Mootummaan Jijjiiramaa gama dinagdeen fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf tarsiimoowwan misoomaa baasee hojiirra oolchaa jiru keessaa dameen misooma qonnaa kan dursaati
Mootummaan Jijjiiramaa gama dinagdeen fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf tarsiimoowwan misoomaa baasee hojiirra oolchaa jiru keessaa dameen misooma qonnaa kan dursaati. Galmoota gurguddoo gama kanaan qabaman milkeessuuf inisheetiviiwwan 33 bocuun fayyadamummaa ummataa mirkaneessaa jira.
Inisheetivoonni kunniin, haala qilleensaa, biyyeefi ‘Agroegology’ naannoon keenya qabu bu’uureeffachuun kan qopha’aanidha. Kana keessaa tokko inisheetivii misooma Paappayyaati.
Inisheetiviin misooma Paappayyaa haala mijataa naannoon Oromiyaa qabu sakatta'uudhaan, carraawwan misoomaaf jiran hunda duguuganii fayyadamuun, omishaafi omishtummaa dabaluu akkasumas baay'inaafi qulqullinaa omishaa irratti xiyyeeffannoodhaan hojiin hojjetamee bu'aa argamsiisaa jira.
Fuldurattis, kallattii xiyyeeffannoo mootummaan carraawwan gaarii jiran fayyadamuun omishaafi oomishtummaa, akkasumas qulqullina dabaluu irratti kan fuulleffatudha. Kanaanis, fedhii biyya keessaa guutuurra darbuun omisha gabaa alaaf dhiyeessuun fayyadamummaa qonnaan bulaa dabaluuf xiyyeeffannoon kan hojjatamu ta'a.
Suuraa: Omisha Paappayaa Godina Shawaa Bahaa, Aanaa Boosat






