Adaamaa, Bishooftuu, Gadaafi Shaggar —Akeeka Magaalaa Bara Haaraa. Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Shimallis Abdiisaa

  • 23 Jan 2026
  • Posted by oromiapre_ulpro
  • 0 Comments


Adaamaa, Bishooftuu, Gadaafi Shaggar —Akeeka Magaalaa Bara Haaraa. Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Shimallis Abdiisaa

Magaalonni barichaa bu’uuraalee misoomaa teknoolojiin deeggaraman, sassaabbifi xiinxala ‘data’, qindoomina ‘siistamootaa’, guddina maloota hirmaachisummaa, xiyyeeffannoo fulla’iinsaafi fooyya’iinsa tajaajilaatiin ibsamu. Milkaa’inni ijaarsa magaalaa bara haaraa, sadarkuma bulchiinsa, tajaajila, sochii/hidhamiinsa, jireenya, naannawa (environment)’fi nama irratti invastimantiin teknoolojiin walqabatu taasifamuun murtaa’a.

Magaalonni keenya roga-maraan boodatti hafoodha. Bu’uuraalee misoomaa teknoolojiin deeggaraman kan hinqabne qofa miti; Innumti baramaanuu akka Baha Afrikaattis ta’ee akka biyya keenyatti gadi aanodha. 

Mootummaan Naannoo Oromiyaa imaammata, tarsiimofi karoora tarsiima’oo hudhaalee kaleessaa soksanifi egeree akeekan qopheessuun ijaarsa magaalota bara haaraa (smart) jalqabeera. Magaalota Adaamaa, Gadaa, Bishooftufi Shaggar, pilaanota mummee haaraa sochii dinagdeef si’oomina, invastimantiif hawwatina, jalqabbiif (star-up) jajjabina, tajaajilaaf qulqullina, hariiroo magaalaafi baadiyyaatiif walsimina, jireenyaaf mijatina walumaagalatti bulchiinsa, dinagdeefi hawaasummaa magaalaatiif ce’uumsa caasawaa ariifachiisan qopheessuun hojiitti galcheera. Bu’uuraalee misoomaa isaanis ammayyummaa, qulqullina, mijatummaa, hammattummaa, damdamannaa, madaqinafi qindoomina irratti xiyyeeffachuun abuurera.

Barreeffamni kun pilaanota mummee magaalotichaa, akeeka magaalaa bara haaraa (smart city) isaan gama bulchiinsaa, tajaajilaafi sochii/hidhamiinsaatiin kaa’an kan xiinxaludha.

1. Bulchiinsa Ammayyaa’aa (Smart Governance)
Mootummaan Naannoo Oromiyaa, hudhaalee magaalaa gama pilaanii, dinagdee, hawaasummaa, qophaa’ummaa carraa egereefi siyaasaatiin jiran furuuf hunda dura hoggansaafi mootummaa magaalaa baricha madaalu horachuun dirqama ta’uu nihubata. Kunis karoora, to’annoofi qajeelcha magaalaa teknoolojii dijitaalaafi xiinxala ‘data’ guddaan  deeggarame hojiirra oolchuun kan ifudha. 

Magaalonni afranuu, imala diriirsa bulchiinsa magaalaa bara haaraa, adeemsa qophii pilaanii, karooraafi bajataa, akkasumas hojiirra oolmaafi hordoffii hammataafi hirmaachisaa hordofuun jalqabaniiru. Gama birootiin, imalli kun sadarkaa hirmaachisummaa, gaafatamummaa, haq-qabeessummaa, iftoomina, dijitaalomsa, toorarroomsa (IOT), xiinxala ‘data’ guddaa (big data analysis)’fi kkf hojiirra oolchaniin fiixa kan bahu ta’uu hubachuun socho’aa jiru. Jijjiiramoota fayyadamni teknoolojii dijitaalaa eegumsa nageenya lammiileefi qoodinsa odeeffannoo irratti gamanumaa galmeessaa jiru akka fakkeenyatti kaasuu dandeenya. 

