Miidhaafi saamichi gareen juuntaa qonnaan bultoota magaalaa Finfinneefi uummattoota biyyattii hundarratti rawwataa ture,kan yoomiyyuu hin dagatamanedha.Perz.Shimallis Abdiisaa.
Miidhaafi saamichi gareen juuntaa qonnaan bultoota magaalaa Finfinneefi uummattoota biyyattii hundarratti rawwataa ture,kan yoomiyyuu hin dagatamanedha.Perz.Shimallis Abdiisaa.
Hiriirri Deggarsa goota raayyaa ittisa biyyaafi balaaleffannaa garee shororkeessaa TPLF irratti Magaala Finfinnee addabaabayii Masqalaatti gaggeeffame nagaan xumurame.
Pireezdaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimalis Abdiisaa haasa taasisaniin misooma keenya hojjachaa dinoota keenya ni barbaddeessina jedhaniiru.
Nuti ilmaan Itiyoophiyaa Gootoota Adwaarraa akkaataa dhaalleen, ergamtoota diinoota kanniin akka shorokeessaa TPLF barbadeessuuf tokkummaan kaaneerra,hawaasniis bakka jirutti meeshaa isaa haaxaawwatee dinoota keenya barbadeessuuf haa qophaa'u jedhaniiru.
Hiriira deeggarsaa Gooticha Raayyaa Ittisa Biyyaafi balaaleefannaa Garee Shororkeessaa TPLF jiraattootaa Magaalaa Finfinneefi Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinneetiin bahame kanaratti, Pireezedaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimalls Abdissaa,Kantiibaa Itti aantuun Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanachi Abeebeefi anga’oonni Mootummaa Fedeeraalaafi Naannoo argamaniiru.
Hiriira Deeggarsaa kanarratti abbootiin Faradoo Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee hedduun argamuun hiriiricha bareechaniiru.