Nama Magaalome: Naannawaafi Jireenya Ammayyaa’aa Waliin Horachuu.Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Shimallis Abdiisaa

  • 23 Jan 2026
  • Posted by oromiapre_ulpro
  • 0 Comments

Nama Magaalome: Naannawaafi Jireenya Ammayyaa’aa Waliin Horachuu.Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Shimallis Abdiisaa

1. Nama Magaalome
Adeemsa seenaa keessatti, magaalota naannoo keenyaafi eenyummaa akkasumas dinagdee ummata keenyaa gidduu masaanummaan caasawaa uumamee ture. Muudannoon kun galmi hundeeffamaa isaanii ummata keenya to’achuu, sirni bulchiinsaa isaanii ummata keenya ukkaamsuu, calaqqeen eenyummaa isaanii ummata keenya ofjibbisiisufi ofdagachiisuu, caasaan dinagdee isaanii ummata keenya qorquu ta’uu irraa madda.

Kunis ummanni keenya magaalotuma qe’ee isaatti hundaa’an irraa dhiibamee ykn baqatee baadiyyaatti akka mandheeffatu, akkasumas omishaafi oomishtummaa guddisuuf akka hinonnanne danqa caasawaafi caasawa olaanaa (super/structural) itti ta’ee tureera.

Adeemsa keessa masaanummaan ummata keenyafi magaalaa gidduu ture hirdhachaa dhufuun isaa hinoolle. Ummanni keenyas amma tokko ilaalchafi amaloota magaalummaa horachaa akkasumas mala jireenya magaalatti madaqaa dhufeera. Haata’u malee, gaaddiduun haftee (legacy) adeemsa seenichaa soqolatee nuhordofuun har’a gaheera. Kunis adeemsa jijjiiramaa keenya harkifataa taasiseera. Kanaaf, ariitii adeemsichaa dabaluun ce’uumsa milkeessuuf hojiileen caasawa, bulchiinsafi imaammata irratti xiyyeeffatan raawwatamuu qabu. Mootummaan Naannoo Oromiyaa pilaaniiwwan mummee imaammata magaalomsuu haaraa lafa qabsiisan qopheessee hojiitti galuun isaa galma ce’uumsa caasawaa kana ariitiin milkeessufi.

Imaammanni, tarsiimooleefi sagantaaleen magaalomsuu mootummaafi lafaa keenya hubatamaa jiru. Haata’u malee, yooxiqqaate sababoota lamaaf jecha "namni" giddugala xiyyeeffannoo ijoo magaalomsuu keenya ta’ee bahuu qaba. Tokkoffaa, galmi kun nama magaalomeen ala humna kamiinuu hinmilkaa’u; hinfulla’us. Lammaffaa, bu’aa bahiin galma magaalomsuu irratti taasifamu kamuu deemee deemee fayidaa namaa mirkaneessuuf kan gaaggeeffamudha; mijatummaafi fulla’iinsa jireenya namaa mirkaneessudha.

Pilaaniiwwan mummee magaalota Adaamaa, Gadaa, Bishooftuufi Shaggar jiraattota magaalota keenyaa ilaalcha, amalaafi mala jireenyatiin magaalomsuu ifatti akeekaniiru. Ilaalchifi amalli magaalaa aadaa qusannaa, liqiifi invastimantii; ogummaa harkaafi tajaajilaa (daldalaa, gabaa) hubannoo teknoolojii dijiitaalaa, kalaqa, dhaweessummaafi kkf’n ibsama. Qooddatoota kunniin irratti milkaa’uun toorawwan xiyyeeffannoo dinagdee keenya keessaa kanneen akka maanifaakchariing indastirii, turizimiifi dinagdee dijitaalaa babaldhisuuf humna guddaa ta’u. Darbees galmoota qabsoo Oromoo, keessumaa ‘dhaloota saayinsiifi teknoolojiin dorgomaa ta’e uumuu’ isa jedhu milkeessuuf daran murteessodha.