Magaalaan Gadaa (Zoonii Dinagdee Addaa Gadaa) imaammata, seera, labsii, dambiifi qajeelfama adda isa taasisaniin kan hundaa’efi socho’udha. Barbaachisummaan zoonichaa mataa isaatiin, lafa murtaa’aa keessatti hojmaatafi sirna bulchiinsa invastimantiifi magaalaa barame irraa addaa ta’e hordofuu danda’uudha. Labsiiwwan, dambiilee, qajeelafamootafi hojmaata ZDA gaggeessuf dandeessisan yeroo yeroon fooyya’uun hojiirra oolaa jiru. Fknf onnachiiftuu fiiskaalaa (fiscal) kanneen akka gibiraa, taaksii, qaraxarraa bilisa galteewwan oomishaafi meeshalee kaappitaalaa galchuu ofkeessatti haammata. Walumaagalatti magaalaan Gadaa bulchiinsa addaa zoonii dinagdee addaa gaggeessuuf oolan diriirsera. 

2. Kenniinsa Tajaajilaa Ammayyaa’aa (Smart Service)
Pilaanonni mummee magaalotichaa, hanga fe’ellee babbareedan, tajaajila si’ataadhan yoo hindabalamne bu’a qabeessa ta’uu hindanda’an. Hojmaata, ilaalcha, teknoolojiifi gurmaa’insa mootummaa barameen haala yaraa kenniinsi tajaajila mootummaa keessa jiru jijjiiruun kan hinyaadamne. Kenniinsa tajaajilaa yeroo, baasiifi ‘bureaucracy’ hirdhisu diriirsuun tajaajila mootummaa bu’a qabeessa (si’ataa, qulqulluu, tekinoolojiin deeggarame, hannaafi loogii lagate) dhaqqabamaafi ittiquufiinsa ummataa goonfate mirkaneessun hiikaa hedduu kan qabudha.

Tomas Pre, [1/22/2026 8:50 PM]
Aantummaan ummataa,  ce’uumsi hawaas-dinagdee, hawwanni invastimantiifi kkf pilaanota kanniinin akeekaman sadarkaa kenniinsi tajaajilaa itti ammayyaa’en murtaa’u. Bu’uuruma kanaan, Mootummaan Naannoo keenyaa qorannoo yeroo dheeraafi baldhaa booda gurmaa’insa WIIRTUU TOKKOffaa (Tajaajila Iddoo Tokkoo) galmoota kaa’aman madaalu hojiirra oolchera. Gurmaa’insi kun, magaalota afran bira darbee, Shaashamanneefi Jimmaattis hojiirra oolera.

WIIRTUUn TOKKOffaa roga maraan addummaa qaba. Gamoowwan isaa, addatti dhimma tajaajila iddoo tokkootiif kan ijaaraman ykn haaromfaman akkasumas bu’uuraalee dijitaalaa kan guutatanidha. Anniisaafi ‘network’n sararoota kallattii adda addaa irraa dachaa (double) diriirfamaniif. Kunis sababoota adda-citiinsa tajaajilaarraa bilisa taasiseera. Tajaajila maraaf ‘istaandaardiin’ ‘siistamaan’ too’atamu waan kaa’ameef tajaajila tokko yeroo ramadameef keessatti goolabuun dirqama. 

Tajaajiloonni wiirtichaa guutumatti waan toorarroomaniif, tajaajilamaan iddoo jiru ta’ee tajaajila argachuu danda’a. Akkasumas gara wiirtichaa deemuun dura wantoota guuttachuu qabu toorarraa qulqulleeffachuu danda’a. Yeroo deemes, fuula ifaan keessummeeffamuu irraa jalqabee, halli turtii mijataan (teessoo, kutaa turtii daa’immanii, tajaajila bunaafi shaayii, sarara “charging”, lafa dhaabiinsa konkolaataafi kkf) qophaa’aniifiru. Tajaajilli kennamu kamuu hordoffii kaameeraa jala kan jiru yoota’u, sirni dhiyeessii komiis diriirera.

