Mootummaan Naannoo Oromiyaa fayyadamummaa ummanni keenya magaalotarraa argachuu qabu daran guddisuuf tarsimoo magaalomsuu ifa ta’e qopheessuun hojiitti hiikaa jira.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa fayyadamummaa ummanni keenya magaalotarraa argachuu qabu daran guddisuuf tarsimoo magaalomsuu ifa ta’e qopheessuun hojiitti hiikaa jira. Tarsiimoon kun akka milkaa’uuf hojiiwwan ijoo keessaa tokko MOOTUMMAA MAGAALOMSUU’dha.
MOOTUMMAA MAGAALOMSUU’n kan ifoomu qajeeltoowwan akka carraa hojii umuu, kenna tajaajilaa fooyyessu akkasumsas hordoffiifi deeggarsa sirnoomsuudhaani. Mootummaa Magaalomsuun kenna tajaajila mootummaa hundagaleessa ta’e, dhaqqabamaafi ittiquufinsaa lammiilee olaanaa qabu mirkaneessuun fayyadamummaa ummata naannoo keenya dhugoomsudhaani. Rakkoolee kenna taajaajilaan walqabatanii jiran furuuf tajaajila dijiitaalaa hojiirra oolchuu, adeemsa bulchiinsaa fooyyessuufi hirmaachisummaa lammiilee guddisuun carraa hojii baldhinaan umuu irratti kan fuulleffatedha.
Dabalataanis, rakkoolee bulchiinsaa gaarii waliin walqabatanii jiran sirna bulchiinsaa elektironiksiin dabaaluun akka furamaaniifi fooyya’aan gochuu akkasumas sirna bulchiinsaa ‘Magaalaa Ismaartii’ hojiirra oolchuun tajaajila si'ataa ittiquufinsa ummata naannoo keenya dhugoomsuu kan kaayyeffatedha. Hojiileen kunniin masaanummaa ummannifi magaalonni keenya waliirratti qabaacha turan hundeerra furuun fayyadamummaa ummata keenyaa gama hundaafi qixa sirrii ta’een kan mirkaneessanidha.