Namni magaalome ykn namni ammayyaa (smart person), isa digrii qofa qabu osoo hintaane, isa jijjiirama ilaalchaa, hubannoo faayinaansifi ogummaa dijitaalaa goonfatedha. Namni kun isa harka hiikkateefi sona dabalee jiraachuu danda’udha; daldalaafi gabaa keessa galee dorgomaa ta’udha. Bu’uuruma kanaan, magaalonni kunniin imaammataafi tarsiimoo ifa akka qabaatan, dhaabbilee ogummaafi teknikaa waliin walitti dhiheenyaan akka socho’aan abuurameera. Horannaa ogummaa harkaafi tajaajilaa jajjabeessuu irratti argamu.  Aadaa qusannaa, liqiifi invastimantii jiraattotaa magaalafi intarpiraayizootaa dagaagsuuf seera, hojmaata, paakeejii onnachiiftuu, dhiyeessi faayinaansifi kkf irratti hojjiilee baldhina qaban raawwatamaa jiru. 

Inisheetivoonni magaalaa gosoota 6 ta’an bocamanii dargaggoota baldhinaan hirmaachisaa jiru. Kanneen keessaa inisheetiviin ‘indastiriin godoo’ magaalaa qofti dameelee 14 ofjalaa kan qabu yoo ta’u, dargagoota kumaatamaan lakka’amaniif carraa hojii ogummaa irratti hundaa’e umaa jira. Akkasumas afran dabalatee, magaalonni naannoo keenyaa marti inisheetivii babaldhina giddugalawwan gabaatiin hojii jajjabeessaa raawwachaa jiru. Walumaagalatti dagaagina ogummaatiif xiyyeeffannoo kennuun omishaafi tajaajila (goods and services) akka dhuunfaa, intarpiraayiziifi dhaabbata kamiittuu dhiyeessinuun dorgomaa ta’uu akka qabnu kallattiin kaa’ameera.

Tomas Pre, [1/22/2026 8:54 PM]
Kana malees, namni magaalome nama barumsa idileetiin daanga’e osoo hintaane, kan aadaa ‘barumsa walirraa hincinne’ (lifelong learning) horatedha. Addunyaa teknoolojiifi beekumsaan ariitiin jijjiiramaa jirtu keessatti, namni keenya ogummaafi hubannoo isaa yeroo waliin walsimsiisee ittifufiinsaan ofhaaromsaa deemuu qaba. Kunis dorgomaa ta’ee ittifufuufi carraawwan haaraa dinagdee magaalaa keessatti uumaman fayyadamuuf isa dandeessisa. walumaagalatti, ogummaa harkaafi tajaajilaa goonfachuu qofa osoo hintaane hubannoo dijitaalaa ittifufiinsaan guddachaa deemuun deeggaruun dhimma boruuf hinjedhamnedha.

Amalli nama magaalomee inni biroo kalaqeessummaafi dhaweessummaadha. Namoota ciminoota kunniin qaban horachuun humna dinagdee magaalaa baay'isuuf akkasumas fedhii gabaa jiru guutufi haaraa uumuuf bu’uura. Pilaaniwwan, imaammanniifi tarsiimooleen magaalomsuu haaraa, sirnakkoo daangessoo kalaqaafi dhaweessummaan armaan dura keessa turan bu’uurarraa jijjiiruu akeeku. Magaalonni keenya seera dandeessisoo baasuun, naannawa mijataa uumuunifi dhiyeessii fayinaansii “start-up” diriirsuun kalaqaafi dhaweessummaaf sirnakkoo si’oomsaa akka ijaaran ifatti kaa’ameera.

Bu’uuraalee misoomaa ijoo, wiirtuulee (incubations) kalaqaafi dhaweessummaa yaanni itti misoomufi wayyoomu; giddugala omishaafi tajaajilaa, iddoowwan hojii, madda dhiyeessii faayinaansii, giddugala dhiyeessii gabaa qopheessufi hidhamiinsa gabaa uumuu irratti adeemsa kalaqaawaa akka hordofan agarsiifameera. Qabeenya walitti qindeessuun humneessufi kaampaanota teknoolojii walitti hidhuun ijaaruu toora hojii ijoo akka taasisan hubachiifameera.

Hojii qabatamaan erga eegaleeyis bubbuleera. Dargaggoota, daldaltootafi invastarootaaf leenjiin dhaweessummaa gaggabaabaa yeroo yerootti kennamaa tureera; kennamaas jira. Hubannoo dijiitaalaa (digital literacy) dabaluuf sagantaaleen "Digital Ethiopia" irratti hundaa’an babaldhataa jiru. Hubannoofi ogummaa jiraattota magaalaa gama tajaajila dijiitaalaafi daldala dijiitaalaatiin jiran dabaluun dinagdee dijiitaalaa babaldhisuuf hojjetamaa jira. Carraa kanaan, magaalonni afran jalqabbicha idileessuun, isaan hafaniif modeela ta’anii akka bahan hubachiisuun barbaada.

