Mootummaan Naannoo Oromiyaa, Biyya Chaayinaatti, Mootummaa Ummataa Naannoo Shanjang Uyiguur waliin waliigaltee hariiroo michoomaa ciimsu mallatteesse.
Guyyaa har'aa, sagantaa Waajjira Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti adeemsifame irratti, Naannoon Oromiyaafi Naannoon Shanjang Uyiguur waliigaltee michoomaa ciimsu mallatteessaniiru.
Sirna waliigaltee kana irratti, Bulchaan Mootummaa Ummataa Naannoo Shanjang Uyiguur kab. Erkiin Tuniyaaz (Erkin Tuniyaz), Itoophiyaatti Ambaasaaddara biyya Chaayinaa kab. Sheen Hayi (Chen Hai), qondaaltoota Imbaasii biyya Chaayinaa, akkasumas Qondaaltoota Ministeera Hajaa Alaa Itoophiyaa, akkasumas hoggantoonni Mootummaa Naannoo Oromiyaa kan argaman yoota'u, hariiroo naannoolee lamaanii akkaataa cimsuu danda'amuufi carraawwan waliin hojjachuu duguuganii fayyadamuu irratti marii bal'aan gaggeeffameera.
Haaluma kanaan, dhimmoota daldala, qonna, barnoota, fayyaa, saayinsiifi tekinoloojii, aadaafi kan biroo irratti marii erga gaggeeffamme booda, waliigalteen Akeekaa(letter of Intent) bu'uura hariiroo caasaa mootummoota lamaanii cimsuu mallata'eera.
Sagantaa kana irratti haasaa kan taasisan Bulchaa Naannoo Shanjang Uyiguur kab. Erkiin Tuniyaaz, simmannaa isaaniif taasifameef galateeffatanii, pootenshaala naannoo isaanii qabu ibsuun waan danda'amuu hunda irratti Naannoo Oromiyaa waliin hojjachuuf akka qophii ta'an ibsaniiru. Hariiroon naannoolee lamaanii bara 1990'moota jalqabamuu himuun, hariiricha cimsuuf Pirezidaantii MNO Obbo Shimallis Abdiisaa sagantaa agarsiisa aadaa ji'a waxabajjii dhufu Naannoo Shanjang Uyiguuriitti adeemsifamu irratti akka hirmaataniif waamicha dabarsaniiru.
Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa gama isaaniin, akeeka waliin hojjachuu kana fudhachuu ibsuun, pootenshaala Naannoo Oromiyaa qabdu ibsaniiru. Keessattuu, tarsiimoo Mootummaa Naannoo Oromiyaa oomishtummaa qonnaa dabaluuf, akkasumas dhaloota saanyinsiifi tekinoloojiin qarame horachuuf qabu ibsuun, Naannoo Shanjang Uyiguur waliin carraawwan qindoominaan hojjachiisuu danda'an irratti ibsa kennaniiru. Invastaroonni naannichaas Naannoo Oromiyaatti humna qabaniin invastimantii akka gaggeessan waamicha dabarsaniiru. Bu'uuruma kanaan, hariiroo naannoolee lamaanii cimsuuf jila aadaa Ummata Oromoo agarsiisuu danda'u, sagantaa agarsiisa aadaa Naannoo Shanjang Uyiguur irratti kan hirmaachisan ta'uu himaniiru.