Manni Maree Ce'uumsa Qonna Oromiyaa yaa'ii isaa 3ffaa kaleessa taasiseen booda kallattii xiyyeeffannaa galma qonna Oromiyaa irratti kaa'ee jira

  • 30 Apr 2025
  • Posted by oromiapre_ulpro
  • 0 Comments

Manni Maree Ce'uumsa Qonna Oromiyaa yaa'ii isaa 3ffaa kaleessa taasiseen booda kallattii xiyyeeffannaa galma qonna Oromiyaa irratti kaa'ee jira. Bu’uuruma kanaan, tarkaanfiilee adeemsa inisheetivoota turanii cimsan, gama kaaniin, gosoota inisheetivii haaraa hojiitti galuu qaban ifoomseera.

Isaanis:

Tokkoffaa, “agro-ecology” irratti hundaa’uun, inisheetivoota haala qabatamaa gandaa giddugaleeffateen raawwachiisuu;

Lammaffaa, ekisteenshinii qonnaa beekumsaafi ogummaa “agro-ecology” akkasumas omisha giddugaleessa taasise qopheessuun, ogeeyyii qonnaa, hoggansa gandaafi horsiisee/qotee bultoota qabsiisuu;

Sadaffaa, inisheetivii ‘indastirii godoo kurfeessa omishaalee qonnaa’ hojiitti galchuun sona omishaalee qonnaa dabaluu akkasumas sirna omishaa keenyaa fooyyessuu;

Arfaffaa, hojiin galteewwan qonnaa, mekaanaayizeeshiniifi kkf irratti raawwatamu, oomishtummaa guddisuu dhimma ijoo akka taasisu, kunis omishtummaa idil-adduunyaa jiruun akka madaalamu;

Shanaffaa, bu’uuraalee, leecalloofi hojimaata barbaachisoo guutuun sirna daldalaa keenya faddaaltota harkaa baasuun murteesummaa cancala gabaa qabatamaa mirkaneessuu;

Ja'affaa, inisheetivii cimmisa bishaanii (water harvasting) sadarkaa abbaa warraa (household) tti akka qabatu gochuu;

Torbaffaa, inisheetivii misooma jirbii eegaluu; akkasumas, saddeettaffaa, inisheetivii misooma aappilii eegaluu;

Saglaffaa, inisheetivii misooma mikideemiyaafi kurnaffaa, inisheetivii horsiisa booyyee bocuun hojiitti galchuuf, manni marichaa murteessee jira.

Piredaanti Shimallis Abdiisaa, galma ce'uumsa qonnaa qabame milkeessuuf, imala tabba qonnaa keenya reefu jalqabuu beeknee, ergama qormaata qabuuf qophii cimaa akka barbaachisu qooda fudhattoota yaadachiisuu, kanaafis, haala dandeessisoo Gurmaa’insi Mootummaa Gandaa gama hundaan mijate qixaan fayyadamuu akka barbaachisu hubachiisanii jiru.