Tarsiimoo haaraan, dhimmoota tajaajilamaa qofa irratti xiyyeeffachuun hindaangofne. Rakkoolee ogummaa, fedhii tajaajiltummaafi mijatummaa tajaajiltootaa waliin walqabatan irrattis riifoormii hedduun raawwatamaniiru. Hunda dura tajaajiltootaaf haala, hojmaatafi sirnakkoo hojii mijataa umuun barbaachisaa ture. Bu’uuruma kanaan naannawa hojii hawwataa, iddoo hojii mijataa, kutaa haara galfii qulqulluu, kafteeriyaa sadarkaa isaa eege, ‘gym’, hojmaata ifaafi kkf guutamaniiru. Dabalataanis, hojjettoonni wiirtichaa beekumsa qabaniin dorgomanii haaqacaraman malee, ogummaafi duudhaalee tajaajilaa irratti sirni leenjii  bu’a qabeessummaa guddisuufi miira tajaajiltummaa dagaagsuu irratti xiyyeeffatu diriirfameera .

Yeroo ammaa, tajaajiloonni sektaraalee federaalaa shan (05)’fi kan naannoo 32 WIIRTUU TOKKOffaa kunniinitti walitti qindaa’uun dhiyaataniiru. Adaamaan gosoota tajaajilaa 138, Bishooftuun 131, Shaggar 159 qulqullina, ariitiifi miira tajaajiltummaa olaanaan kennaa jiru. 

Sektaraaleen federaalaa WIIRTUU TOKKOffaa jiran tajaajila poostaa, dhimmoota immigireeshinii, humna ibsaa, teeleefi Baankii Daldala Itiyoophiyaa yoota’an, ZDAG dabalataan Komishinii Invastimantii Federaalaafi Gumruka addatti hammateera. Dabalataanis, WIIRTUUn TOKKOffaa magaalaa Gadaa baankileefi dhaabbilee inshuraansii hedduu hammachuun akkasumas tajaajila daldala sharafa alaa kennuun addummaa qaba. Kunis qajeelfamoota FX 01/2024 fi SBB/99/2026 Baankiin Biyyoolessaa Itiyoophiyaa zoonii dinagdee addaaf addatti baase kan hordofudha. 

Raawwiin hanga ammaa gaarii ta’us, hoji-manee hedduun fuldura keenyatti hafuu nihubanna. Bara kana tajaajiloota sadarkaa magaalaa %100 dijitaalessuun kan keessaa banu ta’a. Kannaafis ijaarsifi haaromsi dameelee dabalataa ariifachaa jira. Dameelee dabalataa 12 magaalaan Shaggarii yeroo dhihootti hojii jalqabsiisu akka fakkeenyatti kaasuu dandeenya.

Wiirtuun Tokkoffaa, manaa manatti tajaajila kennuuf qophii hojmaata diriirsufi leecalloo barbaachisan (fkn konkolaattota) guutuu xumurameera. Kanaanis gama tokkoon tajaajilamtoota gara wiirtuutti dhiyaachuu hindandeenye kan dhaqqabsiisnu ta’a. Hundaa’ol garuu, tajaajila busheessuun fedhii gurgurtaa hawaasa boochisaa jiru guutumatti kan ittiin cabsinu ta’a.  

Galmi keenya dhumaa sektaroota wiirtuu tokkotti walitti qabuun tajaajila akka kennan gochuu miti. Tokkoffaa tajaajiloota isaanii guutumaan guututti walitti baqsuudha. Kanaanis, dameelee tajaajilaa sektaroota naannichaa guutumatti wiirtuu kanaaf dabarsuun, sektaroota dameelee imaammataatti daangessuudha.

