Guyyaa har'aa mootummaa gandootaa keenyaaf doqdoqqee tajaajila si'oomsuuf oolaan raabsine. Mootummaan Jijjiiramaa Naannoo Oromiyaa ce'uumsa gama dhaqqabummaa, qulqullinaafi si'oomina tajaajilaa, hirmaachisummaa hawaasaafi ijaarsa sirnaatiin akeeke, tarkaa

  • 16 Oct 2025
  • Posted by oromiapre_ulpro
  • 0 Comments

Guyyaa har'aa mootummaa gandootaa keenyaaf doqdoqqee tajaajila si'oomsuuf oolaan raabsine. Mootummaan Jijjiiramaa Naannoo Oromiyaa ce'uumsa gama dhaqqabummaa, qulqullinaafi si'oomina tajaajilaa, hirmaachisummaa hawaasaafi ijaarsa sirnaatiin akeeke, tarkaanfii seena-qabeessa fudhachuun eegale.

Kanaanis faanni milkaa'inaa argamaa jira. Carraa kanaan, hoggansa mootummaa gandaa/araddaa oltee bultee isaa ganda taasisee milkaa'ina kana argamsiisaa jiru maqaa kiyyaafi maqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin galateeffachuun barbaada.

Bu'a qabeessummaan mootummaa naannoo keenyaa hammantaa mootummaa gandaa humneessineen murtaa'a. Doqdoqqeewwaan (motorcycle) guyyaa har'aa dabarfamanis, kaayyoo qabameefif akka oolan mirkaneessuun murteessadha.

Dhimmoonni bu'uuraa Naannoo Oromiyaa shan mootummaa gandaa kan gidigaleeffataniidha. Isaanis:.tokko, karoorri Oromiyaa karoora gandaati. Lameessoon, raawwiin Oromiyaa raawwii gandaati. Sadi deeggarsaafi hordoffiin caasaa sadarkaan jiruun taasifamu ganda kan giddugaleeffate ta'uu qaba. Afur, waahundaan humneessuun (aangoo, humna namaa, leecalloo) ganda ta'uu qaba. Shan, wiirtuun cehumsi waahundaa (tajaajila, siyaasa, hawaas-dinagdee, indaastirii gadoo, ogummaafi dhaweessummaa) itti milkaa’u gandadha.

Bu'uura kanaan gandi onnee Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta'uun waan mormiif dhiyaatu miti. Walumaagalatti, mootummaan keenya gara fuuldurattis humna qabu hundaan ganda gahoomsuufi humneessuu irratti kan hojjetu ta'uu mirkaneessaa, hoggansa gandaa sabboonummaan gochaan muldhisaa jiru irra deebiin, maqaa kiyyaafi maqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin galateeffachuun barbaada.