Qabeenya bishaanii naannichi qabu sirnaan bulchuu, ittifayyadama mekaanayizeeshinii qonnaafi misooma jallisiirratti qixaan hojjachuun inisheetivii qamadii idiloomsuu keessatti shoora olaanaa qaba

  • 28 Nov 2025
  • Posted by oromiapre_ulpro
  • 0 Comments

Qabeenya bishaanii naannichi qabu sirnaan bulchuu, ittifayyadama mekaanayizeeshinii qonnaafi misooma jallisiirratti qixaan hojjachuun inisheetivii qamadii idiloomsuu keessatti shoora olaanaa qaba.
Mootummaan harka naqannaa tarsiima’aa misooma jallisii qamadii bonee irratti taasiseen bu’aawwan gurguddoon kan galmaa’an yoota’u, hojiiwwan waggoottan darban hojjatamaniin, jijjiirama aadaa hojii irraa hanga fedhii gabaa qamadii guutuufi carraaqqii wabii nyaataa mirkaneessuuf taasifamu utubuutti gahamee jira.
Bu’uuruma kanaan, bara kanas qamadii boneetiin lafa hekt. mil. 4 ol misoomsuun callaa kunt. mil. 163.6 argachuuf karoorri baldhaan qabamee guutuu Oromiyaatti hojjatamaa jira. Kunis, sirnakkoofi qilleensa baramaa naannoo keenyaa bu’uureffachuun kan raawwatamu ta’a. Kanaanis, godinaalee hedduutti sochiin facaasaa qamadii bonee gaggeeffamuu irratti argama.
Inisheetiviin misooma qamadii bonee oomishtummaa olaanaa kan qabu yoota’u, caalmaatti waaressuufi ittifufaa gochuuf sirnoomsuu kan gaafatudha. Haaluma kanaan, caasaan mootummaa sadarkaan jiru dhimmoota sadi irratti gama kanaan fuulleffachuu ni hojjata.
Inni duraa, inisheetiviin qamadii bonee idilaa’ee ofiin akka socho’uuf hoggansi mootummaa harka naqannaa (intervention) tarsiima’aa taasisuu qaba.  Lammeessoorratti, milkaa'innni karooraafi raawwii hanga ammaa jiru dilbii qabnu giddugaleessa kan taasisee waan hintaanef, carraa gama lafaafi bishaanitiin qabnu beekumsaafi tekinoolojiin dabaaluun dilbii Oromiyaa gahumsa olaanaan duguugnee akka fayyadamnuuf hoggansi sadarkaan jiru xiyyeeffannoon socho’uu qaba. Sadeessoon, garaagarummaa oomishtummaa baldhaa idil-addunyaa waliin qabnu dhiphisuu irratti ariitiin hojjechuudha. 
Kana bu’uura godhachuun, hojiin misooma qamadii bonee yeroo ammaa aadeffatamaa kan dhufe yoota’u, hawaasni naannichaa qabeenya bishaanii, qilleensa mijataafi haala mijaawaa mootummaan umeetti sirnaan fayyadamuun omishaafi oomishtummaa isaanii guddisaa jiru. Mootummaanis, bulchiinsa qabeenya bishaanii, eegumsa biyyee, tamsa’ina ogummaa, dhiyeessii paampii, sanyii filatamaa, callaa guddistuu, tajaajila eksitenshiniifi bu’uuraalee misooma jallisii irratti ittifufiinsaan hojjachuurratti argama. 
Akka waliigalaatti, misooma qamadii boneetiin tarkaanfilee fudhatamaaniin bu’aaleen gurguddoon galmaa’anis, galmoota misoomaa gurguddoo Mootummaan Jijjiiramaa Naannoo Oromiyaa qabatee fiixaan baasuuf hojjachaa jiru, dilbiiwwan  Oromiyaa qabu, qilleensa mijaawaa, biyyee gabbataafi qabeenya bishaanii jiru akkasumas fedhii misoomaa ummata keenyaa waliin hojii guddaan kan hafudha. Mootummaan dilbiiwwan naannichi qabu duguugee fayyadamuufi misoomsuun badhaadhina bu’uuressuuf, caalmaatti cichoominaan kan hojjatu ta’a.