Dhaabbileen barnoota olaanoo gama isaanitiin ilaalcha kalaqaafi dhaweessummaa qaama sirna barnootaa taasisuu cinaatti, indastiriin walitti hidhuun beekumsa gochaan deeggaruu irratti hojjechuu qabu. Wiirtuulee magaalotaan hundaa’anis qo’annoofi qorannoon akkasumas leenjiin deeggaruun imala nama magaalomsuu fiixan baasuu keessatti gahee isaanii akka bahatan yaadachiisuun barbaada.

Kanaaf jalqabbii gaariin ‘Shaggar Institute of Technology-SIT’ jiru fakkeenyummaa guddaa kan qabudha. ‘SIT’ kallattii barnoota gochaan deeggarameefi kalaqa irratti xiyyeeffatu hordofa. Kanaafis deeggarsa ogummaa sadarkaa idil-addunyaatti dorgomaa ta’e, ‘laaboraatooriiwwan’ 136 wixineewwan yaada kalaqaa wayyoomsufi misoomsuuf tajaajilanifi wiirtuu ‘prototype’ omishuuf oolu qopheesera. Dabalataanis paarkii indastirii ‘prototype’n fudhatama argate hedduumminaan keessatti omishamuufi hidhamiinsa gabaa amansiisaa diriirsuuf karoorsee sochii qabatamaa taasisuu irratti argama.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa, dhaloota daa’ummaarraa kaasee kennaa isaa hubateefi guddisu horachuuf dhaweessummaa gosa barnootaa tokko gochuun sadarkaa tokkoffaa irraa keessa barsiisuu irratti argama. Fuuldurattis, qulqullina barnoota qalamaa cinaatti, galteewwan ka’umsa kalaqaafi dhaweessummaa ta’aniifi miira waldorgomii uman dhiyeessuuf humna qabu hundaan kan socho’u ta’a. Carraa kanaan, magaalonniifi sektaroonni isaan ilaallatu, sagantaa dorgommiifi badhaasa dhaweessotaafi kalaqeessota manneen barnootaa, magaalaafi waliigalaa qopheessun akka gaggeessan yaadachiisuun barbaada. Adeemsaan ammoo jaarmiyaa ofdanda’eefi bilisa hundeessuun gulantaa ittaanutti ceesisuu barbaachisa.

Imalli kun roga-maraan guutummaa naannichaatti bu’uura akka qabatu, Mootummaan Naannoo Oromiyaa haaromsa aadaa labsee hojjiilee hedduu raawwataa jira.

Tomas Pre, [1/22/2026 8:54 PM]
2. Naannawa Ammayyaa’aa (Smart Environment)
Amalli magaalaa ammayyaa’aa (smart city) inni biroo naannawa umamaatiin kan walqabatu. Pilaaniwwan haaraan magaalota afranii dhaala qabeenya umamaa, qabeenya aadaa, danummaa lubbu-qabeeyyii (biodiversity)’fi sirnakkoo tursiisuu irraatti fuulleffatu. Akkasumas magaalaa magariisa, giddugalawwan ispoortii, lafa banaa haara-galfii qulqulluu, hammataa, dhaqqabamaafi mijataa dhugoomsuu bu’uureffatu. Hammatummaan, gama tokkoon umrii hundaafi saala lamaanifu filannoo bashannanaa qabaachuu, gama birootiin hidhamiinsa hawaasummaa cimsu irratti hundaa’a. Dhaqqabummaan gama isaatiin giddugaleessummaa argamaa, banaa ta’uufi miira abbummaa tajaajilamtootaa dagaagsuu danda’uudhaan ifa.

