Mootummaan Naannoo Sidaamaa lammiilee naannoo keenyaa sababaa hongeen miidhamaniif kan oolu qarshii miliyoona 20fi marga loonii konkolaataa 20 deeggarsa taasise.
Jiilli Pirezidaantii Naannoo Sidaamaa Obbo Dassitaa Ladamoo durfamu, Pirezidaantii MNO Obbo Shimallis Abdiisaafi Hoggantoota Olaanoo Naannichaan Waajjira Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti simatamatamaniiru.Mootummaan Naannoo Oromiyaa rakkoo hongee godinaalee naannoo keenyaa tokko tokkotti mudate dandamachuuf maallaqa hojii misoomaaf qabamerraa hir'isuun deeggaraa jiraachuu kan eeran Pirezidaant Shimallis,kana cinaattis deeggarsi naannooleen biroo taasisaa jiran obbollummaa dhugaa gaafa rakkoo gaachana waliif tahuu keenya itti argisiisaani jedhaniiru.Uummanni Oromoofi Sidaamaa uummata seenaa jireenya bara dheeraa waliin qabaniifi aadaafi duudhaa hedduu waliin qooddataa ture tahuu kan eeran, Pirezidaant Shimallis,deeggarsa naannoo keenyaaf taasifameefi galateeffataniiru.
Uummanniifi mootummaan naannoolee lameenii tokkummaa Itiyoophiyaa tiksuu keessattis gahee waloo akka bahataas turan kan eeran Pirezidaant Shimaallis,Fuldurattis hojii misoomaafi nageenyaa hedduu waliin kan hojjetan tahuu dubbataniiru.Hariiroon uummattoota naannoolee lameenii kan baroota hedduuf tureefi ijaarsa Itiyoophiyaa keessatti hangafummaan mul'ataa turee tahuu kan yaadachisan Pirezidaantiin Motummaa Naannoo Sidaamaa Obbo Daassitaa Ladaamoo ,deeggarsi taasifne yeroo bal'ina qofa osoo hin taanee yeroo rakkoos waliin jiraachuu keenya mirkaneessuufi jedhaniiru.Uummanni Oromoofi Sidaamaa uummattoota tokko,naannoo garaagaraa keessa jiraatan tahuu kan eeran,Pirezidaant Dassitaan naannooleen lamaan hariiroo ofii cimsuunis humnoota tokkummaa Itiyoophiyaanotaa laaffisuu barbaadan dura kan dhaabbattan tahuus dubbataniiru.
Oromiyaa ni ijaarra
Itiyoophiyaani utubna
Gaanfa Afrikaa ni tasgabbeessina