Imala wabii midhaan nyaataa mirkaneessuufi ce’uumsa qonnaarratti taasifnuuf boqonnaa haaraarra waangeenyeef, Itiyoophiyaannonni baga gammanne. -Ministira Muummee, Abiyyi Ahimad (PhD)

  • 01 Sep 2025
  • Posted by oromiapre_ulpro
  • 0 Comments

Imala wabii midhaan nyaataa mirkaneessuufi ce’uumsa qonnaarratti taasifnuuf boqonnaa haaraarra waangeenyeef, Itiyoophiyaannonni baga gammanne. -Ministira Muummee, Abiyyi Ahimad (PhD)

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiyyi Ahimad waliigaltee ijaarsa warshaa Xaa’oo dhaabbileee ‘Ethiopian Investment Holding’fi Dangote Industries Limited gidduutti mallattaa’e ilaalchisuun ergaa dabarsaniin, piroojektii guddaan kun waggaatti xaa’oo metirik toonii miliyoona 3 kan omishudha jedhan.

Kana malees, ijaarsi piroojektii kun lammiilee hedduuf carraa hojii umuufi qonnaan bultootaaf dhiyeessii xaa’oo amansiisaa kan aegamsiisudha kan jedhan Dr. Abiyyi Ahimad, deemsa haaraa seenaa qabeessa ta’e eegallee kana, qonnaan bultoota, dinagdeefi egeree biyya keenyaaf jennee ni xummurras jedhan.

Itti dabaluunis, wabii midhaan nyaataa mirkaneessuuf tarkaanfii murteessaan fudhatamuu kan mul’isu ta’uu kan kaasan ministiirri muummee Abiyyi Ahimad (PhD), guutuu ardiitti dorgomtummaa Itiyoophiyaan qabdu cimsuun ejjennoo cimaa invastimantii tarsiimawaa uummataafi egeree keenya fayyadan hojjechuuf qabnu agarsiisa jedhan.

Waliigaltee kana hordofees iddoo warshichi itti ijaaramu dhihootti ifatti kan eegalchiisan ta’uu eerun, imala seena qabeessa kana egeree qonnaan bultootaa, diinagdeefi Itiyoophiyaaf jennee ni xumurra jedhaniiru.

Misooma qonnaatiin, Mootummaan Naannoo Oromiyaa galmoota arfan misooma qonnaatiin qabaman milkeessuuf gannaafi bona hojjechaa, bartee omishaa mala aadaatiin ture gara mekanaayizeeshiniitti, akkasumas aadaa hojii naannoo keenyaa jijjiiruun, wabii nyaataa mirkaneessuu, al-ergii guddisuu, al-galchii bakka buusuufi carraa hojii umuurratti bu'aa fiduurratti kan argamu yoota'u, waliigalteen kun abdiifi boqonnaa haaraa seektara Qonna Oromiyaa kan ta'uudha.