Eebbi Piroojektootaa akkuma itti fufetti jira.
Baasii qarshii biliyoona 1.4 oliin magaalaa Galaanitti kan Ijaarame Waldaan Aksiiyoona Pirintingii, pablishiingiifi paakeejingii Meelbaa jila (Melba Printing and Packaging) Pireezedaantii Mootummaaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan durfamuun eebbifamaa jira. Dhaabbatni Maxxansaa kun teeknooloojii maxxansaa dhaloota afraffaadhaan (fourth generation) kan gurmaa’e yoo ta’u guyyaatti kitaabota 138,000 ol akkasumas waggaatti kitaabota Miliyoona shantamaa ol maxxansuu danda’a. Dhaabbatni maxxansaa Meelbaa maxxansaa Kitaabaa barnootaa sharafa alaa guddaadhaan biyya alaatti maxxanfamaa ture kan hambisudha. Dabalataanis biyyoota Afriikaa hedduudhaaf kitaabilee maxxansuun sharafa biyya alaa ni argamsiisa. Waldaan kun edhii gara maxansaan jiru gutumaan guututti kan guutu qofa osoo hin taane namoota 500 oliif carraa hojii uuma. Meelbaan industrii maxxansa biyya keenyaa boqonnaa haaraatti kan ceesisuudha. Baha Afrikaa irrattis Kubbaniyyaa filatamaa ta'uu kallatteefatee jira.