Humna qilleensaatiin dukkana balleessuuf, bifa dilbii keenya adda baaseefi karoora addaatiin pirojektiin aannisaa qilleensarra maddisiisuu har’a Asallaatti dhugoomera- Abiyyi Ahimad (PhD)

  • 20 Apr 2026
  • Posted by oromiapre_ulpro
  • 0 Comments
Humna qilleensaatiin dukkana balleessuuf, bifa dilbii keenya adda baaseefi karoora addaatiin pirojektiin aannisaa qilleensarra maddisiisuu har’a Asallaatti dhugoomera- Abiyyi Ahimad (PhD)
Pirojektiin humna qilleensaatin aannisaa maddisiisuu kun Godina Arsii Magaalaa Asallaatti har’a kan eebbifame yoota’u, sirna eebbaa kanarratti kan argaman MM Abiyyi Ahimad (PhD) humna qilleensaatiin dukkana balleessuuf, karaa dilbii keenya adda baaseeniifi karoora addaatiin dhugoomeera jedhan.
Pirojektichi anniisaa qulqulluu meeggaa waattii 100 kan maddisiisuu akkasumas imala egeree anniisaa adda addaafi ittifufiinsa qabuutti biyya keenyaa deemsa ishee akka saffisiisuu ibsaniiru. Kunis dhiyeessii anniisaa amanamaafi qulqulluu ta’e kan mirkaneessuufi Itoophiyaa badhaate ijaaruuf kutannoo qabnuuf raga ta’us himaniiru.
‎Imalli guddina Itiyoophiyaan gama hundaan cimsuufi daran jabeessuu cimee ittifufaa jiraachu kan himan MM Abiyyi, yeroon yeroo kamiyyuu caalaa biyya guddoo itti taanuu fagoo mitis jechuun dubbatan.
Sirna eebbaa kanaarratti Pirezidaantii MNO Shimallis Abdiisaa dabalatee hoggantonni naannoofi federaalaa garaagaraa argamaniiru. #oromiapresidentoffice2026