Ittigaafatamaan Waajjira Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Abdulaziiz Daawud (PhD), wixinee karoora MNO kan bara 2019 waltajjii gamaaggama raawwii hojii mootummaafi paartii kurmaana 3ffaa Magaalaa Bishooftuutti geeggeeffamaa jiru irratti dhiyeessan

  • 20 Apr 2026
  • Posted by oromiapre_ulpro
  • 0 Comments
Ittigaafatamaan Waajjira Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Abdulaziiz Daawud (PhD), wixinee karoora MNO kan bara 2019 waltajjii gamaaggama raawwii hojii mootummaafi paartii kurmaana 3ffaa Magaalaa Bishooftuutti geeggeeffamaa jiru irratti dhiyeessaniiru.
Wixinee karooraa dhiyaate kanaan, bara 2019'tti callaa kunt. bil. 600'fi mil. 2 ol argachuuf karoorfamuu kan ibsan yoota'u, callaa argamuuf karoorfamee kana milkeessuuf xaa'oo keemikaalaa kunt. mil. 12 oliifi sanyiin filatamaa kunt. mil. 2 ol akka dhiyaatu himaniiru.
Wixineen karooraa dhiyaate kun carraawwan Oromiyaan qabdu, potenshaalaa Oromiyaa keessa jiruufi rakkoowwan jiran xiinxala keessa galchuun kan qophaa'e ta’us Abdulaziiz Daawud (PhD) addeessaniiru. Inisheetiiviiwwan bara 2018 keessaa ittiin hojjatamaa jiran hanga, qulqullina, kalaqaafi walitti hidhaminsa isaanii dabaluuf kan karoorfame ta'uus dabalanii ibsaniiru.