Inisheetivoota Qonnaa: Harka-Naqannaa Imaammataa Tarsiima’aa
Inisheetivoota Qonnaa: Harka-Naqannaa Imaammataa Tarsiima’aa
Mootummaan Jijjiiramaa keenya, sektara qonnaatiif xiyyeeffannoo qabeenya, kutannoo siyaasaafi ogummaan deeggarame kennee socho’aa jira. Akka sektaraatti galmoota afur, akkasumas toorawwan qabiyyee galmoota kanniin ittiin milkeessu sagal qabatee hoogganaa jira.
Adeemsa baramaa hordofuun, hudhaalee walxaxoofi ariifachiisoo sektarichaa hiikuun, akkasumas galmoota hiixatoo qabaman milkeessuun hindanda’amu. Hudhaalee caasawaa furuuf, harka-naqannaan imaammataa tarsiima’aa dirqama ture. Bu’uuruma kanaan, waggoottan torban darban tarkaanfiileen-addaa (inisheetivoonni) adeemsa baramaa cabsuufi daandii haaraa akeekuuf oolan bocamanii raawwatamaa jiru.
Inisheetivoonni, dhimmoota ijoo sadi akka naannootti itti dhiyeenyaan hoogganaman keessaa adda dureedha. Inisheetivoonni qonnaa, bara 2012 lakkoofsa quba harkaa hincaallen jalqabamanis, yeroo ammaa 33 gahaniiru. Inisheetivoonni kanniin, qoodattoota omishaa (factors of production), humnoota omishaa (gama tokkoon haala omishaa — meeshaalee, maashinootafi qabeenya umamaa gama birootiin humna namaa), hariiroo omishaa (relations of production), gosaafi kaayyoo omishaa (gos-daneessuu, gabeessummaa/al-ergii) akkasumas ilaalcha omishaa (omishtummaafi qulqullinaa) keenya irratti jalqabbii jijjiirama qabatamaa galmeessuuf nudandeessisaniiru.
Haata’u malee, jijjiirama ce’uumsa caasawaan ifu dhugoomsuuf, barbaachisummaa ijoo inisheetivoota keenya sirnaan hubachuufi yeroo mara yaadachuun dhimma murteessadha. Isaanis:
1. Adeemsa baramaaafi barmaatilee qonnaa hawaasa bira turan cabsuu;
2. Hojicha hawaasa biratti sirnaan ykn bifa haaraan beeksisuu;
3. Hawaasatti hamilee horuun nuffii jijjiirama dhabuun umamu keessaa baasuu;
4. Bu’aa tarkaanfiilee-haaraa akka dhamdhamu gochuun jijjiirama keessa galchuu;
5. Adeemsa haaraa beeksifame sadarkaa deeggarsa mootummaa hinbarbaannetti idiloomsuu.
Tokko: Adeemsa Baramaa Cabsuu
Caasaan qonnaa hawaasa keenya bira jiru yaadamoota, ilaalchotaafi hojimaata haaraa qonnaa lafa qabsiisuuf gufuu ta’ee tureera. Gama tokkoon, mala aadaa, murteessummaa umamaa, humna namaa ogummaa hinqabneefi humna beeyladaa, gama birootiin gosa baramaafi kaayyoo harkaa-gara-afaanii bira hintarre irratti akka hirkatee hafu taasiseera. Omisha, omishtummaafi qulqullina gadaanaa keessatti daangeseera.
Carraaqqiiwwan muraasni armaan dura hudhaalee kunniin furuuf taasifaman osoo hinmilkaa’in hafaniiru. Kunis, gama tokkoon imaammata yabbuu dandeettii danquu caasaa baramaa roga-maraan hubate qopheessuu dhabuufi hoggansa ittidhiyeenya qabu kennuu dhabuu, gama birootiin haala qabatamaa ‘agroecology’, dilbii godinaaleefi aanaalee sirnaan hubachuu dhabuu irraa kan ka’e ture.
Mootummaan Jijjiiramaa keenya hunda dura, hanqina kana hubate. Ittaansee rakkoo caasawaa ture gadi fageenyaan erga xiinxalee booda, hammattoo imaammataa furmaata amansiisaa kennu qopheesse. Bu’uuruma kanaan, qoodattoota baldhaa walitti fiduun, akkasumas hawaasa hirmaachisuun inisheetivoota bocee hojiitti gale.
Harka-naqannaa tarsiima’aan kun, murannoo siyaasaatiin dabaalamee, adeemsa baramaa qonnaa barootaaf hawaasa bira ture jeequu danda’eera. Haata’uutii, galmi keenya adeemsa baramaa jeequu qofa osoo hintaane, hundeerraa buqqisuu waan ta’eef, hoggansa inisheetivii keenya qixa kanaan cimsuu qabna.
