“Raayyaan Ittisa Biyyaa Ajaja Lixaa, Oromiyaa lixaatti nageenya waaressuu keessatti gumaacha olaanaa baheera’’ -Pirezidaanti Shimallis Abdiisaa
Guyyaan hundeeffama Ajaja Lixaa 47ffaan Magaalaa Naqamteetti kabajameera.
Sirna kanarratti kan argaman Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Obbo Shimallis Abdiisaa, Lixni Oromiyaa misoomni daangaadhaa hamma daangaatti addaan citee ture, nageenya waaraa argameen hojiin misoomaa fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessan hojjetamaa jiru, bu’aa Raayyaa Ittisa Biyyaa Ajaja Lixaati jedhan.
Raayyaan Ittisa Biyyaa ,hojii gootummaa hojjeteen dhaloonniifi misoomni akka itti fufuuf aarsaa guddaa kaffaluu himaniiru.
Lixini Oromiyaa giddu gala diinagdee akka ta’uuf, hawaasni naannichaa hojii hojjetamaa jiru eegee akka kunuunfatus Pirezidaanti Shimallis dhaaman.