Daawwannaan Ministirri Muummee Indiyaa Naareendiraa Moodii Itiyoophiyaatti taasisan hariiroon dippiloomaasii biyyoota lamaanii guddachaa jiraachuu Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsaniiru ‎

  • 18 Dec 2025
  • Posted by oromiapre_ulpro
  • 0 Comments

Daawwannaan Ministirri Muummee Indiyaa Naareendiraa Moodii Itiyoophiyaatti taasisan hariiroon dippiloomaasii biyyoota lamaanii guddachaa jiraachuu Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsaniiru

Daawwannaan kun hariiroo gama lamaanii dameewwan garaa garaan jabaachaa dhufe agarsiisuu irra darbee biyyootni lamaan mul’ata waloo qabaachuu kan agarsiisu ta’uu kan ibsan Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad, Itiyoophiyaafi Indiyaan boqonnaa michooma haaraa imala fagoon masakame qabaachuu akkasumas birmadummaa biyyoota lamaanii kabachiisaa dhimmoota addunyaa keessatti qooda olaanaa bahachuuf qophaa’uu isaanii beeksisaniiru.

‎MM Abiyyi Ahimad(PhD), Indiyaa damdamattuu ijaaruuf mul’atni Ministirri Muummee Naareendiraa Moodiin qabatan haala michooma waaraafi tarsiimawaa ta’een mul’achaa jiraachuu kaasuun, Itoophiyaanis ilaalcha ida’amuun walitti dhufuun cimina ishee guddisaa ogummaafi qaroomina seenaa irraa fudhatteen biyya ammayyaafi egereen ishee fooyya’aa ta’e dhalootaaf ijaaruuf murannoon hojjachaa akka jirtu ibsaniiru.

‎Itiyoophiyaafi Indiyaan duudhaafi seenaa bara dheeraa waliin qooddatan hedduu qabaachuu kan ibsan Ministirri Muummee Itoophiyaa Dr. Abiyyi, hariiroon  kunis carraa waliin guddachuu akka mijeessu dubbataniiru. Dabalataanis, carraa ilaalchi waloo kun uumu keessaa tokko carraa hojii ta’uu kan kaasan yoo ta’u warshaawwan hedduu waliin banuufi carraa cehumsa dijitaalaatti fayyadamuun lammiilee hunda bira gahuun akka danda’amu ibsaniiru.

‎Bu’uuruma kanaan, Anniisaa haaromfamaafi qulqulluun Itiyoophiyaan eegalte  industiriiwwaniif galtee ta’uurra darbee Finfinneefi Bangaaloor carraa hojiitiin walitti hidhuuf bu'aa guddaa akka qabus ibsaniiru.

‎Daawwannaan kun egeree biyyoota lamaanii qofaa osoo hin taane, poteenshaala biyyoonni ‘Global South’ akka addunyaatti qaban agarsiistuu ta’uurra darbee yeroon itti gumaacha olaanaa ba’atan amma ta’uu kan mirkaneesse akka ta’es ibsaniiru.

‎Hariiroo biyyoota lamaanii sadarkaa tarsiimawaatti guddisuuf murtoon murtaa’e tumsa waloo guddisuufi guddina waloo akeekuuf boqonnaan haaraa banamuu kan ibsan MM Abiyyi Ahimad, biyyoonni lameen dhimmoota bulchiinsa gumurukii, giddugala Daataa hundeessuu, nagaafi tasgabbii idil-addunyaa, deeggarsa Hospitaala Yaadannoo Mahatama Gaandii, barnootaafi leenjiiwwan dandeettii dijitaalaa cimsan irratti taasisuu irratti sanada walhubannaa(MOU)fi waliigaltee mallatteessuu Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Dr. Abiyyi Ahimad dubbataniiru.