Dhimmi Galaana Diimaa gaaffii seenaa, seeraa, qubsuma lafaafi dinagdeeti -Ministira Muummee, Abiyyi Ahimad (PhD)
Dhimmi Galaana Diimaa gaaffii seenaa, seeraa, qubsuma lafaafi dinagdeeti -Ministira Muummee, Abiyyi Ahimad (PhD)
Tibbana Miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf, dhimmoota dippiloomaasii irratti ibsa baldhaa kan kennan, Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad(PhD), Itiyoophiyaan ulaa galaanaa kan dhabde qabsoo waggoota 30'f gaggeeffameefi daboo dabaa hedduuwwan taasisaniin ta'uu ibsuun, deebitee argachuuf waggaa 30 eeguu hinqabdu jedhan. Kanaaf karaa nagaafi tasgabbii qabuun ilaaluun barbaachisa ta’u dubbatan.
Murtee Itiyoophiyaa ulaa galaanaa waggoota 30 duraa dhabsiise eenyutu murteesse kan jedhu yoo ilaallu, ummanni Itiyoophiyaa ykn bakka bu'oonnii ummataa hinmurteessine kan jedhan, Dr. Abiyyi Ahimad, karaan ittiin ulaa galaanaa dhabne rakkoo seera akka qabu addeessan. Kanaaf, dhimma jiraachuufi dhiisuu akkasii eenyutu murteesse jedhanii gaafachuun gaaffii sirrii ta’uu ibsaniiru.
Dabalataanis, Itoophiyaan itticufamee jiraachuu hindandeessu kan jedhan MM Abiyyi Ahimad, wanti nuti olloota keenyatti himuu barbaannu, Itoophiyaan yoo guddatte naannichaaf madda misoomaa akka taatu akka hubatanidha jedhan.
MM Dr. Abiyyi, fedhiin Itiyoophiyaa tumsaan waliin guddachuu akka ta’e ibsuun, Itiyoophiyaaf Galaanni Diimaan akka barbaachisu jijjiirama duras amanaa turre, amanuu qofa osoo hintaane dubbachaas turre jedhan. Kana malees, barii jijjiiramaarraa eegaluun, Mootummaan, qaamolee dhimmi ilaallatu hundaaf gaaffii kana sirnaan dhiyeessaa turuu hubachiisaniiru.
Itiyoophiyaan eenyuma waliinuu waraana seenuu hinbarbaaddu; ammas mariifi karaa nagaan ulaa galaanaa argachuuf carraaqqii taasiftu cimsitee kan ittifuftu ta’uu kan ibsan Ministirri Muummee Abiyyi, Itiyoophiyaan Galaana Diimaatti bahuun waan hin oolleef, biyyoonni hedduun gaaffii kanaaf tumsa barbaachiisaa akka taasisan waamichaa keenya dhiyeessineerra jedhan.






