Buufanni Xayyaaraa Yaaballoo ijaarsi isaa xumuramuun eebbaf qophaa'e!

  • 01 Sep 2025
  • Posted by oromiapre_ulpro
  • 0 Comments

Buufanni Xayyaaraa Yaaballoo ijaarsi isaa xumuramuun eebbaf qophaa'e!

Buufanni Xayyaaraa Yaaballoo, galma Mootummaan Jijjiiramaa dinagdee damdaneessa umuufi badhaadhina waloo dhugoomsuuf qabu kan tumsuudha. Akkasumas, sochii dinagdee Kibbaa Oromiyaa ariitii keessa galchuuf shoora ol'aanaa kan taphatuudha.

Ijaaramuun buufata xiyyaara kana sochii dinagdee, haawasummaa, turizimiifi dilbii Kibbaa Oromiyaa jiru sochoosuun fayidaa hawaas-dinagdee bal'aa kan umuu danda'uudha. Bu'uuruma kanaan, sochii geejjiba naannichaa fooyyessuun, invastaaroota gara naannichaatti harkisuu keessattis bu’aa guddaa qabaata. Kunis, rakkoo kanaan duraa sababa geejjibaafi gabaan invastaaroota mudachaa ture hambisuun salphaadhumaatti omishaa qisaasama malee gabaa gidduu-galeessaafi idil-addunyaaf akka dhiyeeffatan kan taasisuu ta’a.

Kunimmoo dinagdee horsiisee bultoonnifi qonnaan bultoota godinaalee kibbaa Oromiyaa dadammaqsuun omishaaleen qonnaa, albuudaafi bu’aalee horsiisaa loonii saffisaafi qulqullinaan gabaa giddu galeessaaf akka dhiyaatan gochuurratti shoora ol’aanaa qabaata. Akkasumas omishaalee bu’aa qonnaafi industirii gabaa gidduu galeessaafi idil-addunyaatti dhiyeessuuf daandii kan banu ta’a.

Dabalatanis, ijaaramuun buufata xiyyaara kana hawwata turistii godinichiifi naannoon sun qabu muldhisuufi dilbiiwwan achi jiran kanneen akka paarkii biyyoolessaa Boranaafi kanneen biroorra beeksisuun, akkasumas haala mijataa umuun, turizimii naannichaarraa haawasni fayyadamoo akka ta’aniifi carraan hojii dabalataa akka umamuu kan taasisuudha.

Walumaagalaatti, ijaarsi Buufata Xayyaaraa kana sochii dinaagdee Kibbaa Oromiyaa jajjabeessuun karoora mootummaan walitti hidhamiinsa gabaa umuufi dinagdee damdaneessa umuuf qabu milkeessuuf shoora olaanaa taphata. Dabalataniis omishnifi oomishtummaan naannichaa akka guddatu, walitti dhufeenyi hawaasummaa akka jabaatu gochuufi hariiroon ummata naannoofi biyya keenyaa daran akka jabaatu kan taasisu ta’a.

Buufanni Xayyaaraa Yaaballoo Hagayya 25, 2017   eebbifamuun balallii idileef banaa ta'aa jedhamee eegama