Gamaaggamni raawwii hojii mootummaafi paartii kan kurmaana 3ffaa bara 2018 Magaalaa Bishooftuu Galma Harsadeetti guyyoota sadiif gaggeeffamaa ture, guyyaa har'aa kallattii hojii Pirezidaantii MNO Obbo Shimallis Abdiisaan erga kennamee booda goolabameera.

  • 20 Apr 2026
  • Posted by oromiapre_ulpro
  • 0 Comments
Gamaaggamni raawwii hojii mootummaafi paartii kan kurmaana 3ffaa bara 2018 Magaalaa Bishooftuu Galma Harsadeetti guyyoota sadiif gaggeeffamaa ture, guyyaa har'aa kallattii hojii Pirezidaantii MNO Obbo Shimallis Abdiisaan erga kennamee booda goolabameera.
Gamaaggama kana irratti gabaasa raawwii hojii mootummaafi paartii erga dhiyaate booda marii baldhaa taasisuun, ciminoota jiran akkaataa ittifufsiisuun danda'amurratti akkasumas hanqinoota mul'atan sirreessuun bu'aa caalmaaf hojiilee hafan qulqullinaan, baay'inaan, dabalataanis ariitiin akkaataa raawwachuun danda'amuu irratti waliigalameera.
Pirezidaantiin MNO Shimallis Abdiisaa, gamaaggamaa gaggeeffameen bu'aawwan jajjabeessoon ta'an galmaa'aa akka jiran kan mul'isuu ta'uu isaa ibsuun, hanqinoota jiran guutuuf hoggansii sadarkaan jiru halkanii guyyaa hojjachuu cinaatti, yeroon itti jirruu yeroo murteessaa waan ta'eef ji'oottan sadan dhufaniitti hoggansiifi raawwataan sadarkaan jiru dhimmoota sadii irratti xiyyeeffannoo olaanaan hojjachuu akka qabu kallattii kaa’aniiru.
Tokkoffaa: Filannoo haqa-qabeessa, amanamaa, hirmaachisaafi dimookraatawaa akka ta'uuf hoggansiifi raawwataan sadarkaa jiru hojiilee dandeessissoo hojjachuun shooraa ol'aanaa taphachuu akka qaban ibsaniiru.
Lammaffaa: Karoora waggaa shanan xummuramaa jiruun ji'oottan hafaniin miiraa yeroo hinqabnuu jedhuun hojiilee hafan golabuun raawwii karoorichaa milkeessuun akka barbaachisuu addeessaniiru.
Sadaffaa: Qophii karoora waggaa shanan dhufu Karoora Ofdanda'uu (2019-2023) sirnaan goolabuun hojiitti galchuun injiifannoo caalmaaf ofqopheessuun barbaachiisaa akka ta'ee akeeekaniiru.