Tomas Pre, [1/22/2026 8:50 PM]
Lammaffaa tajaajila argachuuf abbaa dhimmaa ta'uu qofti gahaa hanga ta'utti riifoormicha fuulduratti tarkaanfachiisudha. Kanaafis kallattii “tajaajila ammayyeessuun dhaabbilee dhiyeessan waliini” jedhu hordofaa jirra. Bu’uuruma kanaan, hojmaata gargaarsa abbaa dhimmaa (fknf iyyannoo barreessufi, suuraa kaasuufi kkf) diriirsuun, akkasumas tajaajiloota, kanneen ittaanan argachuuf haalduree ta’an (waraqaa eenyummaa, waliigaltee, kaffaltii, bakka bu'ummaafi kkf) wiirtuulee kanniinitti dhiyeessuun, sababoota abbaa dhimmaa deddeebisuuf ka’umsa ta’an guutumaan guututti hambisuudha.

Walumaagalatti, qaqqabummaafi mijatummaa dhaabbilee hawaasummaa akkasumas dhiyeessiifi qulqullina tajaajila magaalonni eeraman akeekan milkeessuuf sochii baldhaan taasifamaa jira. Jalqabbiin hanga yoonaa qisaasama yeroofi qabeenyaa hirdhiseera; simannaa invastimantiifi galii, walumaagalatti raawwii dabaleera. Akkasumas ittiquufinsa lammiilee guddiseera. 

Qorannoo bara 2017 taasifameen,  ittiquufinsi maammilaa %67 irra ture. Madaallin karaa “QMS” taasifame akka agarsiisutti, bara 2018 Adaamaan gara %98.7’tti, Bishooftuun gara %97’tti, Shaggar gara %98’tti olguddisuu danda’aniiru. Haata’u malee, akka Mootummaa Naannoo Oromiyaatti, madaalliin ittiquufinsaa inni dhumaa qorannoo keessoo ykn “QMS” osoo hintaane, yaada tajaajilamtootaa tu’aa hubatamuu qaba. 

Mootummaan Naannoo Oromiyaa sirna kana yeroo dhihoo keessatti gara magaalota hafanittis kan babaldhisu ta’a. Hundaa’ol ammoo, galma “Digital Ethiopia 2030” hordofuun, bara 2030 ALA dura, tajaajiloota sadaarka magaalaatii hanga aanaa jiran hunda, abbaan dhimmaa gara wiirtuutti dhiyaachuun osoo isa hinbarbaachisin kan dhiyeessinu ta’a. 

3. Hidhamiinsafi Sochii Ammayyaa’aa (Smart Mobility)
Pilaanonni mummee magaalota Adamaa, Gadaa, Bishooftuufi Shaggar koriidoroota misoomaa, funyoowwan sochii dinagdee, qe’eewwan walumaagalatti magaalaa suuka’aa (compact city)’fi giddugala danuu (polycentric) karoorsuu qofa irratti hindaangofne. Bu’uuraalee misoomaa, keessattuu saaphana hidhamiinsaa gidduu isaaniitti sochii si’oomsan — teknoolojiin deeggaraman, filannoon guutaman, mijatoofi hammatoo akeekera.

Karoora daandii yoofudhanne ittiffayyadama lafaa hojiirra jiru, babaldhina egeree, caasaalee keessoo (geological)’fi teessuma lafaa, karoora ittifayyadama lafaa haaraa, dhiibbaa naannawaafi hidhamiinsa bu’uureffachuun kan qophaa’edha. Bobbocni isaas qooddatoota daandii mara: deemsa lafoo,  ‘sarara saayikilii,  lafa bu’umsaa (carriage way), hirmaata gidduu (median strip), diriirsa bu’uuraaleefi buraajoo, lafa magariisaafi kkf kan hammatedha. Akkasumas, akkuma bobboca bara haaraa kamuu, konkolaataa caalaa lafoof duursa kan kennudha. 

