Mootummaan Naannoo Oromiyaa Wixinee Labsii Gurmaa’insa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Caffeen raggaasise bu'uura godhachuuuun ramaddii bulchitoota Godinaalee Oromiyaa jahanii ifoomse.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa Wixinee Labsii Gurmaa’insa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Caffeen raggaasise bu'uura godhachuuuun ramaddii bulchitoota Godinaalee Oromiyaa jahanii ifoomse.
Bu'uuruma kanaan:
1. Obbo Abdurrahmaan Abdallaa Sadarkaa Pireezidaantii Itti Aanaatti Bulchaa Godina Baha Oromiyaa
2. Obbo Masfin Malaakuu Sadarkaa pireezidaantii Itti Aanaatti Bulchaa Godina Lixa Oromiyaa
3. Dooktar Rashaad Kamaal Sadarkaa Pireezidaantii Itti Aanaatti Bulchaa Godina Kibba Lixa Oromiyaa
4. Dooktar Mangistuu Baqqalaa Sadarkaa Pirezedaantii Itti Aanaatti Bulchaa Godina Giddu Galeessa Oromiyaa
5.Obbo Ahmad Idris Sadarkaa pirezedaantii Itti Aanaatti Bulchaa Godina Kibba Baha Oromiyaa
6. Obbo Ahmad Haajii Sadarkaa Pirezidantii Itti Aanaatti Bulchaa Godina Kibba Oromiyaa ta'uun ramadamanii jiru.
Caffeen Oromiyaa yaa’ii isaa duraa Waggaa 1ffaa Bara Hojii Caffee 7ffaa taa'een, Wixinee Labsii Gurmaa’insa Mootummaa Naannoo Oromiyaa har'a kan raggaasise yoota'u, wixineen kunis hojiilee walfakkaataa bakka tokkotti gurmeessuun, ittiquufiinsafi fayyadamummaa ummataa mirkaneessuu irratti kan xiyyeeffatedha. #oromiapresidentoffice2026






