Magaalota Oromiyaa — Daandii Haaraan Maaf Barbaachise? Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Shimallis Abdiisaa
Magaalota Oromiyaa — Daandii Haaraan Maaf Barbaachise? Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Shimallis Abdiisaa
Magaalonni barkumeewwaniif wiirtuulee sosochii, warraaqsaa, ce’uumsa hawaas-dinagdeefi siyaasaa ta’uun tajaajilaa jiru. Qaroominni kamuu magaalaatti mandheeffata. Magaalonni har’aan tana walakkaa ummata addunyaa hammataniiru. Dhibbentaan kun nuusa jaarraa booda 70 ol akka gahu eegama. Dhibbentaan 80 hundumtaa omisha addunyaa (GDP) magaalota irraa burqaa jira; gaheen kunis bifuma walfakkaatuun dabalaa deemutu eegama.
Naannoo keenyatti magaalota 730 oltu argama. Mootummaan Naannoo Oromiyaa, magaalonni kunniin galmoota qabsoo Oromoo milkeessuu keessatti shoora olaanaa akka taphatan barbaada. Hata’u malee, gahee kanarraa fagoo jiru. Walitti dhiheenya qubsumaa irraa kan hafe pilaanii magaalaa, sirna dinagdee, hariiroo hawaasummaa, lafa banaafi naannawa umamaa (natural environment), qophaa’ummaa carraa egereefi madaqummaa gahee isaanirraa eegamu bahatuuf isaan dandeessisan hinqaban.
Hoggansi jijjiiramaa naannichaa daandii magaalomsuu haaraa kufaatii kana hambisu beeksiseera. Akkasumas hammattoo daandii haaraa bocuun, magaalota naannichaa irra-deebiin gurmeessaa, haaromsaafi haaraa hundeessaa jira. Carraa kanaan, hudhaalee ijoo daandii haaraa barbaachisaa taasisan beekun murteessadha. Bu’uuruma kanaan, hudhaalee magaalonni yeroo ammaa SHAGGAR, BISHOOFTUUfi ADAAMAA hundeessan keessa turan, akkasumas sababa hundeeffama magaalaa GADAA (Zoonii Dinagdee Addaa Gadaa —ZDAG) haa’ilaallu.
1. Daandii Haaraan Maaf Barbaachise?
Tokko — KAROORA MAGAALAA (Urban Plan)
Magaalonni bittinnaa’oo Shaggar, Bishooftuufi Adaamaan irraa hundaa’an marti mata mataatti pilaanii mummee (master plan) kan qaban turan. Haata’u malee, karoorri mummee isaanii gama tokkoon xiinxala uwwisa baldhaa (spatial development plan) irratti hundaa’uun kan qophaa’an hinturre. Kanaaf, dilbii caalmaa (comparative advantage) keessoofi naannawa isaanii jiru sirnaan kan adda baafatan akkasumas toora xiyyeeffannoo dinagdee isaanii akkaataa kanaan kan murteeffatan hinturre. Waan ta’eef, kudhan reebanii tokkollee osoo hinqabin hafuuf dirqamaniiru.
Bu’uuraalee misoomaa keessofi naannawa isaanii jiran, baadiyyaa isaan marseefi hidhamiinsa qindaa’aa gidduu isaanitti umamuu qabu sirnaan kan xiinxalan hinturre. Galmoonni inni tokko milkeessuuf socho’u, kan isaan hafanii waliin, akkasumas haala naannawa isaanii jiru waliin yemmuu walfaallessantu muldhachaa ture. Hundaa’ol ammoo, pilaaniwwan mummee isaanii, hanqinaalee dhuma qaban waliinuu sirnaan kabajamaa hinturre. Pilaaniin mummee magaalota kunniinii galma waloo kan hinqabne turan. Akkasumas turtiidhan yeroo garagaraarratti argamuun (jalqaba, walakkaafi gara xumuraa) isaanii qindeessuuf kan hinmijanne taasiseera. Dabalataanis, guutummaatti karoora misooma qe’eetiin (local development plan) kan deeggaraman hinturre.
Koriidoroota misoomaa, funyoowwan sochii dinagdee, giddugalawwaniifi qe’eewwan (localities) sirnaan adda fo’aman danuu hinqaban ture. Kanneen turanis, ijaarsa seeran alaafi akka feeteen kan marfaman, hidhamiinsi bu’uuraalee misoomaa ijoo kan hinguuttanne, akkasumas gidduu isaanitti hidhamiinsa qindaa’aa kan hinqabne turan. Kanarraa kan ka’e, funyoowwan, giddugalawwaniifi qe’eewwan dhiyeenyatti argamanillee qabatamaan fagoofi kan hindhaqqabamne ta’uuf dirqamaniiru. Walumaagalatti, abuurri pilaanii magaaloota kanneenii misoomaa waarawaa (sustainable development) mirkanneessuuf kan dandeessisu hinturre.
