Mootummaan jijjiiramaa Federaalizimii dhugaa mirkanneessuudhaan Itiyoophiyaa biyya saboonnifi sablammoonni tokkummaa obbolummaatiin keessa jiraatan, akkasumas dhimma biyya isaanii irratti dhageettii walqixa qaban taasisuuf kan hojjatudha
Mootummaan jijjiiramaa Federaalizimii dhugaa mirkanneessuudhaan Itiyoophiyaa biyya saboonnifi sablammoonni tokkummaa obbolummaatiin keessa jiraatan, akkasumas dhimma biyya isaanii irratti dhageettii walqixa qaban taasisuuf kan hojjatudha.
Biyya keenya Itiyoophiyaatti Sadaasa 29 bara 1987 heera Mootummaa ragga’een, saboonni, sab-lammoonniifi ummattoonni biyya keenyaa hundi mirga walqixummaa goonfatani. Heerri FDRI kun ragga'e dhugaa Sabdaneessummaa Itoophiyaa kan mul'ise, murannoo akka biyyaatti sirna federalizimii bu'uura qabsiisuun tokkummaa, walqixxummaa, mirga ofiin of-bulchuu sabootaafi dimookiraasii ijaaruuf wabii hin reeqqifne kan kenneedha.
Akkasumas, mirga kabajaafi walqixummaa eenyummaa, aadaa, afaaniifi amantiiwwanii ummata biyya keenyaa bu’uura cimaa irratti dhaabuun, guyyaa tokkummaan sabdaneessummaa ittilabsamedha.
Bu'uuruma kanaan, guyyaa heerri FDRI itti ragga’e, Sadaasni 29, guyyaa saboota, sab-lammootaafi uummattoota Itiyoophiyaa jedhamuun bara 1999 irraa eegalee waggaa waggaan bifa addaan kabajamaa jira.
Kanarraa ka'uun, sadarkaa Naannoo Oromiyaatti bara kanas mata duree, “Waliigaltee Dimokiraatawaa; Tokkummaa Sab-daneessaaf” jedhuun, Godina Gujii Lixaa, Magaalaa Bulee Horaatti bakka Af-Yaa’iin Mana Maree Federeeshinii Obbo Aagenyewu Teshaagerifi Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurahimaan, akkasumas hoggantoonni olaanoon Mootummaa Federaalaafi Naannoo argamanitti kabajamee jira.
Haaluma walfakkaatuun, kabajni guyyaa saboota, sablammootaafi uummattoota Itoophiyaa, marsaa 20ffaan sadarkaa biyyoolessaatti Naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaa magaalaa Hosaanaatti sadaasa 29 kan kabajamu ta'a.






