Paarkii Indaastirii Qonna Qindaa’aa Bulbulaa eebbisiisaniiru.

  • 10 May 2021
  • Posted by Anonymous (not verified)
  • 0 Comments

Biyya lammii hundaaf walqixa mijattu ijaaruuf hojjenna" –MM Dooktar Abiy Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiyyi Ahimad fi PMNO obbo Shimallis Abdiisaan Paarkii Indaastirii Qonna Qindaa’aa Bulbulaa eebbisiisaniiru. Baasii Birrii biiliyoona 9tti hiiquun kan ijaarrame Paarkiin Indaastiriin Qonna Qindaa’aa Bulbulaa eebbifameera. Ityoophiyaa hundaaf carraa qixa laattu, qixa hammachuu dandeessuu ijaaruuf hojjechaa jira jedhan Dooktar Abiy. Eenyummaa ofiin alatti biyya ijaaruun hin danda’amu, biyya lammii hundaaf walqixa mijattu ijaaruuf hojjenna jedhaniiru. Nuti jabaannee hojjenne,diinoonni olola nurratti afarsan boru jilbiifatanii nu araarfatu jedhan haasawa sirna eebbichaarratti taasiisaniin. Ityoophiyaa Jijjiiruuf mala Qonnaa jijjiiruun murteessadha jedhan Dooktar Abiy. Preezedaantiin Bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan gama isaaniin mootummaan Ityoophiyaa gaaffii fi fedhii ummataa deebisuuf xiyyeeffannoo guddaan tarsiimoo fi imaammata qonnaa faayidaa qonnaan bulaa mirkaneessu hojiitti hiikaa jiraachuu ibsaniiru. Jiruu fi jireenya qonnaan bula gara badhaadhinaatti ceesiisuuf hojiilee eegalaman caalmaatti cimsuun qindoominaan hojjechuun barbaachisaadha jedhan. Gootummaan keenya inni duraa diingadee biyyaa ceesiisuun ummata biyya keenyaa harkatummaa jaalaa baasuudha jedhan. Badhaadhinni hin dhaadatu hojjette agarsiisa,dhaloota ijaara, ummata isaa jijjiiruuf yaada haaraa burqisiisuun lafa qabasiisa, badhaadhinni abjuu osoo hin taane qabatamaan hojjetanii agarsiisuudha jedhan obbo Shimallis. Dhugaa qabannee waan imalluuf diina kamiiyyuu ni injifanna jedhan. Badhaadhinni biyya ijaarsa malee biyya hin diigu, biyya ijaaruu keenya ammoo qabatamaan agarsiisaa jirra jedhan.