Aangoo fi Gahee Hojii Waajjira Pirezidaanttii
Akkaataa Labsii Qaamolee Raawwachiiftuu Mootummaa Naannoo Oromiyaa Lakkoofsa 242/2014 tiin Waajjirri Pirezidaantii aangoo fi gahee hojii armaan gadii ni qabaata. Aangoofi hojiin Waajjirichaaf Heera Mootummaa keewwata 59 jalatti kenname akkuma eegametti ta’ee, Waajjirichi aangoofi hojii armaan gadii ni qabaata:
- Pirezidaantiifi Manni Maree Bulchiinsaa Mootummaa Naannichaa aangoofi hojii isaanii raawwachuu akka danda’an haala ni mijeessa;
- Imaammata, tarsiimoo fi sagantaalee manneen hojii irraa burqan ni qindeessa; ni xiinxala; yaada murtii Mana Maree Bulchiinsa Mootummaa Naannichaatiif ni dhiyeessa;
- Hojiirra oolmaa imaammatootaa, tarsiimoowwanii fi sagantaalee misooma mootummaa naannichaa ilaalchisee hordoffii fi deeggarsa ni taasisa;
- Yaadawwan murtii adda addaa Pirezidaantii yookiin Mana Maree Bulchiinsaa Mootummaa Naannichaatiif dhiyaatan ni qorata; ni xinxala; yaada murtii ni dhiyeessa; yeroo murtaa’an ni raawwata; ni raawwachiisa; raawwii isaanii ni hordofa; deeggarsa barbaachisaa ni kenna;
- Sirna dhimmoonni bulchiinsaa, iyyannoo fi komiin ummataa ittiin keessummeeffamu ni diriirsa; hojiirra oolmaa isaa ni hordofa; tooftaa adda addaatiin uummanni akka beeku ni taasisa; Haalli raawwii isaa Dambii bahuun kan murtaa’u ta’a.
- Iyyannoo fi gaaffiiwwan abbaa dhimmaa irraa dhiyaatan simachuun ni keessummeessa; deebii ni kenna; kanneen sadarkaa isaatti furmaata argachuu hin dandeenye Pirezidaantiif yookiin Mana Maree Bulchiinsaa Mootummaa Naannichaatiif yookiin qaama dhimmi ilaaluuf dhiyeessuun murtii akka argatan ni taasisa;
- Gosoota, baay’inaa fi sababoota komii uummataa yeroo yeroon qorachuun yaada furmaataa waliin qaama murtii kennuuf ni dhiyeessa.
- Tajaajila pirotokooliifi dokimenteeshinii Pirezidaantiifi Mana Maree Bulchiinsaa Mootummaa Naannichaatiif ni kenna;
- Hojiiwwan hirmaannaa, hordoffiifi deeggarsa dhimma diyaaspooraa ni raawwata;
- Hojii biroo Mana Maree Bulchiinsaa Mootummaa Naannichaafi Pirezidaantiidhaan kennamuuf ni raawwata.