Marii Biyyoolessa Irratti Dhimmoota Muraasa
Marii Biyyoolessa Irratti Dhimmoota Muraasa
Galmi Marii Biyyoolessaa nagaadha. Gaafa marii biyyoolessaa gaggeessinu waan sadiitu natti mul’ata.
(1) Marii, (2) Biyyummaafi (3) Dhugaa.
Mariin biyyoolessaa kun caraa gaaridha. Barbaachisummaan marii biyyoolessaa, seenaa darbe, seeneffama dabee yookiin afoolaa akka hin malleettii ijaarame, dhukkuubbii siyaasaa darbe sirreessuufi adeemsa siyaasa keenya fuula duraa mariin tolfachuufi.
Gaafa mariif dhuftu dhugaa qabattee dhufta malee ulee ykn qawwee qabattee hin dhuftu. Aadaasaa keessattis, Oromoon gaafa mariif manaa bahu coqorsaa fi ulee Orooroo qabateeti; yeroo bakka marii gahu garuu, Orooroo isaa bakka heeyyamame kaa’eti kan harka duwwaa mariitti galu kanaafi.
Abbootiin Yaayyaa shanan Walaabuurratti gaafa tumaa tuman waan jajjabduu sadii kaa’an:
(1). Haqa ganamaa: nama hunda namummaan kabajuu jechuudha;
(2). Heera Caffee: Oromoon dhima isaa hunda mariin fixachuu akka qabu kan barsiisuufi seerudha.
(3). Kaka Oromo: Oromoon Oromoo hin waraanu; waraanuus hin qabu jedhanii waadaafi kakuu kaahani darban.
Kanaaf, warri siyaasa Oromoo hogganan Odaa buluu qaban malee, oodaa buluu hin qaban. Akka aadaafi safuu keenya ganamaatti waliin mari’achuun marii kanarratti hirmaatuu qaban. Santu rakkoo furee, nagaa fida waan ta’eef.
Gama kaaniin wayita marii biyyoolessaatti gallu, waantoonni shan xiyyeeffannoon ilaalamuu qabu. Isaanis:
- Amanamummaa warra marii kana qindeessuufi dhiyeessuu, (b) Hirmaachisummaa qaamolee hundaa, (c) Walitti hidhaamiinsa dhaabbiilee dhimmicharratti hojjetanii, (d) Bu’aa marii Kanaan dhufuu malurrattis sirnaan yaaduu danda’uufi (e) Baasii dhimmichaaf barbaachisu itti yaaduu ta’a.
Roobaa Pheexroos (PhD), Univarsiitii Dirree Dawaatti, Barsiisaa Seeraa