Magaalonni Oromiyaa barootaaf, wiirtuu qorumsa bulchiinsa badaa, seenaa dhiibamuu ummata keenyaa, akkasumas gahumsa dhabuu hoggansa magaalaafi rakkoo karoorsuu irraa maddeen maraammartoo kufaatii dinagdeef saaxilamaa tureera.
Magaalaa umuuf, bu'uurri ijoon tokko ogummaa umuudha! _ Pirezidaantii MNO, Shimallis Abdiisaa
Barii jijjiiramaa irraa eegaluun Mootummaan Naannoo keenyaa yaadama Ida’amuutin imaammataafi tarsiimoo magaalomsuu ifa ta’e bocuun hojiirra oolchaa jira. Magaalomsuun gama tokkon imala ce’umsa misooma dinagdee akka saffisiisuuf, gama biraan akkaataa jiruufi jireenya hawaasa keenyaa irra deebi’anii bocuuf akka tajaajiluutti hojjatamaa kan jirudha. Naannoo Oromiyaa keessatti tarsimoon magaalomsuu nama, mootummaafi lafaa kan hammatu yoota’u, kunimmoo rakkooleefi cabinsaa seenaa magaalomuu waliin walqabatee tureefi jiru ittifufiinsaan waldhaanuuf yaadamee kan bocameedha.
Magaalonni Oromiyaa barootaaf, wiirtuu qorumsa bulchiinsa badaa, seenaa dhiibamuu ummata keenyaa, akkasumas gahumsa dhabuu hoggansa magaalaafi rakkoo karoorsuu irraa maddeen maraammartoo kufaatii dinagdeef saaxilamaa tureera. Kunimmoo haalli mijaawaan akka bu’uuraalee misoomaa, wiirtuu gabbisa ogummaafi kalaqaa akka hin jiraanne taasisuun, dhaloonni ogummaa hinqabne akka umamuuf sababa bu’uuraa ta’ee jira.
Rakkoolee turan kanneen maqsuufi furmaata waaraa fiduuf akkasumas magaalaa bifa haaraan ijaaruuf bu’uurri ijoon ogummaadha. Ogummaan adeemsa jijjiirama hawaasummaa baadiyyaarraa gara magaalaatti taasifamuuf akka ce’umsaatti kan tajaajiludha. Haata’u malee, ummataa Naannoo keenyaa keessaa harka 43.8 kan ta’an dargaggoonni umuriin isaanii 15-29 gidduu jiru hedduun isaanii hanqina ogummaafi dhaweessummaa kan qabanidha. Dargaggoonni ogummaafi dhaweessummaa hin qabne kunniin, humna omishaafi oomishtummaa ta’uu dhabuurra kan ka’e fayyadamummaan ummata keenya gama kanaan jiru akka hinmirkanoofneef sababa ta’eera. Dabalataanis, dandeettiifi humna ogummaa guddaa umuu dadhabuun, magaalonni filatamoofi midhagoo ta’an akka hin ijaaramne taasisaniiru.
Mootummaan Ida’amuu seenaa kana jijjiiruuf magaalota duraan turan foyyeessuu, bu’uuraalee misooma guutuufi kan dullooman haaressuu, hawwatoofi mijatoo akkasumas mootora guddina dinagdee akka ta’aniif hojjechaa jira. Dabalataanis, magaalota haaraa egeree dhalootaa ijaaruuf bu’uureffaman immoo caalatti hawwatoofi filatamoo akka ta’aniif dursee irratti hojjechuun kufaatiifi cabinsa ture ittifufiinsaan waldhanuurratti argama.
Mootummaan Ida’amuu magaalonni motora dinagdeefi anniisaa ammayyummaa biyya tokko ta’uu dursee hubate. Kanaafi, ijaarsi magaalaa matan isaa ogummaa jiraattotaa bocuufi jijjiiruu, dagaagsuu, ammayyeessuu akkasumas carraa hojii haaraa umuu keessatti gahee ol’aanaa qaba. Karoora Muummee(masterplan) magaalotaa bu’uureffachuun, ogummaan ijaarsa manneen magaalaa, akkataa daandiileen ittidiriiran, bakkewwan ummanni itti walitti qabaman (manneen amantaa, paarkii, wiirtuulee gabaafi kkf) mijatoo, hawwatoo, filatamoofi midhagoo taasisuuf shoora guddaa qaba.
Walumaagalaatti magaalaa haaraa umuufis ta’ee kan ture foyeessuuf dagaaginaa ogummaan alaa yaaduun ni ulfaata. Mootummaan yaadama Ida’amuu bu’uureffachuun wantoota ijaarsaafi dagaaginaa ogummaaf barbaachisoo ta’an: leenjii hubannoo umuu, kaappitaala barbaachisaa dhiyeessuu, teknolojii haara barsiisuu, muxannoon hojii akka jiraatu deeggaruu, hordoffiifi deeggarsaa ittifufiinsa qabu taasisuu dabalatee dhimmoota haala mijata ogummaaf umuu danda’an mararraatti magaalota hunda keessatti xiyyeeffannoo ol’aanaan kan hojjetu ta’a.






