Dhangaggummaa Biyyee: Akka Rakkoofi Carraa Damee Qonnaatti Ittifufiinsa misooma qonnaa dhugoomsuuf, miidhaa bu’uura qabeenya umamaa hambisuu, gabbina biyyee eeguufi fooyyessuun dhimmoota ijoodha

  • 14 Aug 2025
  • Posted by oromiapre_ulpro
  • 0 Comments

Ittifufiinsa misooma qonnaa dhugoomsuuf, miidhaa bu’uura qabeenya umamaa hambisuu, gabbina biyyee eeguufi fooyyessuun dhimmoota ijoodha. Laafina gama kanaan tureen, bu’uura qonna keenyaa kan ta’e biyyeen miidhaa adda addaaf saaxilameera. Kana keessaa tokko dhangaggummaadha. Omishaafi oomishtummaan biyyee dhangaggummaan miidhamee, %75’n gadi bu’uu darbees guutummaatti omishaan ala ta’uu danda’a. Dhangaggummaan biyyee, bu’a qabeessummaa xaa’oo nam-tolchees %50 oliin kan gadi buusudha.

Ragaan jiru akka agarsiisutti, akka naannoo keenyaatti, dhangaggummaan biyyee, Godinaalee 14’fi Aanaalee 178 keessatti lafa hekt. mil. 1.79 hanga hekt. mil. 2.3’tti tilmaamamu miidhera. Hawaasni keenya naannawa baddaa rooba gahaa jiraatu, lafa qonnaa dhangaggummaan jalaa miidhame gara baargamootti jijjiruuf dirqamaniiru.Mootummaan Jijjiiramaa Naannoo Oromiyaa rakkoo kana hambisuu, hirdhisuufi dandamachuuf, addatti toorawwan qabiyyee qonnaa lama: ‘Teknoolojii Maddisiisuu, Baay’isuufi Beeksisuu/Babaldhisuu’fi ‘Bulchiinsa Qabeenya Umamaa’ irratti baldhinaan socho’aa jira.

Furmaatileen Hojiirra Oolaa Turan Gama Tokkoon: Furmaatilee akka RAKKOOtti ilaaluun kennaman:

1. Nooraa Qonnaatiin Waldhaanuu: “Agroecology”/gosa midhaan misoomu irratti hundaa’un, biyyee dhangaggaa’aa nooraa fayyadamuun yaalaa jirra. Bu’uuruma kanaan, waggoota darban nooraa kunt. kuma 854 omishuun, lafa hekt. kuma 44 ol ta’u yaaluun omishatti deebisuun danda’ameera.

2. Omisha Keessaa Baasuun bayyanachiisuu: Lafa baldhaa qonnaafi tuttuqaa irraa bilisa gochuun, qabiyyeen umamaa (organic matter) isaa deebi'ee haaromuu irratti argama.

Gama Birootiin: Furmaatilee akka CARRAAtti fudhachuun (dhaweessummaan) kennaman:

1. Gosoota Sanyii Dhangaggummaa Biyyee Dandamatan Beeksisuu: Mootummaan rakkoo kana akka carraatti fayyadamuun akkaataa “agroecology”tiin, inisheetivoota omishaalee al-ergiifi gabaa giddugaleessaa, biyyee dhangaggaa’aa dandamatan bocuun beeksisuu irratti argamna. Bu’uuruma kanaan, inisheetivoota omishaalee akka Baala Shaayii, Bunaafi Ruuzii, akkasumas omisha Maangoo qonnaan bultoota lafti isaanii dhangaggummaan jalaa miidhame biratti babaldhisaa jirra. Kanaanis, faayidaa caalu akka argatan dandeessisuu irratti argamna.

2. Xaa’oo Umamaa Fayyadamuu: Xaa’oon umamaa kanniin akka Varm kompoostii (VK), kompoostii idilee (KI)’fi kompoostii siicoo (KS) qabiyyee umamaa biyyee dhangaggaa’aa deebisan qopheessanii fayyadamuun waggaadhaa gara waggaatti daran dabalaa jira.

