Kaayyoo fi ergamni Mootummaa Naannoo Oromiyaa hiree ummata Oromoo tiksuudha!Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Obbo Shimallis Abdiisaa
Kaayyoo fi ergamni Mootummaa Naannoo Oromiyaa hiree ummata Oromoo tiksuudha!Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Obbo Shimallis Abdiisaa
Pirezidaantiin MNO Obbo Shimallis Abdiisaa, tibbana Yaa'ii Idilee 9ffaa Waggaa 4ffaa Bara Hojii 6ffaa Caffee Oromiyaa irratti argamuun dhimmoota siyaas-dinagdee, hawaasummaafi haala waliigala naannichaa irratti ibsa bal'aa laataniiru.
Gaaffiifi yaada miseensota Caffee bu'uureffachuun ibsa kan laatan Pirezidaanti Shimallis, dhimmoota nageenyaa, gulaantaa qabsoofi tarkaanfilee garafuulduraa irrattis ibsa kennanii jiru.
Ibsa isaanitiin, gulantaa qabsoon Oromoo irra gaheefi galmoota gurguddoo gulantaa qabsoo Oromoo madaalan, mootummaan jijjiiramaa bocuun hojiirra oolchaa jiru irratti yaada kennaniin, dhaloonni kun qabsoo kaleessaafi kaayyoo ganamaa dhaallee jirra; kanaafis imaanaa dachaatu nu harka jira, jedhan.
Oromoon aarsaa lubbuufi lafee kanfaluun, abbaafi ilma itti kitiluun qabsoosaa faacha guutuun masaraan gaheera. Kana gochuudhanis, boqonnaan lammata bitamuufi orma jalatti jiraachuu cufamee jira, kan jedhan Pirezidaanti Shimallis, humnoonni qabsoo Oromoo bittinneessanii, wiirtuurraa gara qarqaraafi bosonaatti deebisuu barbaadan tasumaa akka hin milkoofnes jabeessanii akeekkachisan.
Ittidabaluunis, Mootummaan jijjiiramaa wareegama ummata keenyaan ijaarame, guyyaa guyyaadhaan wantoota hiree ummata keenyaa jabeessanifi dantaa sabaa tiksan hojjechaa jira, jedhan.
Bu'uuruma kanaan, boqonnaa qabsoo Oromoo, TA'UU irraa gara GOCHAA'tti jijjiirameera, kan jedhan Pirezidaanti Shimallis, Sabboonummaan jechaan qofa osoo hintaane, gochaan dhugoomuu akka qabus ibsani.
Kunis, Sabboonummaan dhaloota saayinsiifi teknoloojiin addunyaarratti dorgomaa ta'e, kan aadaafi duudhaa Oromoo ganamaatti deebi'ee ofta'ee jiraatu umuu, duudhaalee Oromoo sirnoomsuu, ummata dinagdeen aangessuufi sirna cimaa ijaaruun dhugoomuu qaba jedhan.
Haaluma kanaan, kaayyoofi ergamni mootummaa Naannoo Oromiyaa inni duraa hiree ummata Oromoo tiksuu waanta'eef, aggaammii gulantaa qabsoon Oromoo amma irra gahe kana duubatti deebisuuf taasifamu kamiyyuu qolachuuf araarama kan hin qabne ta'uu ibsanii jiru.
Injifannoofi hiree ummata keenyaa kana kan duubatti deebisuun, ummata keenya cabsuuf yaaluun, qaanii, fafummaaafi doofumaadha, darbees imaanaa gootota kaleessaa nyaachuudha. Warri kana yaalan, akka itti ummata ijaaruun danda'amu hin beekan, jedhan.
Kabajamoo Pirezidaantiin ittidabaluun, ummanni Oromoo qaama kamiyyuu faana nagaadhaan jiraachaa ture, gara fuulduraattis walumaa jiraata. Ummanni keenya roorroofi saamicha hin fudhatu, mirgi abbaa biyyummaa isaatti akka bu'amu hin barbaadu. Biyya kana olqabuu keessattis gaheen Oromoo guddaadha; borus akkasumatti itti fufa, jedhan.
Walumaagalatti, Qabsoon ummata Oromoo gulantaa amma gaheerraa olitti, sadarkaa olaanaatti ce'aa, jijjiirama yaadame fidaa, bu'aa barbaadamus milkeessaa kan deemu ta'uu hubachiisun, mootummaan hireefi dantaa ummataa kabachiisaa kan ittifufuu ta'uus dhaamanii jiru.