Ministiirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimed (PhD), waarshaa omishaa boba'aa Ogaadeen marsaa duraa eebbisiisuun hojii eegalchisaan.
Ministiirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimed (PhD), waarshaa omishaa boba'aa Ogaadeen marsaa duraa eebbisiisuun hojii eegalchisaan.
Sagantaa eebbaa kanaarratti, pirojektii har’a eebbifamee kun waggaatti boba'aa liitira miiliyoona 111 omishu akka danda'us ibsaniiru. Marsaan lammeessoo isaas waggaatti boba'aa liitira bil. 1.33 omishu danda’us kan eegalchisaan yoota’u, dabalataanis humna anniisaa meeggaa waattii 1,000 maddisiisuudhaan damee anniisaa biyyaa keenyaaf shoora ol'aanaa akka taphatuu addeessaniiru.
Hunda caalaammoo pirojektichi kun omisha boba'aa qofaaf osoo hintaane, omisha xaa’ootiif galtee murteessaa ta’e dhiyeessuudhaan sochii midhaan nyaataan ofdanda’uuf taasifamuu akka utubu ibsaniiru. Ittidabaluunis, anniisaa dabalataa maddisiisuufi albuuda kirpitoo biyyaa keenyaaf galteewwan barbaachisoo ta’an dhiyeessuun dinaagdee biyyaa keenya akka saffisiisuu eeraniiru.
Ministeerri Mummee ittifufuun, pirojektiiwwan har’a Naannoo Somaalee Itiyoophiyaatti doolaaraa bil. 10'tti tilmaamaan dhagaan bu'uuraa isaanii kaawwamaan yeroo qabamee keessatti akka xumuraman dubbachuun, akkuma yeroo hundaa waan jalqabne kamuu fiixaan ni baasna jechuun dubbataniiru.
 
 






