Hooggansa kutannoofi aantummaa Uummataa qabu

  • 28 Mar 2021
  • Posted by Anonymous (not verified)
  • 0 Comments
Hooggansa kutannoofi aantummaa Uummataa qabu qabannee, hojii bu'a qabeessa hojjechaa jirru keessaa hawaasa diinagdeen gahoomsuudha" PMNO Obbo Shimallis Abdiisaa
Jilli Pireezedaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan durfamu Godina Jimmaa Aanaa Saqqaa Coqorsaatti sassabbii qamadii jallisii bonaa misoome daawwate.
Godina Jimmaatti Qamadii hektaara kuma 30fi 53tu bona kana qotame jira. PMNO obbo Shimallis Abdiisaa daawwannaa kana irratti dubbii dubbataniin Hooggansa kutannoofi aantummaa Uummataa qabu qabannee, hojii bu'a qabeessa hojjechaa jirru keessaa hawaasa diinagdeen gahoomsuudha jedhan.
Har'a wanti asitti argine raajiin hojjetamaa jiraachuu isaati kan jedhan obbo shimallis qonnaan bulaan aadaa hojii isaa jijjiiree waggaatti marsaa lamaafi sadii oomishuu danda'eera jedhan.
Akka Naannoo Oromiyaatti Qamadiin hek. Kuma 100fi kuma 60, marsaa duraatiin hojjetamee jira. Marsaa lammaffaan itti fufa. Marsaa 2ffaatti hektaara 100fi kuma 20,tu qotamaa jira jedhan. Kun immoo qamadii alaa galchinu guutummaa guutuutti ni hambisa jedhan.
Qonnaan bultootni gama isaaniitiin Qamadii Gabaarraa barbaannee bituu malee ooyiruu keenya irratti tekinolojii ammayyaa fayyadamnee tiraakteraan qonnee kombaayineraan oomisha walitti qabanna jennee hin beeknu jedhan.
Bulchaan Godina Jimmaa Obbo Abdulhaakim Muluu kan jedhan hanga bara darbeetti Godinni Jimmaa kooriderii misooma bunaa, mi'eessituufi boqqolloo qofa akka taateetti yaadamaa ture jedhan.
Badhaadhina Maatiitii hanga biyyaatti gamtoomnee hojjennaan wanti hin danda'amne hin jiru kan jedhan obbo Shimalis Abdiisati. Yeroo jalqabaatiif makaanayizeshiniitti fayyadamuun qamadii tiraakteraan qotamee kombaayineraan oomishame irraa giddu galeessaan hektaaratti kuntaalli. 48 hanga 62 argamaa jira.