Har'a Feestivala Manneen Barnoota Ifa Boruu Bultii Addaafi Manneen Barnootaa Addaa Oromiyaa Sadarkaa 2’ssoo, waggaa 3’ssoo irratti hirmaachuun, barattoota qaxalee ifa boruu sabaafi biyya keenyaa ta'an gidduutti argamuu kiyyaan gammachuu natti dhagahama
Har'a Feestivala Manneen Barnoota Ifa Boruu Bultii Addaafi Manneen Barnootaa Addaa Oromiyaa Sadarkaa 2’ssoo, waggaa 3’ssoo irratti hirmaachuun, barattoota qaxalee ifa boruu sabaafi biyya keenyaa ta'an gidduutti argamuu kiyyaan gammachuu olaanatu natti dhagahama. Sagantaan akka kanaa, manneen barnootaafi barattoota keenya walitti fiduun muuxannoowwan, dandeettii, beekumsa, ogummaa, kennaa addaa saayinsiifi teknoolojiin qaban akka waljijjiiraan, walirraa barataniifi miira dorgommii walgidduutti umaan kan gargaarudha.
Mootummaan Jijjiiramaa Naannoo Oromiyaa, dhaloota saayinsiifi teknoolojiin dorgomaa ta’e umuu akka galma tarsiima’aa qabsoo ummata Oromootti qabatee milkeessuuf socho’aa jira. Galma kana ariitii keessa galchuufis, waggoottan jijjiiramaa darban, gama tokkoon hojiilee cabiinsi barnootaa kaleessa irraa dhaalle akka itti hinfufne, gama birootiin inisheetivoota garagaraa qulqullina barnootaa guddisuun dorgomummaa dhalootaa mirkaneessan bocuun hojiitti hiikuu irratti argama.
Kufaatii dhaallerraa dafnee bayyanachuuf: tokko, cabiinsi carraa barnootaa dhabuu irraa kan ka’e saba keenya mudate akka itti hinfufne, barnoota sadarkaa tokkoon duraa (Bu’uura Boruu) irraa jalqabee waliingahiinsa irratti, mootummaafi ummanni naannoo keenyaa qindoomina olaanaan socho’aa jira. Lama, cabiinsi sirna barnootaa dhaloota keenya irraa eenyuummaa isaa mulqaa tureen dhufaa ture, beekumsawwan xabboo aadaa, duudhaafi eenyummaa saba keenyaa irraa maddan qaama sirna barnootaa gochuun hambisuu irratti milkaa’aa jirra. Sadi, cabiinsa hamaa rakkoo qulqullina barnootaa irraa madduufi har’as dhaloota keenya okkolchiisaa jiru bu’uuraan waldhaanuuf, Gumii Tiraanisfoormeeshinii Barnootaa sadarkaa naannootii hanga gandaa diriire dabalatee, tarsiimooleen garagaraa hojiirra oolaa jiru.
Abbaa feestivaala kanaa kan ta'an, manneen barnoota Ifa Boruu Bultii Addaafi Maanneen Barnootaa Addaa gama isaanitiin, qulqullina olaanaa barnootaafi dhaloota dorgomaa, galma tarsiima’aa keenyaan milkeessuuf qabanne akka akeekaniif kan hundaa’aniidha. Galma kana akeekuu irratti, humna abdachiisaa ta’aa jiraachuu isaanii qophiifi agarsiisa guyyaa har’aa nudaawwachiisaniin hubachuun nidanda’ama. Jalqabbii kana caalaatti cimsuuf, "Shaggar Institute of Technology" (SIT) kan hundeessine yoota’u, bara barnootaa 2018 irraa eegaluun barattoota dorgomsiisee simachuuf qophii xumureera. Barattoonni bara kana kutaa 12ffaa xumurtan marti, haala mijataa kanatti fayyadamuuf gamanumaa akka ofqopheessitan carraa kanaan isin affeeruun barbaada.
Hoggansi Jijjiiramaa keenya, galmoonni tarsiima’oo qabsoo ummata Oromoo hafanis ta’ee, milkaa’inni imala badhaadhina waliigalaa barnoota baricha madaalu mirkaneessuun qofa kan dhugooman ta’uu irratti hubannoo guutuu hidhatee socho’aa kan jirudha. Biyyaafi saba keenyaf, barnoonni filannoo osoo hintaane, dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuuti ejjannoo jedhu qabatees tarkaanfataa jira. Akkaatuma kanaan, mootummaan baajata guddaa ramaduun hojii egeree dhalootaa irratti raawwachaa jiru babaldhisee kan ittifufu ta’uu mirkaneessuun barbaada.
Dhumarrattis, dhaloonni kun ittigaafatamummaa guddaa kan ofharkaa qabu ta'uu yaadachiisaa, barattoota, barsiisotaafi maatii barattootaa, akkasumas qoodafattoonni barnoota naannoo keenyaa, dhimma haadhoo galmoota qabsoo sabaafi biyya keenyaa ta’e kana dhugoomsuurratti deeggarsaafi tumsa isinirraa eegamu akka taasiftan imaanaa guddaa jechuun barbaada.