Guyyaa har'aa,Godina Qeellam Wallaggaa, Aanaa Laaloo Qileetti argamuun sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara 2016 jalqabsiisuu kiyyaaf gammachuu guddaatu natti dhagahama jedhan Pirezidaant Shimallis Abdiisaa
Akkuma beekamu, Mootummaan jijjiiramaa keenya bara 2011 irraa eegalee rakkoo jijjiiramaafi faalama qilleensaan walqabatee umamuu malu qolachuuf, akkasumas dhiqama biyyeefi lola’a bishaanii hir’dhisuuf sochii Ashaaraa Magariisaatiif xiyyeeffannoo guddaa kennee itti fufiinsaan hojjechuu irratti kan argamu yoota’u, naannoon keenyaas sochii adda-duree taasisaa jira.
Bara kana akka naannootti waliigalaa biqiltuu bil. 5.5 qopheessuuf karoorsine keessaa, biqiltuu dhaabbiif gahe bil. 5'tti dhiyaatu lafa hekt. mil. 1.29 irratti dhaabuuf hojii kan jalqabne yoota’u, qophiin boolla biqiltuu guutumaan guututti qophaa'eera.
Lafa bara kana biqiltuun uwwisnu hekt. mil. 1.29 keessaa lafti hekt. kuma 814 fakkii saatalaayitii waliin walsimee (geo-referenced) jira. Akkasumas biqiltuu bara kana dhaabnu keessaa %10 biqiltuu muduraa gosa adda addaa nyaataaf ooludha.
Akka Naannoo Oromiyaatti, bara 2011 irraa eegalee Sagantaa Ashaaraa Magariisatiin, walumaagalatti biqiltuu bil. 18.6 dhaabuu kan dandeenye yoota'u, kana keessaa dhibbeeentaa 88.5 kan ta'uu latee jira. Kanaaniis, bosona naannoo keenyaa bara 2011 dura dhibbeentaa 17 irra ture gara naannoo dhibbeentaa 27'tti guddisuun danda’ameera.
Galma keenya dinagdee magariisaa ijaaruuf taasifamaa jiru keessatti, gumaacha hangafa ummanni naannoo keenyaa taasisaa jiruuf kabaja olaanaan qabu maqaa kiyyaafi maqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin ibsuun barbaada.
Dhumarrattis, lammiin kamuu harkifannaa tokko malee sochii kanarratti abbummaan akka hirmaatu waamicha koo dabarsaa, muldhata keenya guddicha "Oromiyaa ni ijaarra! Itoophiyaa ni utubna! Gaanfa Afrikaa ni tasgabbeessina!" jedhu dhugoomsuu keessatti Sagantaan Asharaa Magariisaa shoora olaanaa akka qabu yaadachisuun barbaada.
በዛሬው ዕለት በቄለም ወለጋ ዞን፣ ላሎ ቂሌ ወረዳ በመገኘት የ2016 ዓ.ም የአረንጓዴ አሻራ መርሃ ግብራችንን በማስጀመሬ ታላቅ ደስታ ተሰምቶኛል።
እንደሚታወቀው፤ የለውጡ መንግሥታችን ከ2011 ዓ.ም ጀምሮ ከአየር ንብረት ለውጥና መዛባት ጋር በተያያዘ ሊከሰቱ የሚችሉ ችግሮችን ለመከላከል፣ እንዲሁም የአፈር መሸርሸርና የውሃ እጥበትን ለመቀነስ ለአረንጓዴ አሻራ መርሃ ግብር ያላሰለሰ ትኩረት ሰጥቶ በመስራት ላይ የሚገኝ ሲሆን፣ በዚህ ረገድ ክልላችንም ቀዳሚውን እንቅስቃሴ በማድረግ ላይ ነው።
በዚህ ዓመት እንደ ክልል በአጠቃላይ ለማዘጋጀት ካቀድነው 5.5 ቢሊዮን ችግኝ ውስጥ ወደ 5 ቢሊዮን የሚጠጋ ለመተከል የደረሰ ችግኝ በ1.29 ሚሊዮን ሄክታር መሬት ላይ ለመትከል ሥራ የጀመርን ሲሆን፣ የችግኝ መትከያ ጉድጓዶችም ሙሉ በሙሉ ተዘጋጅተዋል።
በዚህ ዓመት በችግኝ እንሸፍነዋለን ብለን ካቀድነው 1.29 ሚሊዮን ሄክራት መሬት ውስጥ 814 ሺህ ሄክታር መሬት ከሳተላይት ምስል ጋር የተናበበ (geo-referenced) እንዲሆን ተደርጓል። እንዲሁም፤ በዚህ ዓመት ከምንተክለው ችግኝ ውስጥ 10 በመቶው የተለያዩ ለምግብ የሚውሉ የፍራፍሬ ዝርያዎች ናቸው።
የኦሮሚያ ክልል ከ2011 ዓ.ም ጀምሮ በአረንጓዴ አሻራ ፕሮግራም በድምሩ 18.6 ቢሊዮን ችግኞችን የተከለ ሲሆን ከዚህ ውስጥ 88.5 በመቶው ፀድቋል። በዚህም ከ2011 ዓ.ም በፊት 17 በመቶ የነበረውን የክልላችን የደን ሽፋን ወደ 27 በመቶ አካባቢ ማሳደግ ተችሏል። በአጠቃላይ አረንጓዴ ኢኮኖሚ ለመገንባት በምናደርገው ጥረት ውስጥ፣ የክልላችን ህዝብ እየተወጣ ላላው ግንባር ቀደም ሚና ያለኝን ከፍተኛ አድናቆት በራሴና በኦሮሚያ ክልላዊ መንግስት ስም ለመግለፅ እወዳለሁ፡፡
በመጨረሻም፣ ማንኛውም ዜጋ፣ ያለምንም ማቅማማት በባለቤትነት እንዲሳተፍ ጥሪዬን እያቀረብኩ፣ ታላቁ ርዕያችን የሆነውን ‘ኦሮሚያን መገንባት! ኢትዮጵያን ማፅናት! እና የአፍሪቃ ቀንድን ማረጋጋት! እውን በማድረግ ውስጥ የአረንጓዴ አሻራ ፕሮግራም ሚና ከፍተኛ መሆኑን ላስታውስ እወዳለሁ።