Lama — DINAGDEE MAGAALAA
Magaalonni kunniin, yaadama magaalaa akka motora dinagdeetti ilaaluun kan masakaman hinturre. Bu’uuraalee misoomaa, buraajoo (facilities)’fi leecalloo (logistics) motora dinagdee isaan taasisan; humna namaa amala magaalummaa, ogummaafi beekumsa barichaa horate; seera, imaammataafi hojimaata invastimantii hawwatoo; sirnakkoo dhaweessummaafi “star-up” jajjabeessu; naannawaafi bu’uuraalee daldala dammaqsan; dhaabbilee dhiyeessifi hammattummaa faayinaansii cimsan kan horatan hinturre.
Walumaagalatti, sirna dinagdee boodatti hafaafi al-idilee keessatti kan dhidhiman turan. Kanarraa kan ka’e, gahee olaanaa hundumtaa omisha naannoo (GDP) keenyaa keessatti qabaachuu malan irraa daran fagaatanii turaniiru.
Sadi — Dhimma HAWAASUMMAA
Dhiyeessii, dhaqqabummaafi qulqullinni tajaajila hawaasummaa isaanii gadi bu’aa qofa hinturre; guyyaadhaa gara guyyaatti kan hammaatan turan. Rakkooleen dhiyeessifi qulqullina mana jireenyaafi naannawaa akkasumas hoji-dhabdummaafi bu’aaleen hi’intaa isarraa maddan calaqqee isaanii ijoo turan. Garaagarummaan galiifi carraalee guddinaa jiraattota gidduutti umame yaaddessaa ture. Lafa banaa haara galfii akkasumas giddugalawwan hawaasummaa hammatoo kan hinqabne turan.
Afur — FULLA’IINSA MISOOMAAfi NAANNAWAA MAGAALAA
Babaldhinni akka feetee, ijaarsi seeran alaafi ittifayyadamni lafaa gara dhabaan muldhachaa ture, misoomaa waarawaa magaalaa qofa osoo hintaane, ittifufiinsa naannawaa (environmental sustainability) gaaffii hamaa keessa kan galchan ture. Gama kaaniin, rakkooleen bulchiinsa/dhabamsiisa balfaa, kunuunsa qabeenya umamaa, mancaatii naannawaafi kkf guyyuun kan itti hammaataa turanidha.
Shan — Dhimma SIYAASAA
Dhimmi magaalaa, hundaa’ol dhimmi magaalota keenya giddugaleessatti argamanii, gaaffii sayaasaa ummata keenyaa ta’ee turuun isaa niyaadatama. Kanaaf, caaseffamni irra-deebii magaalotichaa, keessumaa hundeeffamni Shaggar, deebii siyaasaa qabsoo bara baraati. Siidaa wareegama dhalootaati. Milkaa’inni galmoota isaanis, obsa dhalootaa kan gaafatuudha.
Jaha — CARRAALEE Idil-addunyaa, EGEREEfi UWWISA BALDHAA
Magaalonni armaan dura turan carraalee uwwisa baldhaa keessatti argamaniif qofa osoo hintaane carraalee egereetifis kan hinqophoofne turan; madaqoos hinturre. Kanaaf, haaromsi magaalota kunneenii, addatti ammoo hundeeffamni magaalaa Gadaa, qophaa’ummaa carraalee uwwisa baldhaafi egeree fayyadamuuf nudandeessisu horachuu waliin kan walqabatudha.
2. Bu’uurri Daandii Haaraa Maali?
Hammattoon daandii haaraa, “Faan-dhawa Bu’uuraa (basic map) Karoora Misoomaa Uwwisa Baldhaa” (Spatial development plan)’ti. Hoggansi Jijjiiramaa naannoo keenyaa, hudhaalee ijoo gahee magaalotaa danqaa turan kanniin hambisuuf, yaadama magaalomsuu haaraa beeksiseera. Yaadamni kun hunda dura, gaheen jedhame dhimma qeenxee magaalomsuu irratti qofa rarra’uun kan hinmilkoofne ta’uu hubachiisa. Kanaaf, imaammanni magaalomsuu akkasumas pilaanii mummee (master plan) haaraan, galma ce’uumsa rog-maraa (holistic transformation) naannichaa keessatti akka kufu taasifameera.
