Daandiin Ida'amuu

  • 28 Mar 2021
  • Posted by Anonymous (not verified)
  • 0 Comments

"Daandiin Ida'amuu sab-daneessummaa jabeessa; kabaja lammilee biyya keessaafi ala jiraataniif dursa kenna" PMNO Obbo Shimallis Abdiisaa

Kitaabni ‘’Daandii Ida'amuu’’ Dr. Abiyyi Ahmadiin barreeffame bakka Pireezidaantiin Mootuummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa argamanitti Magaalaa Jimmaatti eebbifame.

Eebba kanarratti Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa, Dr. Abiyyi hirriba isaanii dhabanii, boqonnaa tokko malee, biyya bulchaa kitaaba kana barreessuun isaanii kutannoofi beekumsa isaanii mul'isa jedhan.

Hoggansa akkasii qabaachuun carroomuudha kan jedhan obbo Shimallis, Dr. Abiyyi kitaabaa akkanaa yeroo kam akka qindeessani barreessan ajaa’ibaa jedhaniru.

Muuxxannoo isaanii irraa barannee, galaa taasifanne, kitaaba kana dubbisnee ittiin hoogganamuu qabnas jedhaniru.

Daandiin Ida'amuu obbolummaa, biyya ijaaruu siyaasa fiixee gamaa gamanaa walitti fidee giddu galeessa tokkotti wal danda'anii biyyaaf akka hojjechuu malan gorsaas jedhan Pireezidaanti Shimallis.

Daandiin Ida'amuu sab-daneessummaa jabeessa; kabaja lammilee biyya keessaafi ala jiraataniif dursa kenna; kitaaba kana keessatti bu'aa bahii biyyi keenya keessa darbite, kallatti gara fuula duraatti biyyi kun deemuu qabdu agarsiisas jedhan.

Daandiin ida'amuu daandiin isaa dheeraadha; daandii kaleessa ilaallee, har'a keessatti hirmaanne, hawwii keenya boruu ittiin milkoofnuudhas jechuun Kitaabaa ‘’Daandii Ida’amuu’’ kana dinqisifataniru.

Sirna Eebba kitaaba Ida'amuu kanarratti qondaaltonni Mootummaa Federaalaa fi naannoo akkasumas hayyoonni bakka argamanitti eebbifameera.