Leenjiin Hoggantoota Paartii Badhaadhiinaa guyyootaaf kennamaa ture kallattii hojii Pirezidaantii Paartichaafi Muummee Ministiraa Abiyyi Ahimad(PhD) kennaniin goolabame!
Leenjiin Hoggantoota Paartii Badhaadhiinaa guyyootaaf kennamaa ture kallattii hojii Pirezidaantii Paartichaafi Muummee Ministiraa Abiyyi Ahimad(PhD) kennaniin goolabame!
Leenjiin mata duree "Ilaalama Mootummaa Ida'amuu, Guddina Dameeleetiif" jedhuun hoggantoota olaanoo Paartii Badhaadhiinaatiif Onkoloolessa 19 hanga 30 Magaalaa Adaamaafi Magaalaa Finfinneetti mata duree garaagaraatiin kennamaa ture, kallattii hojii Pirezidaantiin Paartii Badhaadhiinaa Dr. Abiyyi Ahimad kennaniin guyyaa har'aa milkaa'inaan xumurameera.
Leenjichi hoggantoota Paartii naannolee biyyattii kuma lama ta'an kan hirmaachise yoota'u, tokkummaa ilaalchaa uumuufi dandeettii raawwachiisummaa hoggansaa guddisuudhaan raawwii bu'a qabeessa galmeessuuf qophaa'ummaa guddaa kan uume ta'uun ibsameera.