Kunis gama tokkoon carraaleefi dilbiiwwan magaalonni rog-maraa qaban adda baasuuf uwwisaa baldhaa (spacious analysis) keessatti ilaaludha. Carraaleefi dilbiiwwan magaalotaa uwwisaa baldhaa keessatti hubachuu yemmuu jennu, sakatta’iinsa magaala qofatti daanga’u taasisuu irraa bahuun, sadarkaa naannoo, biyyaa, qaxanaafi kutaa/idil-addunyaatti hubachuudha. Gama birootiin carraaleefi dilbiiwwan sektara birootiin (fkn - misooma baadiyyaa) jiraniin walsimsiisuun akkaataa ce’uumsa naannichaa roga-maraan taasifamu humneessuu danda’aniin dhimma ittibahuudha.
Bu’uuruma kanaan, Mootummaan Naannoo Oromiyaa, sakatta’iinsa dinagdee, hawaasummaa, bulchiinsaa, naannawaa (environment)’fi ittifayyadama lafaa ‘karoora misooma uwwisa baldhaaf’ (spatial development plan) ka’umsa ta’u gaggeesera. Asirratti hundaa’uun, faan-dhawi bu’uuraa tamsa’ina — ittifayyadama lafaa, bu’uuraalee misoomaa, buraajoo (facilites), invastimantii, sochii misoomaa, dambalii ummataa (population dynamics), dhiyeessifi dhaqqabummaa tajaajila hawaasummaa, carraalee guddinaafi hidhata hawaasummaa kutaalee naannichaa agarsiisu qophaa’eera.
Faan-dhawi bu’uuraa kun uwwisa baldhaa keessatti, “maaltu eessatti argama? Maaltu eessatti ta’uu/babaldhachuu qaba?” gaaffilee jedhan deebisuuf nudandeessiseera.
Fakkeenyaaf lafti qonnaaf, babaldhina magaalaaf, industirii gurguddaaf, naannawa umamaafi koriidora misooma magaalaaf/baadiyyaaf kkf ooluu qabu kam akka ta’e/eessatti akka argamu; tamsa’inni bu’uuraalee ijoo, tajaajila hawaasummaafi qabeenya umamaa magaalaa/baadiyyaa maal akka fakkaatu; maaltu kallattii kamiin babaldhachuu akka qabu; gosti “agro-ecology” kam eessatti akka argamu; qabeenyi umamaafi nam-tolchee maal maaltu eessatti akka argaman; tamsa’inni invastimantii keenya maal akka fakkaatu akkasumas toorawwan hawwataa (areas of attraction) ittaanau maal maal ta’uu akka qabanifi kkf beeknee socho’uuf ka’umsa guddaa ta’eera.
Faca’iinsifi akaakuun inisheetivoota baadiyyaafi magaalaa keenya; tamsa’inni paarkiilee industirii qonnaa qindaa’aa, Wiirtuuleen Ce’uumsa Baadiyyaa (RTCs)’fi warshaalee kurfeessa omishaalee qonnaa (agro-processing) keenya; babaldhinni wiirtuulee baadiyyaa (Haaromee)’fi pirojektoonni garagaraa; barbaachisummaafi qubsumni iddoowwan ikoo-turizimii haaraa hundeeffaman; barbaachisummaafi argamni Zooniin Dinagdee Addaa (ZDA)’fi kkf faan-dhawa kana bu’uureffachuun kan karoorfaman akkasumas raawwatamaa jiranidha.
Gama magaalota keenyatiinis, caaseffamni irra-deebii, haaromsiifi hundeeffamni magaalaa haaraa, akkasumas filannoon toora xiyyeeffannoo dinagdee haaraa adeemsa kana kan hordofedha. Kunis, xiinxala carraaleefi dilbii keessoo magaalotichaa, naannawaa isaanifi uwwisa baldhaa faan-dhawa bu’uuraatiin kaa’ame hordofuun kan murtaa’edha.
Walumaagalatti, walmorkii fedhiilee guddina dinagdee, jireenya mijataafi fulla’iinsa naannawaa (environmental sustainability) gidduu jiru akkasumas hariiroo magaalaa-baadiyyaa sirna qabsiisuun, ummata keenyaaf misooma ittifufiinsa qabu dhugoomsuun hammatoo tarsiima’aa magaalomsuu haaraati. Mootummaan Naannoo Oromiyaa yaadamaafi hoggansa gahee milkaa’ina galmoota qabsoo Oromoo sadan keessatti isaanirraa eegamu bahachuuf isaan dandeessisuun qajeelchuuf xiyyeeffannoo addaatiin socho’aa jira. Kanaaf, tarsiimoofi hojiirra oolmaa pilaanii mummee (MASTER PLAN) magaalota Shaggar, Bishooftuu, ZDAG’fi Adaamaa akka agarsiiftutti kan ilaallu ta’a.