Magaalaa Adaamaa
Magaalaan Adaamaa marsaa duraatiin saaphana daandii aspaaltii gosa garaagaraa km 425.67 karoorsee hojiitti galeera. Daandii marfataa koriidoroota gurguddaa walqunnamsiisaanifi baldhina meetira (m) 250 qabu km 62; baldhina m. 180 qabu km 39; daandii  ariitii kutaalee magaalaafi daandiiwwan federaalaa magaalicha qaxxaamuraniin walitti hidhatuufi baldhina m. 120 qabu km 36; daandiiwwan abbaa m. 85 sarara baaburaa cinaa diriiruun giddugalawwan leecalloofi indastirii koriidora sarara baaburaa irratti misooman dhaqqabamaa taasisan km 44 karoorsera. 

Dabalataanis, daandiiwwan keessofi gidduu kutaalee magaalaatti hidhamiinsa dhugoomsan abbaa m. 50 km 73, abbaa m. 40 km 88, fi abbaa m. 30 km 85 karoorsera. Dabalataanis daandiiwwan  abbaa m. 8-25 sochii gara ollaawwan adda addaafi qabiyyeewwan dhuunfaatti raabsan abuurera.

Magaalaa Gadaa
Magaalaan Gadaa yaadama diriirsa bu’uuraalee misoomaa qindaa’aa hordofa. Jalqabumarraayyuu mijatina misooma iddoo tokkootiif qabu (agglomeration) akka hawwata invastimantii tokkootti qabate. Magaalichi walumaagalatti daandii km 900 ijaaruuf karoorsee hojiitti galeera.

Tomas Pre, [1/22/2026 8:50 PM]
Gadaan daandii saffisaa km 88 qabuufi magaalicha Buufata Xayyaaraa Idil-addunyaa Bishoftutiin walqunnamsiisufi keessoo karoorsera. Dandii guddaa baldhina m. 40-60 qabu km 176; daandii giddugaleessaa baldhina m. 30 qabu  km 227; daandii qe’ee km 13.2; daandii imaltuu km 54 abuurera.  Akkasumas, sarara baaburaa km 13.2 fi sarara saayikilii km 44.26 ijaarsuuf karoorsera. Dabalataanis, terminaalota sosochii konkolaataa 16, humna anniisaa MW 3000, ‘network”fi dhiyeessii bishaanii hojjechuuf karoorsera.

Yeroo ammaas daandiiwwan aspaaltii qindaa’afi keessa keessaa, bishaan dhugaatii sekondiin litira 740 dhangala’u, buufanni anniisaa abbaa MW 200, akkasumas buufataaleen gabaa konkolaataa hkt. 4 irra qubatan misoomanii tajaajilaaf qophii ta’aniiru. Gama birootiin, buufata gabaa bilisaa, mankuusaa hkt. 2.6 irra qubateefi gamoo bulchiinsaa ijaaraa kan jiru yoota’u bara bajataa kana xumuruun tajaajilaaf banaa nitaasisa. Walumaagalatti, bu’uuraaleen misoomaa zoonicha sadarkaa idil-adunyaatti dorgomaa taasisan karoorfamanii misoomaa jiru. Zoonichi yeroo kanatti invastaroota idil-addunyaafi biyya keessaa humna olaanaa qaban 39 simachuun hojii keessa galchee jira.

Magaalaa Bishooftuu
Magaalaan Bishooftuu daandiiwwan asphaaltii gosoota torbaafi sarara baaburaa dheerina waliigalaa km 1,674 qaban karoorsera. Daandiiwwan kunneen: daandiiwwan godaanaa baldhina m. 40 – 60 qaban km 341.4; daandiwwan imaltuu baldhina m. 150-250 qaban km 112; daandii saffisaa kaffaltii baldhina m.150 qabu km 32; daandiiwwan giddugaleessaa baldhina m. 20-40 qaban km 437.5; daandiiwwan ittibahumsaa gurguddaa baldhina m. 15-20 qaban km  420; daandiiwwan ittibahumsaa xixiqqaa baldhina m.10-15 qaban km 109.5; daandiiwwan qe’ee baldhina m. 8-12 qaban km 33; akkasumas sarara baaburaa km 188.6 karoorsera. Kana keessayis, hojii daandii marsaa duraa misooma koriidoraa waliin karoorse keessaa %55 ol raawwateera.