Pilaaniiwwan mummee haaraan, uwwisa waliigalaa magaalotichaa harka caalu naannawa umamaatiif (natural environment) daangessaniiru. Koriidoroota lafa magariisaa, tulluuwwanifi gaarren magaaloticha marsan, sululoota, hidhiwwan umamaafi nam-tolchee, teessumoota mijatoo jiran hunda adda baasaniiru; Koriidoroonni kunniin misooma lafa banaa haara-galfii, magariisaa, ikoo-turizimii, giddugala ispoortiifi kkf abuuramaniiru. Misoomni koriidorii magaalota kunniinin raawwachaa jirus, kallattii dhuma kana kan hordofudha. 

Sirna bulchiinsa qindaa’aa maddoota qabeenyafi dhiyeessii bishaanii, balfa dhangala’aa, yaa’insa umamaa (natural drainage)’fi lolaa diriirsuun naannawa ammayyaa’aa uumuuf karoorfameera. Kunuunsafi qusannaa bishaanii jajjabeessuuf akkasumas fayyadama hinmalle hirdhisuuf akeekameera. Dabalataanis, sirni walitti qabiinsa, yaalafi dhabamsiisa bishaan xuraa warshaalee diriiruu malu agarsiifameera.

Damdamannaa dhiibbaa jijjiirama qilleensaatiifis xiyyeeffannoon addaa kennameera. Rakkoolee akka lolaa tasaafi ho’a qilleensa magaalaa garmalee dabalu (urban heat island effect) ittisuuf, karoorri magaalaa ‘bu’uuraalee misoomaa magariisaa’ babaldhisuuf mijatu abuurameera. Kunis Inisheetivii Ashaaraa Magariisaa keenya waliin walsimsiisuun, magaalota qilleensa madaalawaa qabaniifi dhaloota dhufuuf wabii ta'an ijaaruu kan mirkaneessudha.

3. Jireenya Ammayyaa’aa (Smart Living)
Pilaaniwwan haaraan fooyya’iinsa haala jireenya magaalaa akeekaniiru. Kanaafis tarsiimoolee sona umamaafi aadaa jireenya qulqullina qabu tursiisufi dabaluuf barbaachisan irratti xiyyeeffachuuf dandeessisan akeekaniiru. Fayyaa hawaasaa eeguu, nageenya amansiisaa teknoolojiin deeggarame mirkaneessufi manneen jireenyaa sadarkaa isaanii eeggatan haala dhiyeessuun itti danda’amu irratti kallattii kaa'u.

Babaldhina tajaajila hawaasummaafi buraajoo (facilities) mijatinaafi qulqullina olaanaa mirkaneesse; lafa banaa waloo qaqqabamaafi hammataa abuuraniiru. Hundaa’ol, akkaataa magaalota jireenya daa’immanii, dubartootaafi lammiilee umrii dheeraa qabaniif mijatan uumuu danda’amu irratti kallattii ifa kaa’aniiru.

4. Guduunfaa
Walumaagalatti, imalli ijaarsa magaalaa ammayyaa (smart city) keenya jijjiirama teknoolojii qofa miti; bu’uuraan haaromsa hawaas-dinagdeeti. Akeeka kana, karaa jalaa— haaromeen, karaa gidduu — misooma koriidoriitiin, karaa gubbaa — pilaanii mummeetiin kan lafa qabsiisnu ta’a. Bu’uuruma kanaan magaalonni keenya — bu’uuraalee barbaachisoo guuttachuun; carraa guddinaa uumuun; akkasumas jireenyaf haala mijataa dhugoomsuun — amaloota magaalota badhaadhinaa akka horatan kutannoon kan hojjennu ta’a. Deemee deemee, hoggansa kalaqaawaa kennuun nama magaalomee naannawaa ammayyaa’aa keessa jireenya ammayyaa jiraatu uumuun badhaadhina magaalaa hundagaleessa nimirkaneessina.

Galmi keenya dhumaa, sirna diinagdee haaraa bargaafata baadiyyaafi magaalaa (rural-urban dichotomy) gidduu jiru diigee, qindoomina hawaas-dinagdee (socio-economic integration) uumu milkeessudha. Magaalota ammayyaa baadiyyaa liqimsuurra hammatan; qonnaan bulaa keenya buqqisuurra gara dinagdee ammayyaatti ceesisan; eenyummaa keenyaa dawweessurra, madaqiinsafi fulla’iinsaa goonfachiisan mirkaneessudha.  Asirratti pilaaniwwan mummee kunniin maal akka akeekan kutaa dhumaatiin kan ilaallu ta’a.