Guyyaa har'aa Looreeta Nagaa Addunyaa, Mummee Ministiraa keenya Abiyyi Ahimad (PhD)’fi angaa’ota mootummaa olaanoo waliin ta'uun ijaarsa Buufata Xayyaaraa Idil-addunyaa Bishooftuu eegalchiifne.

  • 13 Jan 2026
  • Posted by oromiapre_ulpro
  • 0 Comments

Guyyaa har'aa Looreeta Nagaa Addunyaa, Mummee Ministiraa keenya Abiyyi Ahimad (PhD)’fi angaa’ota mootummaa olaanoo waliin ta'uun ijaarsa Buufata Xayyaaraa Idil-addunyaa Bishooftuu eegalchiifne. Hojiileen babaldhina buufataalee xayyaaraa irratti gaggeeffamaa jiran, gahee adda durummaa biyyi keenya akka balbala geejjiba qilleensaa Afriikaatti bahachaa jirtu daran cimsee kan ittifufsiisudha. Gama kaaniin, biyya keenya giddugala Afrikaafi Baha Giddugaleessaa taasisuun koriidora daldalaafi turizimiitti kan jijjiirudha.
Kanaaf, guyyaa har’aa ifatti kan eegalame ijaarsa buufatichaa qofa osoo hintaane, muldhata magaalaa Bishooftuu gara Giddugala Turizimii Afrikaatti ceesisuuf kaa’amedha. Piroojektiin bu’uura misoomaa geejjiba qilleensaa akka Afrikaatti isa guddaa ta’e kun magaalota keenyaaf, addatti ammoo magaalaa Bishooftuuf carraa olaanaa kan qabate ta’uu Mootummaan Naannoo Oromiyaa duursee hubateera. Qophii gahaan carraa kana roga-maraan fayyadamuuf dandeessisus taasifamaa tureera. Magaalonni keenya naannawa kanatti argaman, addatti Bishooftuun, pilaanii mummee (master plan) haaraa dilbii misooma turizimii qabeenya keessoofi carraa piroojektii kana waliin dhufu irratti hundaa’e gaggeessaa jiru. 
Magaalonni Bishooftufi Shaggar, akkuma pilaanii mummee isaanitiin carraa kana babaldhina misooma turizimii fayyaafi keessummeessaaf (medical and hospitality tourism) oolchuuf akeekan, lafarrattis sochii qabatamaa jalqabaniiru. Dabalataanis, sarara baaburaafi daandii konkolaataa Buufataalee Xayyaaraa Idil-addunyaa Booleefi Bishooftuu gidduutti hojjetaman akka koriidoroota misoomaa dabalataatti fayyadamuuf qophaa’aniiru. Walumaagalatti, hoteelota, hospitaalota, riizortoota, ‘real estate’, ‘pharmaceutical industries, wiirtuulee leecalloofi kkf babaldhisuun magaalota keenya giddugala turizimiifi dinagdee taasisuuf socho’aa jirra. Dhumarrattis piroojektii olaanaa biyyaafis ta’ee naannoo keenyaa carraa baldhaa qabatee dhufe kana humna qabnu maraan hanga dhumaatti kan waliin dhaabbannu ta’uu carraa kanaan mirkaneessuun barbaada.