Lama: Sirnaan ykn Bifa Haaraan Beeksisuu
Duursa, bifa haaraan beeksisuu jechuun maal akka ta’e haalaan hubatamuu qaba. Qamadii qotuun inisheetivii akka haaraatti beeksifamuu miti. Waqtii bonaa jallisiin qamadii qotuun garuu tarkaanfii haaraadha. Yeroofi uwwisa (time and space) akkasumas galma (gabeessummaa) qonnaa haaraa kan dabaluudha. Beeylada horsiisuun inisheetivii akka haaraatti hawaasa biratti beeksifamuu miti. Mala namaan diqaalomsuun ykn omisha nyaata qindaawaa beeksisuun garuu tarkaanfii-haaraadha. Sanyii beeyladaa fooyyessuu akkasumas omishtummaa ariitiin guddisuuf oola.
Yeroo garaagaraatti, yaadamoonni fooyya’iinsa qonnaa adda addaa beeksifamaniiru. Haata’uutii, sababoota adda addaa irraa kan ka’e, yaadamoonni kunniin adeemsa baramaa qonnaa hawaasa bira turaniin liqinfamaniiru. Kunis rincicaafi quucarriif saaxileera. Egaa, daandii kaleesarra deemaa hanqina mudate kana hambisuun waan hinyaalamneedha.
Kanaafuu, yaadamoota akka malaafi teknoolojii omishaa (kilaastara, mekaanaayizeeshinii, jallisii/iskiimii/paampii, mala namaan diqaalomsuu, fayyaa beeyladaa …), gosa omishaa (atar-boonsituu, avokaadoo, baala shaayii …), galma omishaa (gabeessuu/al-ergi/qusannaa/invastimantii), galtee omishaa (sanyii fooyya’aa, gaagura ammayyaa …), tajaajila eksiteenshinii, xiyyeeffannoo ijoo omishaa (oomishtummaafi qulqullina), cancala sonaafi kkf tarkaanfilee-haaraa fayyadamuun, akka haaraatti ykn irra deebiin sirnaan hawaasa biratti beeksisuun barbaachisaadha.
Akkasumas dhaweessummaa qonnaa (duudhaalee daldalaa, adeemsa kalaqaawaa, raawwii odeeffannoo irratti hundaa’e, carraalee gabaafi bulchiinsa qabeenyaa gahumsa qabu) armaan dura qonna keessatti hinbaramne akka haaraatti beeksisuun dagatamuu hinqabu.
Sadi: Hawaasaatti Hamilee Horuu
Jijjiirama dhabuun sektara qonnaa, hawaasa keenya nuffii keessa galchuun kufaatii hamileetiif saaxileera. Inisheetivoota oomishtummaafi qulqullina irratti jijjiirama ariifataa fiduuf nudandeessisan hojiirra oolchuun kan barbaachise dhugaa hadhaawaa kana jijjiiruufi. Kanaafuu, gama tokkoon qabeenya, fedhii siyaasaafi beekumsa/ogummaa qabnu galma kanarratti luuccessuun socho’uu qabna. Akkasumas hidhata dhiyeessii galteetii hanga gabaatti jiru si’oomsuufi salphisuun barbaachisaadha. Keessumaa, qoteefi horsiisee bultoota akkasumas intarpiraayizoota tarkaanfilee-addaa fudhachuun hojiirra oolchaa jiran, haala addaatiin deeggaruun, jijjiirama qabatamaafi ariifataa akka galmeessan, kanaanis akka hamilee horatan, warra hafanis akka hawwatan gochuu qabna.
Adeemsi kun dilbii qaban akka soqan, carraalee jiranitti akka fayyadaman, mala haaraatti akka madaqan, walumaagalatti bifa haaraan omishanii jijjiiramuu akka danda’an amansiisa. Inisheetivoota fudhatanii hojiirra oolchuun deeggarsa addaa argachuufi bu’a qabeessa ta’uuf daandii sirrii ta’uu waan hubataniif hirmannaa guddisuu cinaatti akka abdii horachaa deeman gargaara.
Afur: Hawaasni Bu’aa Isaa Akka Dhamdhamu Gochuu
Qoteefi horsiisee bultoonni keenya bara dheeraaf callaa hedduu itti dafqan gatii du’aadhaan nyaattuuf dabarsanii kennaa turan. Har’as kilaastaroonni inisheetivoota keenyaa, waliin qotuudhaa hanga waliin sassaabuu qofatti deemu. Kana bira taruun, waliin kuusuun hidhata gabaa amansiisaafi gatii garii argachuutti ce’uu qabu. Oomishtummaafi qulqullinni guddachaa jiru gatii baasuu qofa osoo hintaane, gara qusannaa qoteefi horsiisee bultootaa cimsuutti ce’uu qaba.
Inisheetivoonni keenya adeemsa keessaa bahuun gara bu’aatti ce’uu qabu. Ija kanaan, qusannaan mata isaatiin adeemsa qofa ta’uu hubatamuu qaba. Hawaasni keenya bu’aa tarkaanfiilee-haaraa hojiirra oolchaa jiruu akka dhamdhamu gochuuf, to’annoofi si’oomina sirna gabaa, paakeejii qoteefi horsiisee bultoota qusatan fayyadamaa taasisu (dhiyeessii liqii, simannaa invastimantii)’, hubannoo bulchiinsa qabeenyaa irratti hojjechuun, akkasumas hordoffiifi deeggarsa walirraa hincinne taasisuun dhimma xiyyeeffannoo ta’uu qaba.
