Mootummaan Jijjiiramaa imalli Magaalomsuu Haaraa Oromiyaa, hudhaalee jiraniifi turan mala kalaqaawafi hammatoon akka furamaaniif tarsiimoofi imaammattoota garaagaraa bocuun hojiirra oolchaa jira

  • 26 Nov 2025
  • Posted by oromiapre_ulpro
  • 0 Comments

Mootummaan Jijjiiramaa imalli Magaalomsuu Haaraa Oromiyaa, hudhaalee jiraniifi turan mala kalaqaawafi hammatoon akka furamaaniif tarsiimoofi imaammattoota garaagaraa bocuun hojiirra oolchaa jira. Tarsiimoowwan kanneen keessaa tokko nama magaalomsuu yoota’u, kunis aadaa kanaan dura magaalomsuun naannoo keenyaa lafa irratti rarraa’e ture kan bu’uurarraa kan jijjiirudha.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa tarsiimoo nama magaalomsuu kanaan namni baadiyyaarra gara magaalaatti wayita ce’u ce’umsa gama hundaan dhufuuf qophaa’oofi ejjannoo kallatti maraan akka qabaatan kan dandeessisuudha. Kunimmoo carraa dinagdeefi teknoloojii ce’umsa boodaa dhufan hundarraa fayyadamoo akka ta’an kan taasisuudha.

Kaayyoowwan qabamaan kanniin milkeessuuf tarsiimoon NAMA MAGAALOMSUU kun qajeeltowwaan sadi kan qabudha. Isaanis, aadaa qusannaa fooyyessuu, ogummaa umuufi dhaweessummaa dagaagsuudha. Qajeeltowwaan kunneen magaalonni keenya ummataa keenya fayyadamoo kan taasisuun jireenyaa fooyya’aa ta’e akka jiraatan haala kan mijeessaniidha.