Gamtaan Maatii Paartii Badhaadhinaa Waajjira Pirezidaantii MNO, koonfiraansii kurmaana 1ffaa, kan bara 2018 gaggeesse.

  • 29 Oct 2025
  • Posted by oromiapre_ulpro
  • 0 Comments

Gamtaan Maatii Paartii Badhaadhinaa Waajjira Pirezidaantii MNO, koonfiraansii kurmaana 1ffaa, kan bara 2018 gaggeesse.

Konfiraansii kanaan, gama tokkoon harcaatii jiran furuuf, gama biraatiin kurmaanonni fulduraaf jiran yeroo murteessoo waan ta'aniif, ergamaa paartiifi fedhii ummataa guutuuf raawwiin kamuu galma qabsoon madaluun barbaachisaa akka ta’e murtaa'uun irratti marii'atameera.

Konfiraansii kanarratti argamuun haasaa baniinsaa kan godhan Ittigaafatamaan WPMNO Abdullaaziz Daawud(PhD), kurmaanni 1ffaan yeroo hidhi haaromsaa itti eebbifameefi injifannoon biyyoolessaa guddaan itti argame ta'uu ibsuun, kurmaanonni fulduraa yeroo waadaan ummataaf galame itti goolabamuufi filannoo biyyaalessaa marsaa 7ffaaf itti qophaa'amu ta'uu kaasaniiru. Akkasumas, miseensi kamuu hojii itti kenname qajeelfama, hojimaataafi sagantaa paartiitiin raawwachuu qaba kan jedhan Abdullaaziiz Daawud(PhD), ji'oonni fulduraa murteessoo waan ta'aniif harcaatii jiran ariitiin furuun, fulduratti tarkaanfachuun barbaachisaa ta'uu dhaamanii jiru.

Konfiraansii kanarratti, gabaasni raawwii hojii paartii Obbo Biraanuu Urgeessaatiin kan dhiyaate yoota'u, kurmaanicha keessatti ciminaafi hanqinoota mul'atan adda baasuun irratti mari'atameera. Bu'uuruma kanaan, yaadni ijaarsaa mana keessaa ka'uun dhimmoota fuldurratti xiyyeeffannaa barbaadan irratti kallattiin kennameera.

Dhumarrattis, Gamtaan Paartii Badhaadhinaa Waajjira Pirezidaantii Koree Gamtaafi KIN haaraa filachuu, akkasumas miseensa kaadhimamaa haaraa dabalamaan raggasiisuun koonfiraansichi goolabeer