Gama kanaan, bara 2013, KI meetir kuubii (m3) mil. 17.3, VK kunt. kuma 24’fi KS kunt. kuma 84 qopheessuun lafa waliigalaa hekt. kuma 462 ittiin misoomsun danda’ameera. Bara kana (2017) ammoo, KI m3 mil. 271, VK kunt. mil. 4.2’fi KS kunt. kuma 500’tti dhiyaatu qopheessuun lafa waliigalaa hekt. mil. 8.1 ta’u ittiin misoomsun danda’ameera. Guddinni waggoota jahan darban muldhate, mootummaan rakkoo kana gara carraatti jijjiiruu isaa kan agarsiisudha. Hubannoon ummata keenya biratti umamaa dhufe abdachiisadha.

Qophiifi fayyadamni xaa’oo umamaa keenya, yaala lafa dhangaggummaan miidhamee (hekt. mil. 2.3) bira tareera. Kunis, fayyummaafi gabbina biyyee eeguufi fooyyessuutti ce’uu keenya kan muldhisuudha. Gama birootin, baasii mootummaafi maatiin qonnaan bulaa xaa’oo nam-tolchee bituuf olchan daran kan hirdhisu, darbees hambisuudha. Milkaa’ina damee qonnaatiin galmeessine keessatti, akkaataan dhangaggummaa biyyee akka rakkoofi akka carraatti fudhannee itti sochoone, lafa baldhaa gara omishaafi oomishtummaatti deebisuun shoora mataa isaa taphateera. Mootummaan Jijjiiramaa Naannoo keenyaa, gara fuula duraattis hudhaalee adeemsa kanaan muldhatan furaa, bu’a qabeessummaa qotee bulaa dabalaa kan deemu ta’a. Kallattii Gara Fuulduraa Dhangaggummaan biyyee akkuma biyyaattuu sadarkaa barbaadamuun adda hinbaane.

Gama birootiin, rakkicha qixa barbaadamuun furuuf, hunda dura sakatta’iinsa, hordoffiifi dhangaggummaa/gabbina biyyee gulantaa miidhamaatiin haaroomsuufi faan-dhawuun (mapping) murteessadha. Mootummaan Jijjiiramaa Naannoo keenyaa, hudhaalee gama humna namaa, giddugalawwan qorannoo, faasiliitiwwaniifi bu’uuraalee qorannoo akkasumas bajataatiin jiran furuun, hojiile qorannoo, faan-dhawaafi eksiteenshinii bulchiinsa dhangaggaa’ummaa/gabbina biyyee cimsee kan ittifufu ta’a.

Akka RAKKOOtti: hojiin gama dhangaggummaa yaalutiin jiru, hidhata gabaafi dhiyeessii nooraa qonnaa mijeessuufi gatii nooraa ‘subsidize’ gochuun dhaqqabummaa isaa nimirkaneessa. Akkasumas dandeettii omishuutiin walqabatee, walta’iinsa dhuunfaafi mootummaa (ppp) qindeessuun, dhiyeessii baldhina rakkichaa waliin walsimu kan dhugoomsu ta'a. Akka CARRAAtti, sochii qophiifi ittifayyadama xaa’oo umamaa yeroo ammaa jiru, gandoota naannichaa akkasumas maatii badhaadhinaa hunda biratti idileessee babaldhisuun, faayidaan gama hundaan jiru sadarkaa olaanaatti akka guddatu kan hojjetu ta’a.

Akkasumas, inisheetivoota omishaalee al-ergiifi gabaa giddugaleessaa, dhangaggummaa dandamataniifi armaan dura jalqabaman (buna, shaayii, ruuzii, maangoo) babaldhisuu cinaatti, haaraa (‘cowpeas’, kuduraalee, muduraalee) nibeeksisa.

Dabalataanis, kunuunsafi eegumsa qabeenya umamaa jalqabe cimsee ittifufuu, hubannoo eegumsa gabbina biyyee guddisuu, akkasumas teknoolojii dhangaggummaa biyyeetiin walqabatan maddisiisuu irratti luucceeffatee kan hojjetu ta’a.

Walumaagalatti, hojiileen dhangaggummaa biyyee akka rakkoofi akka carraatti fudhachuun raawwanne, bu’aa argamsiisaniinis ta’ee kallattii nuuf akeekaniin, salphaatti kan ilaalamanii miti. Haata’uutii, baldhina rakkichaafi carraalee umamuu danda’aniin walbira qabnee yemmuu ilaallu, hojiileenn hanga ammaa gahaa miti. Kanaaf, yeroo dhufutti amaloota hoggansaafi mootummaa dhaweessaa (entrepreneur) goonfachuun, gama lachuunuu ariitiin kan sochoonu ta’uu mirkaneessun barbaada.