Pirezidaantii Itti Aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii raawwii ji'oottan 9'n darbanii ilaalchisuun ibsa miidiyaaleef keennaniiru.

  • 20 Apr 2026
  • Posted by oromiapre_ulpro
  • 0 Comments
Pirezidaantii Itti Aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii raawwii ji'oottan 9'n darbanii ilaalchisuun ibsa miidiyaaleef keennaniiru.
Ibsa isaaniitiin, ji'oottan 9'n darban Naannoo Oromiyaatti galii Birrii bil. 2’fi mil.37 caalaa akka walitti qabamee ibsuun, galii MNO guddisuuf kaffaltoota gibiraaf hubannoo umuufi maddeen galii sakatta'uun hojiin hojjatamaa turee bu’aa buusaa jiraachuu isaa eeraniiru.
Gama kenna tajaajilaa foyyeessuun immoo, ji'oottan 9'n darban hojjattoota kenniinsa tajaajila mootummaa gufachiisan kuma 10’fi 171 irratti tarkaanfii bulchiinsaafi kanneen biroo akka fudhatame kan himan Obbo Awwaluun, rakkoo bulchiinsa gaarii bifa adda addaan mudataa ture hundeerraa furuufis wiirtuu kenniinsa tajaajilaa iddoo tokkoo ‘Masoob’ magaalota 5 keessatti dursanii hojjachuun muuxannoo argame babal'isaa jiraachuu dubbataniiru.
Marsaa 2ffaas wiirtuu kenniinsa tajaajilaa iddoo tokkoo ‘Masoob’ magaalota 26'tti babal'isuun muraasni tajaajila jalqabuu kan ibsan yoota’u, caalmaatti babal'isuufis marsaa 3ffaan magaalota 60 keessatti eegalameera jedhan.
Tajaajilamtoonni wiirtuu kenniinsa tajaajila iddoo tokkoo ‘Masoob’tti keessummeeffaman harki 97 olis ittiquufinsa kenna tajaajilaa qabaachuu kan ibsan Obbo Awwaluun, hojiin fakkeenyummaa qabu kun babal'atee hawaasni tajaajila barbaade akka argatu MNO xiyyeeffannoo olaanaan hojjachaa akka jiru addeessaniiru.
Hoggansi ummatatti siqee akka tajaajiluufis guyyaa abbaa dhimmaa adda baasuurra darbuun aanaaleefi gandootarratti rifoormii hojjatameen hawaasni tajaajila barbaadu qe'eesaatti akka argatu mijeessuu danda'aameera jechuun, namoonni aantummaa ummataafi gahumsa qaban kuma 50 caalanis gandoota kuma 7 olitti ramadamuun ummata tajaajilaa akka jiran ibsaniiru.