa dinagdee hawaasa keenyaatti ceesisuuf, bu’uuraalee misoomaa turizimii ijoo guutuu irrattis sochii baldhaa taasisaa jira.  Dhaabbata gahitii turistii misoomsu hundeessuun, loojiwwan dullooman haaromsaafi haaraa ijaaraa jira. Buufataalee xayyaaraafi daandii babaldhisaa, paarkotaafi iddoowwan ikoo-turizimii haaraa hedduu daangessaa jira. Dabalataanis, ogeeyyii turizimiifi hawaasa naannawa gahiitii turistii leenjisaafi invastimantii turizimii sektara dhuunfaa jajjabeessuu irratti argama. Mootummaan keenya abbootii qabeenyaa sektara kana irratti invast gochuu barbaadaniif paakeejii addaa waan qopheessef, akka itti fayyadamtan carraa kanaan affeeruun barbaada.

Sagantaa milkaa’aa guyyaa kanaatiif, hooggansa Komishinii Turizimii Oromiyaa, ogeeyyiifi qooda fudhattoota mara maqaa kiyyaafi maqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin galateeffachaa, irra deebiin baga jala bultii Ayyaana Irreechaa bara 2018 nagaan geessan! Baga geenye jechuun barbaada.