Qopheessummaa WPBMNO
Qopheessummaa Waajjira Pireezidaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa kan qophaa'u Gumiin Balal, gaggeeffamaa jira.Gumii Balal kanarratti hayyoonni Oromoo damee ogumma garaa garaa irratti hirmaata jiru.
Gumiin Balal mata duree "Sona filannoo diimokiraatawaa fi nageenya" jedhurratti mari'ichaa jira.
Waltajjii marii Gumii Balal kana hayyuun yuuniversiitii Finfinnee Dr Taaddasee Leencoo Kan gaggeessan Yoo ta'u hayyuun falaasamaa Obbo Guyyoo Dooyyoo ammoo barreeffama mariif ka'umsaa Nagaa, filannoo fi diimokiraasii jedhurratti dhiyeessaniiru.
Nagaan Dhala namaafis ta'ee lubbu qabeeyyi hundaaf murteessadha.
Uummanni oromoos Duudhaa nagaa kunuunsu fi eeguu Akka qabu himaniiru.
Beektonni addunyaas faayidaa nagaan lubbu qabeeyyif qabu hubachuun, qaamni nagaa kana eeguu jiraachuu qaba jedhani mootummaan Akka hundaa'u taasisan Kan jedhan obbo Guyyoon, mootummaan hundaa'us Kan uummataa Akka ta'uuf, filannoon barbaachisaa jedhan.
Kanaaf nagaa mirkaneessuf Uummanni nagaa eeguu, yoos nagaanis uummata eegaa jedhan. Kanaaf nagaa uummataa eeguu fi filannoo diimokiraatawaa gaggeessuun guddina biyyaaf murteessadha jedhan.
Hirmaattonni waltajjii gumii Balal irratti hirmaatanis, bu'uura yaada marii dhiyaateen yaadaa fi gaaffii qaban kaasanii irratti mari'atameera.
Oromoo Duudhaa nagaa buusuu qabu tuttuquun Warreen nagaa booressuuf yaalanif Uummanni oromoo osoo gurra hin kenniin Hojii biyya ijaaruu eegale itti fufuu Akka qabu waltajjii kanarratti Kan dhaamame Yoo ta'u gochi tibbana hiriira Naannoo amaaraatti gaggeeffamerratti raawwatame, kan heera Mootummaa faallessu, kan eenyummaa uummataa sarbuu fi seera haasaa jibbinsaa ittisuuf ba'e Kan cabsu waan ta'eef tarkaanfiin sirreeffamaa fudhatamuu Akka qabus himameera.
Filannoon marsala 6ffaa bara Kansas damtaa qabsoo uummata oromoo mirkaneessuf iddoo guddaa Akka qabus hirmaattonni waltajjii marii Gumii Balal eeraniiru.
Filannoon Ofii isaa galma mitii, filannoo adeemsa guddina diimokiraasiif bu'uura malee Kan jedhan waltajjichi Kan gaggeessan hayyuun seeraa yuuniversiitii finfinnee Dr Taaddasee Leencoo, filannichi eenyuu ol uummata biyyattif murteessaa waan ta'eef dammaqinaan irratti Akka hirmaatan dhaamaniiru.