Magaalaa Shaggar
Pilaaniin mummee magaalaa Shaggar saaphana daandiifi geejjibaatiif lafa %11 ramada. Shaggar saaphana daandii aspaaltii km 7,000, hidhamiinsa amansiisaafi sochii si’oomaa dhugoomsu karoorsee hojiitti galeera. Dandiiwwan kunneen: sarara “metro”fi daandii  marfataa abbaa m. 250; daandiiwwan gurguddaa abbaa m. 40, 50, 60, 80, 90, 100’fi 150 giddugalawwanifi koriidoroota walitti hidhan; daandiiwwan giddugaleessaa (sub arterial) abbaa m. 25’fi 30 qe’ewwan walitti hidhan; daandiiwwan keessoo qe’ee abbaa m. 15, 16’fi 20 ofkeessaa qabu.

Akkuma olitti kaa’ame, magaalichi bara 2017 irraa eegalee karoora bira darbuun misoomsuutti galeera. Agarsiiftuwwan muraasa haa’ilaallu. Daandii Guddicha Shaggar lootii duraa (Galaan — Galaan Arraabsaa — Kuraa Jiddaa; daandii Duukam — Galaan — ‘UNISA’; daandii Walgeettii Gawwasaa Laga Dambal — Ekkaa Xaafoo; daandii Marfata 18 — Ashawaa Meedaa — Keellaa; daandii Marfata Xaafoo — Laga Daadhii — Kuraa Jiddaa; daandii Ayar Xeenaa — Walattee —‘NOC’ bara 2017 irraa eegalee hojjetamaa jiru. Bara 2018 irraa jalqabee daandiin  ‘Saggar Institute of Technology’ (SIT) — ‘Bati Real Estate’; hojii daandii olguddisaa (upgrading)’tiin daandiin Marfata Haacaaluu – Marfata Abbaa Gadaa; daandiin Seensa Yeshii Dabalee – Marfata Anfoo; daandiin Seensa Alam Baank – Qarsaa; daandiin ‘NOC’ – Sabbataa; daandiin Inxooxoo –  Sulultaa akkaatuma pilaanii mummeefi misooma qe’ee magaalichaatiin hojjetamaa jiru.  Dabalataanis, magaalaan Shaggar sarara geejjiba wadaroo (cable car)’fi sarara baaburaa karoorsera.

4. Guduunfaa
Akka waliigalaatti daandiwwaniifi geejjibni magaalota kunniinitti karoorfaman qusannaa anniisaa, mijatummaa/hammatummaa (qaama miidhamtoota, jaarsolii, daa’imman, dubartoota), madaqummaa (jijjiiramoota dinagdee, hawaasummaa salphaatti keessummeessuu)’fi walsima teknoolojii yaada keessa galchuun kan karoorfamanidha.

Bu’uuraaleen kunniin saphana hidhamiinsaa (network)’fi si’oomina sochii dinagdee, hawaasummaafi tajaajilaa dhugoomsuu kaayyeffatu. Addatti daandiiwwan yemmuu ilaallu marti  isaanii ulaagaa misooma kooridorii kan guuttatanidha.


Sirna Sarara Ariitii  Baasii (Bus Rapid Transit- BRT) gara fuulduraatti diriirufis sarara addaa kan hammatanidha. 

Gama birootiin Sirna Bulchiinsa Tiraafikii Qindaa’aa (ITS) kan hordofanidha. Kunis tinfama sochii (traffic congestion), faalama qilleensaafi ragaa sarara daandirra jiruu giddugala tokkorraa beekufi to’achuuf kan dandeessisudha. Akkasumas misooma bu’uuraaleefi buraajoo qindaa’aa (integrated infrastructure and facility development) kan hordofan waan ta’eef, sochiin hindanqamu; duudhaan miidhaginaa hincabu; fooyya’iinsa madaqsuuf diigumsa guutuu hingaafatu.Akeekni magaalaa bara haaraa (smart city) hojiilee naannawa, jireenyafi nama irrattis raawwatamanis hammateera.