Badhaadhinaa maatiifi biyyaa qabame milkeessuuf, hirmaannaafi tumsa hawaasaa hundaa kanngaafatudha! Pirezidaantii MNO, Obbo Shimallis Abdiisaa
Badhaadhinaa maatiifi biyyaa qabame milkeessuuf, hirmaannaafi tumsa hawaasaa hundaa kanngaafatudha! Pirezidaantii MNO, Obbo Shimallis Abdiisaa
Mariin hirmaannaafi fayyadamummaa ummataa fulla’iinsaan mirkaneessuu kaayyeeffatee mataduree "Labsiiwwan Gubaa; Horataalee Mootummaa Ida’amuu" jedhuun guyyaa har'aa magaalota biyyattii garaagaraa keessatti gaggeefamaa oolera.
Bu’uuruma kanaan Pirezidaantiin MNO Obbo Shimallis Abdiisaa marii ummataa magaalaa Arbaa Minchittii gaggeeffamerratti ergaa dabarsaniin, ummattoonni Naannoo Oromiyaafi Naannoo Kibba Itiyoophiyaa hawaasa hariiroo yeroo dheeraa qaban, akkasumas, aadaa, duudhaafi eenyummaa walfakkaatu waliin qooddatan ta'uu eeran. Ittidabaluunis ummattoonni kun haalota ulfaatoo baay'ee waliin dabarsuun cinaatti, qoruumsa isaan mudatee bilchinaan irraa aanuudhaan tokkummaa ummattoota tiksuun fakkeenya kan ta'aniidha jedhan. Keessattuu jaarsooliin biyyaafi manguddoonni Gaamoo yeroo rakkoo mariidhaan akkasumas, araaraa buusuun tokkumma ummataa eeguu dubbatan.
Pirezidaanti Shimallis ergaa isaanitiin, haawaasni godinaalee Gujii Lixaafi Gaamoo akkasumas hoggansi godinaalee lameenii caalaatti waloon ta'uudhaan guddinaafi misooma naannoolee lameeniif waloon hojjechuu akka qabanis dhaaman. Ittifufuun, rakkoon Paarkii Biyyoolessaa Naccisaariin walqabatee jiru furamuu akka qabu kaasun, paarkichi guddinaa turizimii biyyaaf shooraa ol'aanaa waan qabuf naannooleen lameen eegumsaafi kunuunsaa paarkichaaf walitti dhiyeenyaan ni hojjetu jedhan. Dabalataanis daandiin naannoolee laman walqunnamsiisuu haxaawwiin muraasni eegalamee jira; sun sadarkaa ol'aanaatti guddachuun akka xumuramuuf carraaqqiin akka taasifamus dhaaman.
Gama industiriifi omishaalee qonnaa kurfeessuutiin gaaffii jiru deebisuuf dhaabbileen walta'iinsa Mootummaafi dhuunfaatiin hojjetaniif carraa kennaa deemuun barbaachisaa ta'u eerun, damichi imala badhaadhinaa saffisiisuufi dhugomsuu keessatti shooraa ol'aanaa qabaachuu ibsan.
Walumaagalatti, Pirezidaanti Shimallis ergaa isaanitiin, hojiileen gama industirii, turizimii, qonna, albuuda, magaalaa ismaartii, nageenyaafi sektaraalee biroon hojjetaman bu'aa olaanaa fidaa jiraachuu eeruun, badhaadhinaa maatiifi biyyaa milkeessuuf kutaalee hawaasaa hunda hirmaachisuun barbaachisaa ta'u marii ummataa kanarratti dhaamanii jiru.