Waluaagalatti, hawaasni keenya bu’aa inisheetivoota isaa akka dhamdhamu gochuun, jijjiirama jireenya maatii darbees furguga ce’uumsa hawaas-dinagdee keessa akka galu gochuun dhimma ijoo ta’ee ittifufuu qaba. Milkaa’inni gama kanaan argamu, boqonnaa haaraa kan saaqu ta’a. Innis, kutaa hawaasaa hafe gara tarkaanfilee-addaatti hawwachuu, dilbii naannichaa gara misooma hawaas-dinagdeetti jijjiiruufi adeemsa haaraa idiloomsuu kan hammatudha.
Shan: Adeemsa Haaraa Beeksifame Idiloomsuu
Hoggansi sadarkaan jiru, caasaan mootummaa, oggeeyyiin qonnaafi qooda fudhattoonni marti, wanti yeroo mara yaadachuu qabnu nijira. Innis, tarkaanfiilee-haaraan harka-naqannaa imaammataa tarsiima’aadha. Tarkaanfii yeroo gabaabaa keessatti adeemsa baramaa cabsuufi haaraa beeksisuudhaa hanga idiloomsuutti ittiin raawwannu malee kan keessa gangalannu akka hintaane hubatamuu qaba. Gama birootiin ariitiin xumurree keessaa yoobaane malee qabeenya, fedhii siyaasaafi beekumsa/ogummaa keenya yeroo dheeraaf asirratti luuccessinee turuu hindandeenyu. Dabalataanis, akka meeshaa oomishtummaafi qulqullinni iddoofi yeroon akka hindaangeffamne ittiin qolannu ta’ee hubatamuu qaba.
Jalqabbiin kun hoggansa barame kennuun fulla’iinsa akka hinarganne beekuun dhimma bu’uurati. Kanaaf, gama tokkoon ariitifi kalaqaan masakamuu qaba. Akkaataa adeemsa haaraa hawaasa biratti aadeffachiisuu darbees idiloomsuu danda’uun ta’uu qaba. Gama birootiin humna mootummaa qofaan akka hinmilkoofne hubannee, humna badhaadhina maatii, gurmaa’insa qoteefi horsiisee bulaa, sektara dhuunfaa, michuuwwan misoomaafi qooda fudhattoota mara qindoominaan hirmaachisuun barbaachisaadha.
Bu’uuruma kanaan, bu’uuraalee misoomaa ijoo adeemsicha lafa qabsiisan guutuu keessatti, humna badhaadhina maatii sochoosuu dandeenya. Akkasumas, intarpiraayizoota, yuuniyeenotaafi waldaalee hojii gamtaa gamanumaa sirna dhiyeessii galtee, hidhata gabaa, dhiyeessii liqiifi dhaweessummaa qonnaa keessatti akka hirmaataan mijeessuun, gaheen mootummaa xiqqaataa akka deemu gochuun nidanda’ama. Hundaa’ol, sirna fayyadamummaa mirkaneessu diriirsuun, hawaasni ofiin qabatee akka tarkaanfachiisu gochuun daran murteessadha.
Guduunfaa
Mootummaan Jijjiiramaa keenya, qonnni naannichaa akkaataa barameen ittifufuu akka hindandeenye jalqabumarraa hubate. Adeemsa baramaa kana cabsuun gara qonna beekumsaafi teknoolojii, gabaafi daballii sonaa giddugaleeffateetti, akkasumas oomishtummaafi qulqullina olaanaa mirkaneessuu kaayyeffatetti ceesisuuf, inisheetivoota akka humna ka’umsa furguugaatti dhimma itti bahaa jira.
Tarkaanfii-haraan kun, harka-naqannaa imaammataa tarsiima’aadha. Muldhata ifa ta’e, karoora tarsiima’aa, raawwii qindaa’aa, kaayyoo murtaa’aafi gaggeessummaa cimaan masakamee kan ittifufu ta’a. Akkaataa adeemsa baramaa cabsuu, bifa haaraan beeksisuu, hawaasatti hamilee horuu, bu’aa isaa akka dhamdhamu gochuu akkasumas deeggarsa mootummaa malee aadeffatamuufi idiloomuu danda’uun kan hoogganamu ta’a.
Dhumarrattis, hoggansi, caasaan mootummaa, oggeeyyiin qonnaafi qooda fudhattoonni marti, sabboonummaafi ergamni ummata keenya hudhaa caasawwaa keessaa baasuu caalu akka hinjirre hubannee, hubannoo guutuufi gocha qabatamaan akka sochoonu imaanaa jechuun barbaada.






